LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 4 ful. 16-ful. 17 key. 2
  • Aariin Ajjeechaatti Geesse

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Aariin Ajjeechaatti Geesse
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mucaa Gaarii Ta’e Tokkoofi Mucaa Hamaa Ta’e Tokko
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Haati Manaa Qaayin Eenyu Turte?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • ‘Inni Duʼeera, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • ‘Inni In Duʼe, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 4 ful. 16-ful. 17 key. 2
Yommuu Abeel Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessu Qaayin ni aare

BARUMSA 4

Aariin Ajjeechaatti Geesse

Addaamii fi Hewaan iddoo biqiltuu Eedan keessaa erga baʼanii booda, ijoollee hedduu godhatan. Qaayin ilmi isaanii inni jalqabaa qotee bulaa taʼe; Abeel ilmi isaanii inni lammaffaan immoo tiksee taʼe.

Gaaf tokko Qaayinii fi Abeel Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessan. Aarsaan maal akka taʼe beektaa? Kennaa adda taʼe dha. Yihowaan aarsaa Abeelitti gammadeera; kan Qaayinitti garuu hin gammanne. Kun immoo Qaayiniin baayʼee aarse. Yihowaan, aariin Qaayin wanta hamaa akka hojjetu isa gochuu akka dandaʼu isa akeekkachiisee ture. Taʼus, Qaayin dhagaʼuu dide.

Kanaa mannaa, Qaayin Abeeliin, ‘Kottu gara dirreetti baanaa’ jedheen. Yommuu gara dirreetti baʼanii kophaa isaanii taʼan, Qaayin obboleessa isaa rukutee ajjeese. Yihowaan kana ilaalchisee tarkaanfii akkamii fudhata? Qaayin maatii isaa irraa fagaatee akka adeemu gochuudhaan isa adabeera. Qaayin matumaa deebiʼee akka dhufu isaaf hin heyyamamu.

Cain approaches Abel in a field

Kana irraa barumsa akkamii arganna? Wantoonni karaa nuti yaanneen yoo raawwatamuu baatan ni aarra taʼa. Aariin keessa keenyatti guddachaa akka jiru yoo hubanne ykn warri kaan aaruu keenya hubatanii yoo nu akeekkachiisan, miirri keenya nu toʼachuu isaa dura dafnee sirreessuu fi toʼachuu qabna.

Abeel Yihowaa waan jaallatee fi wanta sirrii taʼe waan raawwateef, Yihowaan yeroo hunda isa ni yaadata. Waaqayyo lafti kun deebitee jannata akka taatu yommuu godhu Abeeliin duʼaa ni kaasa.

“Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.”—Maatewos 5:24

Gaaffii: Ijoolleen Addaamii fi Hewaan warri jalqabaa lamaan eenyufaʼi? Qaayin obboleessa isaa kan ajjeese maaliifi?

Uumama 4:1-12; Ibroota 11:4; 1 Yohaannis 3:11, 12

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi