LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 1 ful. 8
  • Waaqayyo Samii fi Lafa Uume

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Samii fi Lafa Uume
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Wantoota Adda Addaa Uumuu Jalqabe
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Jannata Bareedduu
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Isa Waan Hundumaa Uume
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Gargaarsa Ergamoota Waaqayyoorraa Argamu
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 1 ful. 8
Iddoo Biqiltuu Eeden

BARUMSA 1

Waaqayyo Samii fi Lafa Uume

Yihowaan Uumaa keenya dha. Wantoota ijaan arguu dandeenyuu fi arguu hin dandeenye hunda isatu uume. Wantoota ijaan arguu dandeenyu uumuu isaa dura, maleekota baayʼee hedduu taʼan uume. Maleekonni qaamota akkamii akka taʼan beektaa? Maleekonni qaamota Yihowaan akka ofii isaatti uume dha. Akkuma Waaqayyoon arguu hin dandeenye, isaaniinis arguu hin dandeenyu. Maleekaan jalqaba Yihowaan uume gargaaraa isaa taʼe. Maleekaan sun yommuu Yihowaan urjoota, pilaaneetotaa fi wantoota kaan hunda uume isa gargaareera. Pilaaneetota kana keessaa tokko lafa ishii bakka jireenyaa keenya taate dha.

Achiis Yihowaan lafa bineensotaa fi namootaaf akka taatutti mijeesse. Aduun lafaaf ifa akka kennitu godhe. Tulluuwwan, garbootaa fi lageen uume.

Itti aansee hoo maal uume? Yihowaan, ‘Marga, biqiltootaa fi mukeetii nan uuma’ jedhe. Kuduraa, fuduraa fi abaaboowwan gosa gara garaa hedduun biqiluu jalqaban. Achiis bineensota hunda, jechuunis bineensota balaliʼan, bishaan keessa jiraatan, lafa irra loʼanii fi munyuuqan uume. Bineensota xixinnoo akka illeettii fi bineensota guguddaa akka arbaa jiran uume. Ati bineensa isa kam caalaatti jaallatta?

Achiis Yihowaan maleekaa isa jalqabaatiin, “nama haa tolchinu” jedhe. Namoonni bineensota irraa baayʼee adda dha. Wantoota haaraa kalaquu ni dandaʼu. Dubbachuu, kolfuu fi Waaqayyoon kadhachuu ni dandaʼu. Lafaa fi bineensota kunuunsuus ni dandaʼu. Namni inni jalqabaa eenyu akka ture beektaa? Mee haa ilaallu.

“Jalqaba irratti Waaqayyo samiiwwanii fi lafa uume.”—Uumama 1:1

Gaaffii: Yihowaan eenyu dha? Yihowaan maalfaa uume?

Uumama 1:1-26; Fakkeenya 8:30, 31; Ermiyaas 10:12; Qolosaayis 1:15-17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi