FULBAANA 22-28
LALLABA 1-2
Faarfannaa 103 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Dhaloota Ittaanu Leenjisuu Keessan Itti Fufaa
(Daq. 10)
[VIIDIYOO Beeksisa Kitaaba Lallabaa jedhamu taphachiisi.]
Dhaloonni hundi dhaloota isatti aanee jiru leenjisuuf itti gaafatamummaa qaba (Lal 1:4; w17.01 27-28 key. 3-4)
Warra kaan yeroo leenjisnuu fi hojii hojjetan yeroo isaaniif kenninu, gammachuu tajaajila Yihowaa keessatti jabaatanii hojjechuun argamsiisu akka argatan isaan gargaarra (Lal 2:24)
Jaalalli mirgoota argatteef qabdu obboloonni dargaggoonni itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhatan leenjisuu akka si dhoowwu hin heyyamin
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Lal 2:11—Solomoon wantoota hedduu qabaachuuf jabaatanii hojjechuu ilaalchisee maal barate? (w18.12 22 key. 14)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Lal 1:1-18 (th qoʼannaa 11)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Mata duree nama sana hawwatu beekuuf yaali. Deebitee isa haasofsiisuuf beellama qabadhu. (lmd barumsa 3 qabxii 5)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) LALLABA ADDABAABAAYII. Mala kutaa dabalataa A, birooshura Namoota Jaaladhu jedhamuurratti ibsametti fayyadamuudhaan “Dhugaawwan Namoota Barsiisuu Jaallannu” keessaa tokko itti himi. (lmd barumsa 2 qabxii 3)
6. Hordofii Gargaari
(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Gaaffii namni haasofsiistu marii kanaan dura gootanirratti kaaseef deebii kenni. (lmd barumsa 9 qabxii 5)
7. Barattoota Gochuu
(Daq. 5) LALLABA ADDABAABAAYII. Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu itti argisiisi, yeroo ittaanutti qoʼachuufis beellama qabadhaa. (lmd barumsa 10 qabxii 3)
Faarfannaa 84
8. Leenjii Kennuu Ilaalchisee Barumsawwan Barbaachisoo Taʼan Sadii
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Jaalalli hojii Yihowaan nu kenne akka raawwataniif warra kaan leenjisuuf nu kakaasa
Kitaaba Qulqulluu keessa fakkeenyonni gaggaariin akkamitti warra kaan leenjisuun akka dandaʼamu argisiisan hedduun jiru. Akkaataa Eeliyaas Elsaaʼiin itti leenjiserraa, Saamuʼel Saaʼoliin itti leenjiserraa, Phaawulos Ximotewosiin itti leenjiserraa, akkasumas Yesuus barattootasaa itti leenjiserraa barumsa guddaa arganna. Leenjii kennuurratti Yihowaadhaan kan qixxaatu hin jiru. Isarraa maal baranna?
VIIDIYOO Warra Kaan Leenjisuu Irratti Fakkeenya Yihowaa Hordofaa (Yoh 5:20)—Gabaabfamee kan Fudhatame jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Warra kaan leenjisuu ilaalchisee akkaataa Yihowaan itti leenjisurraa barumsawwan sadan argannu kamfaʼi?
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 20-21