AMAJJII 5-11
ISAAYYAAS 17-20
Faarfannaa 153 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. ‘Qooda Warra Nu Saamanii’
(Daq. 10)
Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa akkuma galaana jeeqamuu akka taʼan dubbata (Isa 17:12; w18.06 7 key. 16)
Nuti dhimmoota siyaasaa fi hawaasummaa keessa waan hin seenneef, addunyaa keessatti miidhaan akka nurra gaʼu beekna (Yoh 15:18, 19; w16.04 28 key. 4)
Yihowaan yeroo dhihootti warra “qabeenya keenya humnaan fudhatan” irraa nu oolcha (Isa 17:13, 14; ip-1-AM 198 key. 20)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Isa 20:2—Isaayyaas waggaa sadiif qullaasaa asii fi achi deemaa turee? (w06-AM 12/1 11 key. 1)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Isa 19:1-12 (th qoʼannaa 11)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Nama gaaʼela qabu tokkotti kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamuurraa dhugaa tokko itti himi. (lmd barumsa 2 qabxii 3)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 8 qabxii 4)
6. Haasaa
(Daq. 5) lmd kutaa dabalataa A qabxii 14—Mata Duree: Waaqayyo Kadhannaa Akka Isatti Dhiheessinu Barbaada. (th qoʼannaa 8)
Faarfannaa 148
7. ‘Qarsaa Dahoo Keessanii Yaadadhaa’
(Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu.
Yihowaan qarsaa dahoo keenyaati. (Isa 17:10) Inni namoota isatti kooluu galan ni oolcha. (Fr 144:1, 2) Yihowaan yeroo hunda mormiin akka nurra hin geenye gochuu baatus, michootasaatiif yeroo hunda humna jabaatanii dhaabbachuuf isaan barbaachisu ni kenna.—1Qo 10:13.
Karaan Yihowaa akka yaadannu argisiisuu itti dandeenyu tokko isaaf ajajamuudha. VIIDIYOO Michoota Yihowaa Irraa Baradhu—Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaa jedhamu taphachiisi. Ijoollee dursitee filatte gara waltajjiitti affeeriitii ykn dhaggeeffattoota gaaffii armaan gadii gaafadhu:
Yihowaan michootasaa kan oolche akkamitti?—Dan 3:24-28
Hanaaniyaan, Mishaaʼelii fi Azaariyaan michoota Yihowaa taʼuu isaanii kan argisiisan akkamitti?
Yihowaadhaaf ajajamuun kan isinitti ulfaatu yoomi?
Yihowaadhaaf ajajamuuf maal gochuu dandeessu?
8. Michoota Yihowaarraa Barachuuf Guyyaa Guyyaadhaan Yeroo Ramadaa
(Daq. 5) Mareedhaan kan dhihaatu.
Mata dureen walitti aansee baʼuu fi Michoota Yihowaa Irraa Baradhu jedhu kan qophaaʼe ijoollee dubbisuu barachaa jiraniifi. Mata dureen kun waaʼee namoota Yihowaa jaallatanii barachuuf isaan gargaara. Viidiyoowwan hundi “michoota Yihowaarraa barachuuf guyyaa guyyaadhaan yeroo akka ramadan” isaan jajjabeessu.
Waaʼee Yihowaa fi waaʼee michootasaa barachuuf guyyaa guyyaadhaan yeroo ramaduu kan dandeessan akkamitti?
Seenaan Kitaaba Qulqulluu caalaatti beekuu barbaaddan isa kami? Maaliif?
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 50, seensa kutaa 9 fi barumsa 51