LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w21 Ebla ful. 26-29
  • “Amma Tajaajila Nan Jaalladha!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Amma Tajaajila Nan Jaalladha!”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GAMMACHUU KOO NAN DHABE
  • BARUMSA BARBAACHISAA ANI HIN EEGNE
  • JAALALAN TAJAAJILAAF QABU DEEBISEE HAARESSUU
  • QAJEELCHAA HIRIYAA NAAF TAʼUN ARGADHE
  • BALBALA EEBBA DABALATAA ARGAMSIISU
  • KANA CAALAA JIREENYI GAMMACHIISAAN HIN JIRU
  • Gaarummaa Yihowaa “Dhandhamaa Ilaalaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
w21 Ebla ful. 26-29
Vaaneesaa Viisinii.

SEENAA JIREENYAA

“Amma Tajaajila Nan Jaalladha!”

VAANEESAA VIISINIIN AKKA DUBBATTETTI

KANAN guddadhe magaalaa Baalkiluutaatti, Odoola Kibbaa ishii kan Niwuu Ziilaandi taate keessatti dha. Yeroon ijoollee turetti Yihowaa nan jaalladha, Dhugaa Baatuu taʼuu koos nan jaalladhan ture. Walgaʼiin matumaa na hin nuffisiisu, gumiinis iddoon tasgabbii fi gammachuu itti argadhu ture. Uumama kootiin ija laafettii yoon taʼe iyyuu torban torbaniin tajaajila irratti nan hirmaadhan ture. Ijoolleen wajjin baradhuu fi namoota kaaniif lallabuu irraa duubatti hin jedhun ture. Dhugaa Baatuu taʼuu kootti kanan boonu siʼa taʼu, umurii koo waggaa 11ttan Waaqayyoof of murteesse.

GAMMACHUU KOO NAN DHABE

Kan nama gaddisiisu, yommuun umurii waggoota kurnaniitti seenu hariiroon Yihowaa wajjin qabu ni qabbanaaʼe. Ijoolleen wajjin baradhu bilisummaa daangaa hin qabne waan qaban fakkaatu, anis waan tokko akka natti hafen yaade. Seerri warra koo fi ulaagaan Kiristiyaanaa baʼaa akka taʼe natti dhagaʼame, sochiin hafuuraas hojii ulfaataa natti fakkaate. Yihowaan jiraachuu isaa matumaa shakkee kanan hin beekne taʼus, akkan isatti dhihaadhe natti hin dhagaʼamu ture.

Taʼus, akkan hin qabbanoofneef maqumaaf nan tajaajilan ture. Yommuun tajaajila baʼu matumaa hin qophaaʼu, kanaafuu maree jalqabuuf ykn itti fufsiisuuf nan rakkadha. Kanaan kan kaʼes, tajaajilli koo buʼaa fi gammachuu kan hin qabne taʼe, kun immoo ilaalcha dogoggoraa ani qabu itti caalchise. ‘Namni tokko torbanii hanga torbaniitti, jiʼaa hanga jiʼaatti akkamitti kana hojjechuu dandaʼa?’ jedheen of gaafadha.

Yeroo umuriin koo waggaa 17 taʼu, bilisa taʼuuf hawwii guddaan natti uumamee ture. Kanaafuu, miʼa koo shaanxaatti naqadheen, manaa baʼee gara Awustiraaliyaa deeme. Warri koo isaanii wajjin jiraachuu dhiisee yommuun deemu baayʼee gaddan. Baayʼee yaaddaʼanii kan turan taʼus, sochii hafuura koo akkan itti fufu yaadanii turan.

Awustiraaliyaatti karaa hafuuraa caalaattan dadhabe. Walgaʼii irrattis darbee darbee argamuun jalqabe. Dargaggoota akkuma koo galgala tokko walgaʼii hirmaachuu galgala itti aanu immoo mana dhugaatii dhaqanii dhuguu fi shubbisuu jaallatanittan michoome. Boodatti deebiʼee yommuun yaadu miilla koo tokkoon dhugaa keessa, isa tokkoon immoo addunyaa keessa akkan dhaabadhe, garuu immoo lamaan isaanii keessa iyyuu akkan hin jirre beekan ture.

BARUMSA BARBAACHISAA ANI HIN EEGNE

Gara waggaa lamaa booda, obboleettii utuu hin beekin, jireenyi koo garamitti deemaa akka jiru akkan yaadu na taasistee wajjin yeroo gabaabaaf wal argine. Obboleettota qeentee shanii wajjin mana tokko keessa kan jiraannu siʼa taʼu, ilaaltuun ol aanaa aanaa fi haati manaa isaa Taamaaraan torban tokkoof mana keenya akka buufatan afeerre. Abbaan manaa ishii hojii gumii yommuu hojjetu, Taamaaraan immoo nu shamarranii wajjin kolfaa yeroo dabarsiti turte. Anis kana nan jaalladhe. Ishiin hubattuu fi itti dubbachuun kan namatti hin ulfaanne dha. Namni nama hafuuraa taʼe tokko akkas kan taphatu taʼuun isaa baayʼee na dinqisiise.

Taamaaraan nama miira hoʼaa qabdu dha. Jaalalli ishiin dhugaa fi tajaajilaaf qabdu namatti darba. Ishiin wanta hunda caalu Yihowaaf kennuudhaan kan gammaddu siʼa taʼu, ani immoo maqumaaf tajaajiluudhaanan gammachuu dhaba. Ilaalchi sirrii fi gammachuun ishiin qabdu jireenya koo irratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Fakkeenyi ishii dhugaa Kitaaba Qulqulluu barbaachisaa tokko irratti akkan yaadu na taasiseera: Yihowaan hundi keenya ‘gammachuu fi ililchuudhaan’ akka isa tajaajillu barbaada.—Far. 100:2.

JAALALAN TAJAAJILAAF QABU DEEBISEE HAARESSUU

Gammachuu Taamaaraan qabdu argachuu kanan barbaadu taʼus, gammachuu kana argachuuf jijjiirama guguddaa tokko tokko gochuun qaba. Yeroo kan natti fudhate taʼus, booda tarkaanfiiwwan xixinnoo fudhachuun jalqabe. Tajaajilaaf qophaaʼuun jalqabe, akkasumas darbee darbee qajeelchaa gargaaraan taʼe. Kunis sodaa koo naaf salphise, caalaatti ofitti amanannaa akkan qabaadhus na gargaare. Kitaaba Qulqulluu tajaajila irratti caalaatti itti fayyadamaa yommuun deemu, gammachuu dhugaan argadhe. Utuma hin turinis jiʼa jiʼaan qajeelchaa gargaaraan taʼe.

Achiis namoota dhugaa keessatti sochii gaarii godhan, tajaajila Yihowaaf dhiheessanitti gammadanii fi umurii gara garaa irra jiran michuu godhachuun jalqabe. Fakkeenyi gaariin isaan naaf taʼan, wantan dursa kennuuf akkan qoruu fi barsiifata hafuuraa gaarii akkan qabaadhu na gargaareera. Tajaajilatti caalaatti gammaduun jalqabe, yeroo boodas qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluun eegale. Waggoota hedduu booda yeroo jalqabaatiif, gumii keessatti tasgabbii fi gammachuu akkan argadhe natti dhagaʼame.

QAJEELCHAA HIRIYAA NAAF TAʼUN ARGADHE

Waggaa tokko booda, Aleeksi isa nama gaarii, haqa qabeessa, Yihowaa fi tajaajila jaallatu wajjinan wal bare. Inni tajaajilaa gumii siʼa taʼu, waggaa jaʼa qajeelchaa taʼee tajaajileera. Kana malees Aleeksi, Maalaawwii bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti yeroo muraasaaf tajaajileera. Achitti misiyoonota fakkeenya gaarii isaaf taʼanii fi fedhii Mootummichaatiif dursa kennuu isaa akka itti fufu isa jajjabeessanii wajjin yeroo dabarsee ture.

Bara 2003 anii fi Aleeksi gaaʼela godhanne, yeroo sanaa kaasee tajaajila yeroo guutuu itti fufneerra. Barumsawwan adda taʼan hedduu baranneerra, Yihowaanis karaawwan lakkaaʼamanii hin dhumneen nu eebbiseera.

BALBALA EEBBA DABALATAA ARGAMSIISU

Vaanesaan, obboleettota shamarran naannoo sanaa wajjin yommuu tajaajiltu.

Tiimoor-Liisteetti Gileenoo keessa utuun tajaajilaa jiru

Bara 2009, Tiimoor-Liistee biyya xinnoo odoolawwan Indooneeshiyaa keessaa tokko taatetti misiyoonii taanee akka tajaajillu afeeramne. Yeruma tokkotti naasuun, gammachuu fi sodaan nutti dhagaʼame. Jiʼa shan booda, magaalaa guddoo biyyattii Diilii geenye.

Achi deemuun keenya jireenya keenya irratti jijjiirama guddaa gochuu kan dabalatu ture. Aadaa, afaan, nyaataa fi haala jireenyaa haaraatti baruu qabna turre. Tajaajila irratti yeroo baayʼee miidhaa hiyyummaan, barumsa gaʼaa dhabuu fi cunqursaan geessise ni argina turre. Kana malees, sababa waraanaa fi jeequmsaatiin godaannisa qaamaa fi miiraa namoota hedduu irra jiru ni argina.a

