ONKOLOOLESSA 13-19
LALLABA 7-8
Faarfannaa 39 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. ‘Gara Mana Gaddaa Deemaa’
(Daq. 10)
Namoota gaddarra jiran jajjabeessuuf yeroo ramadaa (Lal 7:2; w17.07 14 key. 12)
Amaloota gaggaarii namni duʼe sun qabu dubbachuudhaan namoota gaddarra jiran jajjabeessaa (Lal 7:1; w19.06 23 key. 15)
Namoota gaddarra jiran wajjin kadhadhaa (w17.07 15-16 key. 16)
KANA YAADADHAA: Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban yeroo muraasaaf deggersi obbolootasaanii isaan barbaachisa.—w17.07 16 key. 17-19.
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Lal 7:20-22—Caqasoonni kun nama nu mufachiise tokko haasofsiisuu fi dhiisuu ilaalchisee murtoo gochuuf kan nu gargaaran akkamitti? (w23.03 31 key. 18)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Lal 8:1-13 (th qoʼannaa 10)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) LALLABA ADDABAABAAYII. Mata duree isa hawwatu adda baafadhu, achiis hordoftee isa gargaaruuf beellama qabadhu. (lmd barumsa 2 qabxii 4)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 2 qabxii 3)
6. Hordofii Gargaari
(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. Weebsaayitii keenya jw.org irraa waa itti argisiisi. (lmd barumsa 9 qabxii 4)
7. Wanta Itti Amantu Ibsi
(Daq. 5) Hojiin argisiisa. ijwfq mata duree 50—Mata Duree: Sirni Awwaalchaa Dhugaa Baatota Yihowaa Akkamitti Raawwatama? (th qoʼannaa 17)
Faarfannaa 151
8. Abdii Duʼaa Kaʼuurratti Amantii Cimaa Qabaadhaa
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Kennaawwan dinqisiisoo Yihowaan nuu kenne keessaa tokko abdii duʼaa kaʼuuti. Abdiin duʼaa kaʼuu waaʼee amaloota Yihowaa wanta hedduu nu barsiisa; waaʼee humna, ogummaa fi gara laafinasaa, keessumaammoo waaʼee jaalala dhuunfaatti nuuf qabuu wanta hedduu irraa baranna.—Yoh 3:16.
Abdii duʼaa kaʼuurratti amantii cimaa yoo qabaanne, qorumsa nu mudachaa jirurratti utuu hin taʼin, yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffanna. (2Qo 4:16-18) Yeroo ariʼatamni nurra gaʼu, yeroo dhukkubsannu ykn yeroo namni jaallannu nu jalaa duʼu nagaa qabaachuu fi jajjabaachuuf nu gargaara. (1Ta 4:13) Abdii duʼaa kaʼuurratti yoo amantii qabaachuu baanne gammachuu dhugaa argachuu hin dandeenyu. (1Qo 15:19) Abdii dinqisiisaa kanarratti amantii qabdan cimsachuuf maaliif galma hin baafattan?
Yohaannis 11:21-24 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Maartaan abdii duʼaa kaʼuurratti amantii cimaa akka qabdu kan argisiiste akkamitti?
Amantiin ishii kan ishii kiise akkamitti?—Yoh 11:38-44
VIIDIYOO Fakkeenya Dubartoota Amantii Cimaa Qabanii Hordofaa!—Maartaa jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Abdii duʼaa kaʼuutiif iddoo guddaa kan kennitan maaliifi?
Amantiin abdii duʼaa kaʼuurratti qabdan cimaa taʼee akka itti fufuuf maal gochuu dandeessu?
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 26-27