LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp23 Lakk. 1 ful. 12-13
  • 4 | Kitaabni Qulqulluun Gorsa Gaarii Nuuf Kenna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 4 | Kitaabni Qulqulluun Gorsa Gaarii Nuuf Kenna
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maal Jechuudha?
  • Gorsi Kitaaba Qulqulluu kan Si Fayyadu Akkamitti?
  • Gorsi Kitaaba Qulqulluu Namoota Dhiphinaan Dararamaa Jiran kan Gargaaru Akkamitti?
  • Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Dhibee Addunyaa Maratti Babalʼate
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • 3 | Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurraa Fayyadami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • Namoota Dhibee Sammuu Qaban Gargaaruu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
wp23 Lakk. 1 ful. 12-13
Dubartii gammachuudhaan biskileetii ooftu.

4 | Kitaabni Qulqulluun Gorsa Gaarii Nuuf Kenna

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: ‘Kitaabonni Qulqulluun hundi ni fayyadu’—2 XIMOTEWOS 3:16.

Maal Jechuudha?

Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa taʼuu baatus gorsa nu fayyadu nuuf kenna. Gorsi isaa nama dhibee sammuu wajjin walʼaansoo gochaa jirus ni fayyada. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

Gorsi Kitaaba Qulqulluu kan Si Fayyadu Akkamitti?

“Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.”—MAATEWOS 9:12.

Kitaabni Qulqulluun gargaarsi yaalii fayyaa nu barbaachisuu akka dandaʼu ifatti dubbata. Namoonni dhibee sammuu qaban hedduun rakkina isaanii ilaalchisee odeeffannoo sirrii fi gargaarsa ogeessota yaalii fayyaa argachuun isaanii isaan fayyadeera.

‘Sochiin qaamaa ni fayyada.’—1 XIMOTEWOS 4:8, miiljalee.

Fayyummaa qaamaa kee fooyyessuuf wantoota tokko tokko gochuun kee fayyummaan sammuu kees akka fooyyaʼu gochuu dandaʼa. Gama kanaan barsiifata gaarii qabaachuun yeroo hunda sochii qaamaa gochuu, nyaata madaalamaa nyaachuu, akkasumas sirriitti rafuu dabalata.

“Garaan gammade qoricha gaarii dha, hafuurri cabe garuu humna namaa laaffisa.”—FAKKEENYA 17:22.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessan dubbisuun kee fi galma bira gaʼuu dandeessu baafachuun kee gammachuu qabaachuuf si gargaara. Jireenya kee keessatti wantoota gaggaariirratti xiyyeeffachuun kee fi gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu amanuun kee dhiphina sammuu dandamachuuf si gargaara.

“Ogummaan . . . warra humna isaanii beekan biratti argama.”—FAKKEENYA 11:2.

Wanta gochuu barbaaddu hunda kophaa kee gochuu akka hin dandeenye hubatteetta taʼa; kanaafuu, gargaarsa warra kaanii fudhadhu. Michoonni kee fi miseensonni maatii kee si gargaaruu kan barbaadan taʼus maal gochuu akka qaban hin beekan taʼa. Karaa caalaatti itti si gargaaruu dandaʼan akka beekan isaan gargaari. Wanta humna isaaniitii ol taʼe isaanirraa hin eegin; gargaarsa siif godhaniif yeroo hunda isaan galateeffadhu.

Gorsi Kitaaba Qulqulluu Namoota Dhiphinaan Dararamaa Jiran kan Gargaaru Akkamitti?

“Haalli koo gaarii akka hin taane waan natti dhagaʼameef doktara takka biran dhaqe. Ishiinis rakkina koo beekuu dandeesseetti. Kunis haalan keessa jiru amanee fudhachuu fi yaalii fayyaa caalaatti na gargaaru adda baasee beekuuf na gargaareera.”—Niikool,a dhibee sammuu baayipoolaar diisordar jedhamu qabdi.

Dubartii ogeettii fayyaa haasofsiisaa jirtu.

“Yeroo hunda haadha manaa koo wajjin Kitaaba Qulqulluu dubbisuun keenya guyyicha miira gaarii qabaadhee jalqabuuf akka na gargaaru hubadheera. Yeroo baayʼee yeroo haala isaa dandamachuun natti ulfaatu caqasa na jajjabeessu tokkon argadha.”—Piitar, dhiphina sammuu qaba.

“Baayʼee waanan saalfadhuuf waaʼee dhibee kootii warra kaanitti himuun natti ulfaata ture. Michuun koo tokko garuu sirriitti na dhaggeeffachuudhaan miira koo hubachuuf carraaqqii goote. Miira gaarii akkan qabaadhuu fi kophummaan akka natti hin dhagaʼamne na gargaarteetti.”—Jiiyoo, rakkina nyaata nyaachuu wajjin walqabate qabdi.

“Kitaabni Qulqulluun hojii fi boqonnaa wajjin haala wal qabateen madaallii koo akkan eeggadhu na gargaareera. Gorsi gaariin Kitaabni Qulqulluun kennu dhiphina yeroo hunda natti dhagaʼamu dandamachuuf na gargaareera.”—Tiimotii, dhibee obsasiiv kompalsiiv diisordar jedhamu qaba.

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

Viidiyoo animeeshinii gabatee adii “Gaddi Kee Gammachuutti Jijjiiramuu Dandaʼa” jedhu.
Gargaarsa Dabalataatiif:

Viidiyoo animeeshinii gabatee adii Gaddi Kee Gammachuutti Jijjiiramuu Dandaʼa jedhu jw.org irraa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi