LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 2 ful. 10-ful. 11 key. 1
  • Waaqayyo Dhiiraa fi Dubartii Jalqabaa Uume

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Dhiiraa fi Dubartii Jalqabaa Uume
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhiiraafi Dubartii Jalqabaa
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Kan Dulloomnuu Fi Kan Duunu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Diinni Keenya Duuti Ni Golgoleeffama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Jireenyi Jannataa Maal Fakkaata Ture?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 2 ful. 10-ful. 11 key. 1
Addaamii fi Hewaan iddoo biqiltuu Eedan keessatti

BARUMSA 2

Waaqayyo Dhiiraa fi Dubartii Jalqabaa Uume

Yihowaan bakka Eedan jedhamu keessatti iddoo biqiltuu qopheesse. Iddoon biqiltuu kun abaaboowwan, mukeetii fi bineensotaan kan guutame ture. Achiis Waaqayyo Addaam isa nama jalqabaa taʼe biyyoo irraa tolchee, qaawwa funyaanii isaatti hafuura baafate. Achiis maaltu akka taʼe beektaa? Namichi qaama jiraataa taʼe! Yihowaan, Addaam iddoo biqiltuu sana akka kunuunsuu fi bineensota hundaaf maqaa akka baasu isatti hime.

Yihowaan Addaamiif ajaja iddoo guddaa qabu kenne. Addaamiin akkana jedhe: ‘Muka isa adda taʼe tokko irraa kan hafe firii mukaa hunda irraa nyaachuu dandeessa. Firii mukaa sana irraa yoo nyaatte garuu ni duuta.’

Yeroo booda Yihowaan ‘Addaamiif gargaartuu nan tolcha’ jedhe. Waaqayyo Addaam hirribni cimaan akka isa fudhatu erga godhee booda, lafee cinaachaa isaa tokkotti fayyadamee haadha manaa isaaf uume. Maqaan ishii Hewaan jedhama ture. Addaamii fi Hewaan maatii jalqabaa taʼan. Addaam waaʼee haadha manaa isaa maaltu isatti dhagaʼame? Innis baayʼee gammadee akkana jedhe: ‘Ilaa, wanta Yihowaan lafee cinaachaa koo irraa uume! Dhuma irratti, anaan kan fakkaattun argadhe.’

Yihowaan, Addaamii fi Hewaan ijoollee horanii lafa akka guutan isaanitti hime. Waaqayyo guutummaa lafaa akkuma iddoo biqiltuu Eedan, jannata ykn iddoo biqiltuu bareedaa gochuudhaaf tokkummaadhaan hojjechuudhaan gammachuu akka argatan barbaada ture. Haa taʼu malee, haalli isaa akka yaadame hin taane. Maaliif? Boqonnaa itti aanu irratti balʼinaan baranna.

“Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhiiraa fi dubartii godhee . . . isaan uume.”—Maatewos 19:4

Gaaffii: Yihowaan, Addaamiif hojii akkamii kennee ture? Addaamii fi Hewaan muka Waaqayyo irraa hin nyaatinaa jedhe irraa yoo nyaatan maaltu isaan irra gaʼa?

Uumama 1:27-31; 2:7-9, 15-23; Faarfannaa 115:16; Maatewos 19:4-6

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi