LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/10 ful. 5-6
  • Hiriyaa Gaa’elaa Dhugaa Baatuu Hin Taane Gargaaruu Dandeessuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hiriyaa Gaa’elaa Dhugaa Baatuu Hin Taane Gargaaruu Dandeessuu?
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatii Amantiidhaan Gargar Taʼe Keessatti Gammachuu Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Dhugaan, ‘Goraadee Malee Nagaa Hin Fidu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Rakkoowwan Dhiirotaaf Akka Dhugaa Hin Baane Nu Taasisan Mo’uu
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • “Nama Amane” Qofa Hiriyaa Gaaʼelaa Godhachuu Yeroo Ammaattis Ni Hojjetaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Tajaajila Mootummaa—2010
km 11/10 ful. 5-6

Hiriyaa Gaa’elaa Dhugaa Baatuu Hin Taane Gargaaruu Dandeessuu?

1 Babal’istoonni gumii keessanii tokko tokko hiriyaa gaa’elaa Dhugaa Baatuu hin taane qabuu? Taanaan, babal’istoonni kun hiriyaan gaa’elaasaaniis waaqeffannaa dhugaa keessatti akka hirmaatu kan barbaadan akka ta’e beekamaadha. Haata’u malee, namoonni kun dhugaa akka fudhatan kan barbaadu isaan qofa miti. Guutummaan gumichaas akkuma Waaqayyoo, “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u” ni fedha. (1 Xim. 2:4) Maarree, namoota Dhugaa Baatota hin taaneefi hiriyaa gaa’elaa babal’istoota ta’an qaban gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

2 Jalqabarratti, iddoo nama Dhugaa Baatuu hin taane sanaa of kaa’uuf yaalii gochuu qabna. Hiriyoonni gaa’elaa Dhugaa Baatota hin taane hedduun maatiisaanii kan jaallatan, akkasumas hiriyaa gaa’elaafi warra gaarii ta’uuf carraaqqii kan godhan ta’uu danda’u. Haata’u malee, amantii mataasaanii qabaachuu danda’u. Tarii namoonni kun hiriyoonnisaanii warri waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa hin beekne ykn namoonni halaalatti isaan jibban itti himan qofa beeku ta’a. Tariimmoo hiriyoonni gaa’elaasaanii yeroo kanaan dura maatiisaanii wajjin dabarsan, amma garuu waaqeffannaadhaaf itti fayyadamuunsaanii isaan mufachiisuu danda’a. Nama Dhugaa Baatuu hin taane kana gaarummaafi ulfinaan qabuun, akkasumas isa bira dhaqnee isa aarsuurraa of qusachuuf hubannaa qabaachuun keenya nu gargaaruu danda’a.—Fak. 16:20-23.

3 Akka Isaaniif Yaaddan Argisiisaa: Namni Dhugaa Baatuu hin taane tokko akka mo’amu gochuuf kan nu gargaaru malli inni guddaan, gocha keenya malee waa’ee Macaafa Qulqulluu isaa wajjin mari’achuu keenya miti. (1 Phe. 3:1, 2) Gama kanaan akka isaaniif yaannu argisiisuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Obboleettonni, haadha manaa Dhugaa Baatuu hin taaneef, obboloonnimmoo abbaa manaa Dhugaa Baatuu hin taane tokkoof akka yaadan argisiisuudhaan kana gochuu danda’u. Akkamitti?

4 Nama Dhugaa Baatuu hin taaneefi hiriyaa gaa’elaa Kiristiyaana tokkoo wajjin wal hin beektu taanaan, hiriyaa gaa’elaasaa erga mariisistee booda isa haasofsiisuu dandeessa. Namni kun jalqabarratti gammachuudhaan yoo si simachuu baate abdii hin kutatin. Gaarummaa keenyaafi kan isaaf yaannu ta’uu keenya arguunsaa, Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatu gochuu danda’a. (Rom. 12:20) Kiristiyaanonni ga’umsa qaban tokko tokko nama hiriyaa gaa’elaa Dhugaa Baatuu hin taane kanaafi maatiisaa nyaata afeeruudhaan, nama kanaa wajjin caalaatti wal baruufi jibba qabu akka dhiisu gochuu danda’u. Yeroo kanatti garuu waa’ee wantoota hafuuraa utuu hin ta’in, waa’ee wantoota inni jaallatuu isa haasofsiisu. Yeroo booda yommuu namichi caalaatti isaanitti dhihaachaa dhufu, waa’ee Macaafa Qulqulluu mari’achuun ni danda’ama. Yookiin keessumaa namoota gumii keessatti argaman tokko tokkoo wajjin waan wal bareef, walga’iirratti argamuudhaan wanta haati manaasaa barattu akka ilaalu afeerrii isaaf dhihaatu fudhachuu danda’a. Ammaaf dhugaa qorachuu kan hin barbaanne yoo ta’ellee, gargaarsa hiriyaa gaa’elaasaa ishee Dhugaa Baatuu taateef godhuuf galateeffamuu akka qabu beekamaadha.

5 Keessumaa jaarsoliin carraa argatanitti fayyadamanii hiriyoota gaa’elaa Dhugaa Baatota hin taane gargaaruufi isaaniif dhugaa ba’uu qabu. Hiriyaan gaa’elaa Dhugaa Baatuu hin taaneefi maree Macaafa Qulqulluu gochuuf fedhii hin qabne tokko, yommuu hospitaala galu ykn dhibeen fayyaa cimaan yommuu isa mudatu jajjabina Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’ee isaa kennamu fudhachuu danda’a. Maatiin amantiidhaan qoqqoodame akkasii yommuu rakkinni isaan mudatu jechuunis yommuu miseensi maatii jalaa du’u, jaarsoliin yeroo maaticha jajjabeessan hiriyaan gaa’elaa Dhugaa Baatuu hin taanes akka argamu afeeruu danda’u.

6 Kiristiyaanni tokko hiriyaan gaa’elaasaa yommuu gara dhugaatti dhufu gammachuun akkamii akka itti dhaga’amu tilmaamaa. Haalli kun Yihowaa, ergamootasaafi miseensota gumiitiifis gammachuu guddaa argamsiisa. (Luq. 15:7, 10) Namni kun jalqabarratti dhugaa fudhachuu kan hin barbaanne ta’ullee, irra deddeebinee carraaqqii gochuun keenya Yihowaa isa ‘namoonni hundinuu yaada garaasaanii akka geddaratan malee, garri tokkoyyuu akka badan hin barbaanne’ garaa kan ciibsu ta’uusaa beekuun keenya nu gammachiisa.—2 Phe. 3:9.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Namoonni Dhugaa Baatota hin taaneefi hiriyaa gaa’elaa babal’istoota ta’an qaban dhugaa akka fudhatan gargaaruu kan qabu hiriyoota gaa’elaasaanii qofa miti kan jennu maaliifi?

2. Hiriyaa gaa’elaa Dhugaa Baatuu hin taane hubannaadhaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

3. Namni Dhugaa Baatuu hin taane tokko akka mo’amu gochuuf malli inni guddaan isa kami?

4. Hiriyaa gaa’elaa Dhugaa Baatuu hin taaneef akka yaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Jaarsoliin hiriyaa gaa’elaa Dhugaa Baatuu hin taane gargaaruu kan danda’an akkamitti?

6. Sababiiwwan hiriyoota gaa’elaa Dhugaa Baatota hin taane akka gargaarru nu kakaasan maalfa’i?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6rra jiru]

Namni Dhugaa Baatuu hin taane tokko akka mo’amu gochuuf kan nu gargaaru malli inni guddaan, gocha keenya malee waa’ee Macaafa Qulqulluu isaa wajjin mari’achuu keenya miti

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi