Rakkoowwan Dhiirotaaf Akka Dhugaa Hin Baane Nu Taasisan Mo’uu
1. Hojii Mootummichaa wajjin haala wal qabateen wanti ariitiidhaan barbaachisu maalidha?
1 Guyyoota gara dhumaa hojiin Mootummichaa babal’achaa deemaa jiru kanatti, dhiironni karaa hafuuraa ga’eessota ta’aniifi itti gaafatamummaa fudhatanii hojjetan baay’ee barbaachisu. (Mar. 4:30-32; HoE. 20:28; 1 Xim. 3:1-13) Haata’u malee, naannoowwan tokko tokkotti dhiirota caalaatti dubartootatu misiraachoo Mootummichaa fudhata. Aadaawwan tokko tokko keessatti, dhiironni dhimmawwan hafuuraafi qajeelfama amantii ijoolleedhaaf kennuu kan qabu haadhotii manaasaanii akka ta’e isaanitti dhaga’ama. Dhiironni dabalataa, karaa hafuuraa wanta isaan barbaachisuuf xiyyeeffannaa akka kennaniifi nu wajjin waaqeffannaa dhugaarratti akka hirmaatan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?
2. Carraaqqiin Phaawulosiifi Phexros dhiirotaaf dhugaa ba’uuf godhan firii gaarii kan argisiise akkamitti?
2 Dhiirotaaf Dhugaa Ba’uurratti Xiyyeeffadhaa: Yeroo baay’ee mataan maatii dhugaa yoo fudhate, maatiinsaa warri kaan waaqeffannaa qulqulluurratti isaa wajjin akka hirmaataniif dhibba gaarii gochuu danda’a. Fakkeenyaaf, Phaawulosiifi Siilaas sababii lallabasaaniitiin yeroo hidhamanii turanitti, namicha eegduu mana hidhaa tureef dhugaa ba’anii turan. Kanaan kan ka’es, namichiifi warri manasaa keessa jiran hundumtuu cuuphamaniiru. (HoE. 16:25-34) Phaawulos Qorontositti waan lallabeef, “Kriisphos dura-buutuun mana sagadaa sanaas, nama isaa hundumaa wajjin gooftaatti amane.” (HoE. 18:8) Yihowaan Qorneelewos isa “nama Waaqayyoof bule, Waaqayyoon kan sodaate ture” jedhamee waamameefi angafa dhibbaa tureef akka dhugaa ba’uuf Phexrositti gargaarameera. Kanaan kan ka’es, Qorneelewos firoottaniifi michootasaa wajjin cuuphameera.—HoE. 10:1-48.
3. Fakkeenya Filiphos hordofuudhaan, nama ‘aboo qabu’ kamiif dhugaa ba’uu dandeessu?
3 Dhiirota “warra aboo” qabaniif dhugaa ba’uun bu’aa guddaa argamsiisuu danda’a. (1 Xim. 2:1, 2) Fakkeenyaaf ergamaan Yihowaa, Filiphos nama qabeenya mootittii warra Itoophiyaa taaterratti “abboomaa” ta’e akka haasofsiisu itti himee ture. Filiphosis, namichi kun macaafa ‘raajicha Isaayaas utuu dubbisuu’ waan dhaga’eef, misiraachoo waa’ee Yesus dubbatuu ibseef. Namichi Itoophiyaa kun duuka buutuu kan ta’e si’a ta’u, innis misiraachicha lallabaa gara biyyaasaatti hin deebi’in hin oolu. Akkasumas mootittiifi warra masaraa mootummaashee keessa jiraniifi lallabee ta’uu danda’a. Kanaachi carraa namoonni kun misiraachoo kana dhaga’uuf qaban dhiphaa ta’a ture.—HoE. 8:26-39.
4. Dhiironni caalaatti carraa misiraachoo dhaga’uu akka argatan gochuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Dhiirota Hedduu Haasofsiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?: Yeroo baay’ee dhiironni guyyaa guyyaa bakka hojiisaanii waan oolaniif, gara galgalaa, guyyaa ayyaanaa ykn Sanbadduraafi Dilbata tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuuf sagantaa keessan sirreessuu dandeessuu? Yeroo baay’ee naannoo daldalaatti tajaajiluun keessan dhiirota yeroo baay’ee manasaaniitti hin argamneef dhugaa ba’uuf carraa dabalataa isinii bana. Akkasumas obboloonni dhiiraa, dhiirota isaanii wajjin hojjetaniif karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf carraaqqii addaa gochuu danda’u. Obboloonni dhiiraa tajaajila manaa gara manaatti caalaattimmoo, naannoo tajaajilaa dafee dafee hojjetamu keessatti yommuu tajaajilan, al tokko tokko abbaa mana haasofsiisuu akka barbaadan gaafachuu danda’u.
5. Obboleettiin tokko, dhiira misiraachoo Mootummichaatiif fedhii gaarii argisiise yommuu argattu maal gochuu qabdi?
5 Obboleettiin tokko dhiira dhugaadhaaf fedhii gaarii argisiise yoo argate qofaashee deddeebii gaaffii gochuufii hin qabdu. Abbaa manashee ykn babal’isaa garabiraa wajjin dhaquu dandeessi. Namni fedhii argisiise kun guddina argisiisuusaa itti fufnaan, obboleessa ga’eessa ta’etti dabarsuun gaariidha.
6. “Namoota buufachuudhaaf” fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Mataduree Dhiirota Hawwatan Filadhaa: Phaawulos “namoota buufachuudhaaf” dhaggeeffattootasaa tilmaama keessa kan galchu si’a ta’u, akkaataa dhiheenyaasaas akkuma haalasaatti gegeddara ture. (1 Qor. 9:19-23)
Haaluma wal fakkaatuun, nuyis mataduree dhiirota haasofsiisnu hawwatu filachuufi akkaataa dhiheenyaa keenyas akka isaaniif ta’utti dhiheessuuf qophaa’uu qabna. Fakkeenyaaf, yeroo baay’ee dhiironni rakkinni dinagdee, bulchiinsa gaarii, wanta maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessu, akkasumas nageenyi maatiisaanii isaan yaaddessa. Akkasumas matadureewwan, kaayyoo jireenyaa, lafti gara fulduraatti maal akka taatuufi Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi? jedhan isaan hawwachuu danda’u. Akkaataa dhiheenyaa keenya akkasitti sirreessuudhaan hubannaa akka qabnu kan argisiisnu taanaan misiraachoo mootummichaa dhaga’uuf fedhii gaarii argisiisuu danda’u.—Fak. 16:23.
7. Miseensonni gumii hundi abbootiin manaa Dhugaa Baatuu hin taane walga’iirratti yommuu argaman dhiibaa gaarii geessisuu kan danda’an akkamitti?
7 Abbootii Manaa Dhugaa Baatuu Hin Taane Gargaaruuf Carraaqaa: Yeroo hedduu abbootii manaa Dhugaa Baatuu hin taanerratti dhiibaa gaarii kan geessisu amalawwan gaarii obboleettonni keenya argisiisan ta’us, miseensonni gumiis gama kanaan bu’a gaarii argamsiisuu danda’u. (1 Phe. 3:1-4) Abbaan manaa Dhugaa Baatuu hin taane haadha manaasaa wajjin walga’ii yeroo dhufu, simannaa gaarii gumiin isaaf godhu akka gaariitti dhugaa isaaf ba’uu danda’a. Walga’iirratti argamuunsaa hamma tokko dhugaadhaaf fedhii akka qabu kan argisiisu si’a ta’u, afeerrii Macaafa Qulqulluu akka qayyabatuuf isaaf dhihaatu fudhachuufis fedhii qabaachuu danda’a.
8. Obboloonni dhiiraa abbootii manaa Dhugaa Baatota hin taaneefi dhugaaf fedhii xinnoo argisiisan gargaaruuf carraaqqii akkamii gochuu danda’u?
8 Karaa garabiraammoo, abbootiin manaa tokko tokko jalqabarratti Macaafa Qulqulluuf fedhii baay’ee kan hin qabne ta’anis, yeroo booda garuu obboleessa caalaatti walii galanii wajjin waa’ee Macaafa Qulqulluu mari’achuuf fedhii argisiisuu danda’u. Obboloonni gumii tokko keessa jiran maatii amantiidhaan qoqqoodame darbanii darbanii yeroo daawwatanitti, wantoota abbaa manaa Dhugaa Baatuu hin taane akka gammachiisan beekan kaasanii haasa’uuf carraaqqii addaa godhan. Kunimmoo booda waa’ee Macaafa Qulqulluu mari’achuutti kan geesse si’a ta’u, yeroo ammaatti abbaan manaa kun cuuphameera. Yeroo garabiraammoo, obboleessi tokko jaalalaan kaka’ee abbaan mana Dhugaa Baatuu hin taane tokko yommuu dallaasaa ijaaru isa gargaare. Karaa kanaan dhuunfaatti akka isaaf yaadu waan argisiiseef, abbaan manaa kun Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabuu danda’eera. (Gal. 6:10; Filp. 2:4) Obboleessa Kiristiyaana taanaan, abbootii manaa Dhugaa Baatuu hin taane tokko ykn isaa ol ta’aniif dhugaa ba’uuf carraaqqii maaliif hin gootu?
9. Dhiirota Kiristiyaana ta’an leenjisuun bu’aa maalii qaba?
9 Gara Fuulduraatiif Isaan Leenjisuu: Dhiironni ergaa Mootummichaa fudhataniifi tajaajila Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa argachuuf carraaqqii godhan, “kennaa” dhiirotaa ta’uudhaan jaarsolii dandeettiifi humnasaaniitti fayyadamanii gumii saba Yihowaa tajaajilan keessaa tokko ta’uu danda’u. (Efe. 4:8; Far. 68:18) Dhiironni akkasii jaalalaafi of kennuudhaan gumii eegu. (1 Phe. 5:2, 3) Dhiironni akkasii, obboloota guutummaa biyya lafaa keessa jiraataniif eebba guddaa ta’u!
10. Carraaqqiin Anaaniyaas Phaawulosiin gargaaruuf godhe namoota baay’ee kan fayyade akkamitti?
10 Fakkeenyaaf, Phaawulos Kiristiyaanota ari’achaa kan ture ta’us, yeroo booda garuu “saba Waaqayyoo warra hin ta’iniif ergamaa” ta’eera. (Rom. 11:13) Kanaan kan ka’es Anaaniyaas, jalqabarratti Phaawulosiif lallabuuf mamee ture. Haata’u malee, Anaaniyaas qajeelfama Gooftaa hordofuudhaan nama yeroo booda Phaawulos ergamaa jedhamee waamame kanaaf lallabeera. Waggoonni darbaa yommuu adeemanittis, namoonni kumaatamaan lakkaa’amaniifi lallaba Phaawulos dhaga’an tajaajilasaarraa akkuma faayidaa argatan, ergaawwansaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamaniifi yeroo ammaatti argamanis namoota miliyoonaan lakkaa’aman gargaaraa jiru.—HoE. 9:3-19; 2 Xim. 3:16, 17.
11. Dhiirotaaf dhugaa ba’uuf sirreeffamawwan barbaachisan hundaa gochuu kan qabnu maaliifi?
11 Kanaaf, rakkoowwan dhiirotaaf dhugaa akka hin baane nu taasisan mo’uuf sirreeffamawwan barbaachisan kamiyyuu haa goonu. Galma kana fiixaan baasuuf yommuu carraaqnu, carraaqqii cimaa fedhasaa raawwachuufi Mootummaasaa dursuuf goonu Yihowaan akka nuu eebbisu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.