Tajaajilli baayʼee gammachiisaa dha! Fakkeenyaaf yeroo tokko shamarree waggaa 13 Maariyaa jedhamtuu wajjin wal barree ture.b Haati ishii dhiheenya kan duute siʼa taʼu, abbaa ishii immoo darbee darbee argiti. Akkuma ijoollee hedduu umurii ishii irratti argamanii Maariyaan jireenya ishiitti maal akka gootu hin beektu turte. Yeroo tokko imimmaan ishii dhangalaasaa wanta ishiitti dhagaʼamu yommuu dubbattu nan yaadadha. Taʼus, qooqa ishii sirriitti dubbachuu waanan hin dandeenyeef waan ishiin jettee hin hubanneen ture. Akkan ishii jajjabeessu akka na gargaaru gara Yihowaatti kadhannaan dhiheesse, achiis caqasoota nama ijaaran ishiidhaaf dubbisuun jalqabe. Waggoottan muraasa darbanitti dhugaan amala, bifaa fi jireenya Maariyaa yommuu jijjiiru argeera. Amma kan cuuphamte siʼa taʼu, qoʼattoota Kitaaba Qulqulluu ofii ishii geggeessaa jirti. Yeroo harʼaa Maariyaan maatii hafuuraa guddaa qabdi, akka jaallatamtus itti dhagaʼama.

Yihowaan hojii Tiimoor-Liisteetti hojjetamu eebbisaa jira. Babalʼistoonni hedduun kan cuuphaman waggoottan kurnan darbanitti taʼus, baayʼeen isaanii qajeelchitoota, tajaajiltoota gumii ykn jaarsa taʼanii tajaajilaa jiru. Warri kaan immoo waajjira hiikkaa fagootti hojjetu akkasumas afaanota naannoo sanaatiin nyaata hafuuaa qopheessuu irratti gargaaru. Walgaʼii irratti yeroo faarfatan dhagaʼuun, seeqa fuula isaanii irraa mulʼatu arguu fi guddina hafuuraa isaanii ilaaluun baayʼee na gammachiisa.

Vaanesaa, Aleeksii fi obboloonni naannoo sanaa sadii waraqaa Ayyaana Yaadannoo raabsuuf doqdoqqeedhaan utuu deemuuf jedhanii.

Waraqaa Ayyaana Yaadannoo raabsuuf Aleeksii wajjin naannoo tajaajilaa eenyuuf iyyuu hin ramadamne dhaquuf utuu jennuu

KANA CAALAA JIREENYI GAMMACHIISAAN HIN JIRU

Ramaddiin keenya inni Tiimoor-Liistee jireenya Awustiraaliyaatti jiraanne irra adda dha, taʼus baayʼee kan nama gammachiisu dha. Yeroo tokko tokko atoobisii xinnoo qurxummii gogaa fi kuduraa gabaa naannoo sanaatii bitame dabalatee namoota baayʼee feʼeen deemna. Guyyoota tokko tokko qilleensa hoʼaa fi jiidha qabu keessa mana xinnoo lafti isaa kosaaʼee fi lukkuun asii fi achi deeman keessatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisna. Yeroo baayʼee, rakkinni jiraatus ‘kun baayʼee gaarii dha!’ jedheen yaada.

Vaanesaa, Aleeksii fi warri kaan atoobisii xinnoo namootaan guutameen deemaa kan jiran siʼa taʼu, obboloonni sadii immoo alaan itti rarraʼanii jiru.

Naannoo tajaajilaa utuu deemaa jirruu

Duubatti deebiʼee yommuun yaadu, warri koo daandii Yihowaa na barsiisuu fi umurii dargaggummaa yeroo rakkisaa taʼetti illee na deggeruuf wanta isaaniif dandaʼamu waan godhaniif nan galateeffadha. Fakkeenyi 22:6 dhugaa taʼuun isaa ana irratti mulʼateera. Harmeenis taʼe Abbayyeen Aleeksii fi anatti ni boonu; Yihowaan nutti fayyadamuu isaatti baayʼee gammadu. Bara 2016 kaasee naannoo waajjira damee Awustiraaleeshiyaatti hojii daawwannaa hojjechaa jirra.

Ijoollee Tiimooresee gammadoo taʼan tokko tokkotti viidiyoo Kaalebii fi Soofiyaa utuun argisiisuu

Yeroo tokkotti hojiin lallabaa na hin gammachiisu ture. Amma tajaajila nan jaalladha. Jireenyi buʼaa baʼii kan qabu taʼus, gammachuu dhugaan kan argamu Waaqayyoon garaa guutuu tajaajiluudhaan qofa akka taʼe hubadheera. Dhugaa dubbachuuf, waggoottan 18 darban Aleeksi wajjin Yihowaa tajaajiluudhaan dabarsine, waggoota hunda caalaa gammachiisaa taʼani dha. Amma wanti Daawit Yihowaatti dubbate dhugaa taʼuu isaa hubadheera: “Warri sitti kooluu galan hundi garuu ni gammadu; Isaan yeroo hundumaa ni ililchu. . . . warri maqaa kee jaallatanis sitti ni gammadu”—Far. 5:11.

Vaanesaa fi Aleeksi haadhaa fi intala ishii alatti qoʼachiisaa utuu jiran.

Namoota gad of qaban Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun baayʼee nama gammachiisa

a Bara 1975 eegalee, Tiimoor Liisteen bilisummaa siyaasaa argachuuf waraana godhamuun waggoota digdamaaf jeeqamaa turteetti.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi