FULBAANA 29–ONKOLOOLESSA 5
LALLABA 3-4
Faarfannaa 93 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
Walii keessan wajjinis taʼe Yihowaa wajjin yeroo dabarsaa
1. Wadaroo Keessan Isa Foʼaa Sadiin Foʼame Cimsadhaa
(Daq. 10)
Akka gaariitti waliin haasaʼuuf yeroo ramadaa (Lal 3:1; ijwhf mata duree 10 key. 2-8)
Waliin hojjedhaa (Lal 4:9; w23.05 23-24 key. 12-14)
Michummaa Yihowaa wajjin qabdan cimsadhaa (Lal 4:12; w23.05 21 key. 3)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Boqonnaadhaaf ykn sababa hojiitiin yeroo dheeraadhaaf hiriyaa gaaʼelaa koorraa adda baʼee turuun koo gaaʼela koorratti dhiibbaa akkamii qabaachuu dandaʼa?’
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Lal 3:11—Ilmaan namootaa kan uumaman akka duʼaniif akka hin taane wanti argisiisu maalidha? (w22.12 4 key. 7)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Lal 4:1-16 (th qoʼannaa 2)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Marii jalqabuuf Masaraa Eegumsaa Lakk. 1 2025tti fayyadami. Namni haasofsiistu mariʼachuu kan barbaadu waaʼee mata duree kan biraa akka taʼe yeroo ibsu sirreeffama godhi. (lmd barumsa 2 qabxii 5)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama Masaraa Eegumsaa Lakk. 1 2025 fudhate Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 9 qabxii 4)
6. Haasaa
(Daq. 5) lmd kutaa dabalataa A qabxii 12—Mata Duree: Waaqayyo hin Loogu. (th qoʼannaa 19)
Faarfannaa 131
7. Gaaʼela Keessatti Rakkinni Yeroo Isin Mudatu Gorsa Yihowaatti Amanamaa
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Yihowaan hiriyoota gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼaniif wanta gammachuu fi milkaaʼina qabaachuuf isaan barbaachisu hunda isaaniif kenneera. Taʼus, darbee darbee hiriyoonni gaaʼelaa rakkinni isaan mudachuunsaa hin oolu. (1Qo 7:28) Rakkinni sun hin furamu taanaan, gammachuusaanii dhabuu fi hariiroonsaanii baduu dandaʼa. Gaaʼela keessatti rakkinni isin mudateera taanaan maal gochuu qabdu?
Diraamaan Jaalalli Dhugaan Maalidha? jedhamu waaʼee hiriyoota gaaʼelaa dargaggoota taʼanii fi gaaʼelasaanii keessatti rakkoowwan ciccimoon isaan mudatan tokkoo ibsa. Obboleettiin sun murtoo Yihowaa tilmaama keessa hin galchine gochuuf yeroo kaatetti abbaan ishii gorsa akkamii akka ishiidhaaf kenne ni yaadattuu?
DIRAAMAA Jaalalli Dhugaan Maalidha?—Gabaabfamee kan Fudhatame jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Yeroo gaaʼela keessatti rakkinni nu mudatu qajeelfama Yihowaatti amanamuu kan qabnu maaliifi?—Isa 48:17; Mat 19:6
Gaaʼela keessatti rakkoowwan ciccimoon isin mudachaa jiru taanaan, barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuudhaan michummaa Yihowaa wajjin qabdan cimsadhaa. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuudhaan rakkina keessan furuuf carraaqqii godhaa; barreeffamoota keenyarraa yaada Yihowaan haala isin keessa jirtaniif ilaalcha akkamii akka qabuu fi maal akka gootan akka barbaadu hubachuuf isin gargaaru argachuuf yaalaa. Akkas yeroo gootan Yihowaan akka isin gargaaruu fi akka isin eebbisu akka barbaaddan argisiistu.—Fak 10:22; Isa 41:10.
VIIDIYOO Nagaa Sobaatiin hin Gowwoomfaminaa!—Deeralii fi Dibooraa jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Rakkoowwan ciccimoo gaaʼela keessatti mudatan furuu ilaalchisee muuxannoo Obboleessa Deeralii fi Obboleettii Dibooraarraa maal barattan?
8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 22, seensa kutaa 5 fi barumsa 23