Seensa Kutaa 1
Kitaaba Qulqulluu dubbisuu yommuu jalqabnu, seenaa Waaqayyo wantoota uumama cufa keessatti argaman uumuu isaa ibsu arganna; seenaan kun Yihowaan wantoota babbareedoo samii fi lafa irratti uumee hubachuuf nu gargaara. Warra yoo taatan, mucaan keessan uumamawwan adda addaa hedduu akka hubatu gargaaraa. Waaqayyo namoota bineeldota irra guddaa caalchisee akka uume, jechuunis dandeettii dubbachuu, yaaduu, wantoota haaraa kalaquu, faarfachuu fi kadhachuu akka isaaniif kenne ibsaafii. Humnaa fi ogummaa Yihowaa, keessumaa immoo nuunis dabalatee jaalala inni uumamawwan isaa hundatti argisiise akka dinqisiifatu isa gargaaraa.