LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w22 Adoolessa ful. 31
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaan, ‘Goraadee Malee Nagaa Hin Fidu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Maatii Amantiidhaan Gargar Taʼe Keessatti Gammachuu Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Hiriyaa Gaa’elaa Dhugaa Baatuu Hin Taane Gargaaruu Dandeessuu?
    Tajaajila Mootummaa—2010
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
w22 Adoolessa ful. 31

Gaaffii Dubbistootaa

Yesuus, “Nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin” yeroo jedhu maal jechuu isaati?

Yesuus ergaa naga qabeessa labseera. Yeroo tokko garuu ergamoota isaatiin akkana jedhee ture: “Lafa irratti nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani goraadee fiduuf malee nagaa fiduuf hin dhufne. Ani, ilma abbaa isaa irraa, intala haadha ishii irraa, akkasumas haadha manaa ilmaa amaatii ishii irraa gargar baasuufan dhufe.” (Mat. 10:34, 35) Yesuus maal jechuu isaati?

Yesuus miseensonni maatii akka gargar baʼan hin barbaadu; taʼus barumsi isaa maatii tokko tokko keessatti wal qoqqoodinsa akka uumu beeka. Kanaafuu, namoonni barattoota Kiristoos taʼuudhaan cuuphamuu barbaadan murtoon isaanii maal akka isaan irraan geessisu hubachuun isaan barbaachisa. Hiriyaan gaaʼelaa ykn miseensonni maatii isaanii yoo isaan morman barumsawwan Kiristoosiif amanamoo taʼanii itti fufuun rakkisaa isaanitti taʼuu dandaʼa.

Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanotaaf gorsa, “Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa” jedhu kenna. (Rom. 12:18) Haa taʼu malee, barumsi Yesuus maatii tokko tokko keessatti akkuma “goraadee” taʼuu dandaʼa. Kun kan taʼu miseensonni maatichaa kaan barumsa Yesuus kan hin fudhanne ykn kan morman utuma taʼanii jiranii maaticha keessaa namni tokko barumsa kana yeroo fudhatuttidha. Haala akkasii keessatti firoonni nama dhugaa barachaa jiru sanaa, jechuunis miseensonni maatii isaa “diinota” isatti taʼuu dandaʼu.—Mat. 10:36.

Shamarreen takka haati ishii harka ishii diriirsitee utuma ishii kadhattuu ofitti amanannaadhaan biraa deemaa jirti. Kitaaba “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamu qabattee jirti.

Barattoonni Kiristoos maatii amantaadhaan qoqqoodame keessa jiraatan yeroo tokko tokko haalawwan jaalala Yihowaa fi Yesuusiif qaban qoran isaan mudatu. Fakkeenyaaf, firoonni isaanii hin amanne ayyaana isaan wajjin akka kabajan dhiibbaa isaanirratti gochuuf yaalu taʼa. Yeroo qoramanitti eenyuun akka gammachiisan filachuu qabu. Yesuus, “Namni ana caalaa abbaa yookiin haadha isaa jaallatu kam iyyuu anaaf hin malu” jedheera. (Mat. 10:37) Yesuus yeroo akkas jedhu barattoonni isaa jaalala warra isaaniitiif qaban hirʼisuu akka qaban dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, wanti jireenya isaanii keessatti caalaatti barbaachisaa taʼe maal akka taʼe akkamitti murteessuu akka dandaʼan isaan barsiisaa jira. Miseensonni maatii keenyaa hin amanne carraaqqii Yihowaa waaqeffachuuf goonu kan morman yoo taʼellee isaan jaallachuu keenya itti fufna; taʼus dursa kennuu kan qabnu jaalala Yihowaadhaaf qabnuuf akka taʼe ni hubanna.

Mormiin maatii keenyarraa nurra gaʼu baayʼee nu gaddisiisuu akka dandaʼu beekamaadha. Taʼus, barattoonni Yesuus yaada inni, “Namni muka dhiphinaa isaa baatee ana duukaa hin buune kam iyyuu anaaf hin malu” jechuudhaan dubbate yaadachuu qabu. (Mat. 10:38) Kana jechuun Kiristiyaanonni mormii maatii isaaniirraa isaanirra gaʼu kutaa rakkoowwan barattoonni Yesuus fedhiidhaan dandamatan keessaa tokko akka taʼetti ilaalu jechuudha. Haa taʼu malee, amalli isaanii inni gaariin miseensonni maatii isaanii hin amanne yaada isaanii jijjiiruudhaan Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhii akka qabaatan akka godhu ni abdatu.—1 Phe. 3:1, 2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi