LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Sadaasa ful. 14-15
  • Muddee 22-28

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Muddee 22-28
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Sadaasa ful. 14-15

MUDDEE 22-28

ISAAYYAAS 11-13

Faarfannaa 14 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Kitaaba Qulqulluu Keessatti Waaʼee Masiihichaa Raajiin Akkamii Dubbatameera?

(Daq. 10)

Karaa Daawit sanyii Isseyirraa argama (Isa 11:1; w11 7/1 4 key. 6)

Hafuurri Waaqayyoo isarra ni buufata, Yihowaas ni sodaata (Isa 11:2, 3a; ip-1-AM 159 key. 6; w23.06 15 key. 5)

Abbaa murtii qajeelaa fi gara laafessa ni taʼa (Isa 11:3b-5; ip-1-AM 161 key. 9; 161 key. 11)

Yesuus samii keessatti Mootii taʼee lafa jannata taaterratti harkasaa diriirsaa jira.

KANA IRRATTI XIINXALI: Wanti Yesuusiin bulchitoota ilmaan namootaa hundumaarra baayʼee akka caalu taasisu maalidha?

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Isa 11:9, 10—Caqasa kanarratti akka ibsametti, sagantaa barnootaa guddaa seenaa ilmaan namootaa keessatti geggeeffamee hin beekne akkamiitu jiraata? (w22.09 20 key. 2)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Isa 11:1-12 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 2 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) LALLABA ADDABAABAAYII. Gaaffii namni haasofsiistu gaafateef deebii kennuuf jw.org fayyadami. (lmd barumsa 8 qabxii 3)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) Qoʼataan kee manaa gara manaatti si wajjin tajaajiluuf akka qophaaʼu isa gargaari. (lmd barumsa 11 qabxii 4)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 57

7. ‘Murtii Qajeelaa ni Murteessituu?’

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Obboloonni lama namicha harkasaarraa tumaa qabuu fi nama sodaachisu tokkoof lallabaa jiru. Obboleessi inni dargaggeessi viidiyoo “Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi?” jedhamu baneefii jira. Mana namichaa keessa poostariin baandii heevii meetaal girgiddaarra fannifameera.

Guyyaa guyyaadhaan namootatti ni murteessina; yeroo tokko tokkommoo utuma itti hin yaadin akkas goona. Yeroo baayʼee xumura tokkorra kan geenyu wantuma arginurratti hundoofneeti. Haa taʼu malee, Yesuus inni fakkeenya nuuf taʼu karaa kanarraa adda taʼeen murteessa. (Isa 11:3, 4) Yesuus garaa namootaa ilaaluu waan dandaʼuuf, yaada, kakaʼumsa nama tokkoo fi sababa wanta tokko itti raawwate ni hubata. Nuti garuu dandeettii kana hin qabnu. Taʼus, fakkeenya Yesuus hordofuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu ni dandeenya. Yesuus, “Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa, murtii qajeelaa murteessaa” jedheera.—Yoh 7:24.

Wanta arginurratti hundoofnee namootatti kan murteessinu yoo taʼe, miirri keenya kun hinaaffaa tajaajilarratti qabnuu fi buʼaa argannurratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, naannoo namoonni qomoo ykn amantaa taʼe tokko qaban jiraatanitti lallabuurraa duubatti ni jennaa? Naannoo namoonni sooreyyii taʼan ykn naannoo namoonni hiyyeeyyiin jiraatanitti lallabuu ilaalchisee hoo maaltu nutti dhagaʼama? Wanta alaan mulʼaturratti hundoofnee namni tokko ergaa keenya fudhachuu akka hin barbaannetti ni yaannaa? Fedhiin Waaqayyoo “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatani dha.”—1Xi 2:4.

VIIDIYOO Barumsa Masaraa Eegumsaa Irraa Argannu—Wanta Alaan Mulʼatu Irratti Hundooftanii hin Murteessinaa jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Jibba halaalaa akaakuu kamfaatu viidiyicharratti ibsame?

  • Obbolootaaf jibba halaalaa yoo qabaanne gumii keenyarratti dhiibbaa akkamii godha?

  • Kiristiyaanonni gaafannoon isaaniif godhame wanta alaan mulʼaturratti hundaaʼanii namatti murteessuurraa fagaachuuf maaltu isaan gargaare?

  • Isinoo mata duree Masaraa Eegumsaa sanarraa barumsa akkamii argattan?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb barumsa 46-47

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 12 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi