ONKOLOOLESSA 6-12
LALLABA 5-6
Faarfannaa 42 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
Israaʼelonni yeroo lubni seericha ibsu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa jiru
1. Waaqa Keenya Isa Guddaadhaaf Kabaja Guddaa Akka Qabnu Argisiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?
(Daq. 10)
Walgaʼiiwwan keenyarratti sirriitti dhaggeeffachuudhaan, akkasumas akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan kabaja akka qabnu argisiisna (Lal 5:1; w08 8/15 15-16 key. 17-18)
Yeroo walgaʼiirratti namoota duratti kadhannaa dhiheessinu kadhannaa itti yaadamee fi kabaja argisiisu, garuummoo garmalee dheeraa hin taane dhiheessina (Lal 5:2; w09 11/15 11 key. 21)
Waadaa yeroo of murteessinetti galle wajjin wal simnee jiraanna (Lal 5:4-6; w17.04 6 key. 12)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Lal 5:8—Caqasni kun yommuu jalʼinni haqaa nu mudatu kan nu jajjabeessu akkamitti? (w20.09 31 key. 3-5)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Lal 5:1-17 (th qoʼannaa 12)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 1) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu falmii kaasuu barbaada. (lmd barumsa 4 qabxii 5)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamurraa “Dhugaawwan Namoota Barsiisuu Jaallannu” keessaa tokko itti himi. (lmd barumsa 1 qabxii 3)
6. Hordofii Gargaari
(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Waaʼee viidiyoo Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiru tokkoo dubbadhu. (lmd barumsa 7 qabxii 3)
7. Barattoota Gochuu
Faarfannaa 160
8. Kutaa “Dhugaawwan Namoota Barsiisuu Jaallannu” Jedhutti Fayyadamaa Jirtuu?
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Birooshurri Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi jedhamu yeroo itti baʼee kaasee dandeettii namoota wajjin mariʼachuu caalaatti akka fooyyeffannu nu gargaaraa jira. Kutaan dabalataa A keessumaa yeroo namoota haasofsiisnutti dhugaawwan salphaa taʼan beeksisuurratti akka nu gargaaruuf qophaaʼe. (Ibr 4:12) Mata dureewwan “Dhugaawwan Namoota Barsiisuu Jaallannu” jalatti argaman saglan sirriitti beektuu?
Marii keenya gidduutti dhugaa Kitaaba Qulqulluu salphaa taʼe tokko yeroo sirrii taʼetti beeksisuu kan dandeenyu akkamitti?—lmd kutaa dabalataa A
Mata dureen naannoo tajaajilaa keessan keessatti caalaatti buʼa qabeessa taʼee argattan isa kami?
Caqasoota kutaa dabalataa A jalatti argaman caalaatti beekuuf maal gochuu dandeessu?
Caqasoota kanatti tajaajilarratti caalaatti itti fayyadamaa yeroo deemnu yaadachuun caalaatti nuuf salphachaa deema. Caqasoota kanatti irra deddeebinee fayyadamuuf garuu, jalqaba namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran haasofsiisuu qabna.
VIIDIYOO ‘Sibiilli Sibiila Qara’—Namoota Hedduuf Lallabuu jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Naannoo tajaajilaa keenya keessatti namoota hedduu argachuuf maaltu nu gargaara?
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 24-25