LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Fulbaana ful. 14-15
  • Onkoloolessa 20-26

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Onkoloolessa 20-26
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Fulbaana ful. 14-15

ONKOLOOLESSA 20-26

LALLABA 9-10

Faarfannaa 30 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Qorumsa Isin Mudatuuf Ilaalcha Sirrii Qabaadhaa

(Daq. 10)

Qorumsi kan nurra gaʼu Yihowaa biratti fudhatama waan dhabneef akka hin taane beekna (Lal 9:11; w13 8/15 14 key. 20-21)

Sirna Seexanaa keessatti jalʼinni akka nurra gaʼu beekna (Lal 10:7; w19.09 5 key. 10)

Yeroo rakkinni nu mudatuttillee wantoota Yihowaan nuu kennetti gammaduuf yeroo ramaduu qabna (Lal 9:7, 10; w11 10/15 8 key. 1-2)

Dubartiin tokko qarqara galaanaa dhaabbattee gara samii ol ilaalaa jirti.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Lal 10:12-14—Caqasoonni kun hamii ilaalchisee akeekkachiisa akkamii qabataniiru? (lv 137 key. 11, 12)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Lal 10:1-20 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) LALLABA ADDABAABAAYII. Nama waan gadde fakkaatu tokkoo wajjin marii jalqabi. (lmd barumsa 3 qabxii 4)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama haalli diinagdee akka isa yaaddesse sitti hime tokkotti kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamurraa “Dhugaawwan Namoota Barsiisuu Jaallannu” keessaa tokko itti himi. (lmd barumsa 4 qabxii 4)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) lff barumsa 17 maal baratte?, irra deebii fi galma. (lmd barumsa 12 qabxii 3)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 47

7. Yeroo Haalli Gaddisiisaan Isin Mudatu Tasgabbaaʼuu ni Dandeessu

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Guyyaa guyyaadhaan qorumsii fi rakkinni nurra gaʼa. Haa taʼu malee, qorumsi tokko tokko akkuma tasaa nu mudata; qorumsi akkasii karaa miiraa, karaa qaamaa, darbees karaa hafuuraa miidhaa cimaa nurraan geessisuu dandaʼa. Yeroo haalli gaddisiisaan nu mudatu tasgabbaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Qorumsi akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe, Yihowaan ‘tasgabbii nuuf kenna.’ (Isa 33:6) Yihowaatti amanamuuf madaallii keenya eeggachuu fi humna keenya beekuu qabna. (Fak 11:2) Haalli gaddisiisaan yoo nu mudate, ofis taʼe namoota jaallannu kunuunsuuf, murtoo gaarii gochuu fi gadduuf yeroo gaʼaa ramaduun nu barbaachisa. (Lal 4:6)

Yihowaan namoota dhiphatan jajjabeessuuf tajaajiltootasaatti waan fayyadamuuf, gargaarsa warra kaanii fudhachuu fi gaafachuuf fedhii qabaachuu qabna. Obboloonni keessan garaadhaa akka isin jaallatanii fi isin gargaaruun akka isaan gammachiisu yaadadhaa.

Qorontos Lammaffaa 4:7-9 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yeroo akkas gochuun ulfaataa fakkaatuttillee barsiifata hafuuraa keenya eeggannee itti fufuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

Suuraa viidiyoo “Yihowaan Warra Garaansaanii Cabetti Dhihoodha” jedhamurraa fudhatame. Obboleessi Geerii fi Obboleettii Beetiin ilma isaanii duʼaan waan dhabaniif baayʼee gaddaniiru.

VIIDIYOO Yihowaan Warra Garaansaanii Cabetti Dhihoodha jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yihowaan Obboleessa Geerii fi Obboleettii Beet kan gargaare akkamitti?

  • Obboloonni kan isaan gargaaran akkamitti?

  • Fakkeenya isaaniirraa barumsa kan biraa akkamii argattan?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb barumsa 28, seensa kutaa 6 fi barumsa 29

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 28 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi