SEENAA JIREENYAA
Namoonni Amanamoon Yeroo Dagaagan Argeera
BAAYʼEEN keenya yeroo nama tokko wajjin marii iddoo guddaa kenninuuf itti goone hin irraanfannu. Gara waggaa 50 dura marii Keeniyaatti hiriyaa koo tokko wajjin ibidda bira teenyee goone hin irraanfadhu. Jiʼoota hedduudhaaf imalaa waan turreef gurraachofnee turre; fiilmii amantaa tokkorratti mariʼachaa utuu jirruu hiriyaan koo, “Fiilmiin kun ergaa Kitaaba Qulqulluu jalʼiseera” jedhe.
Hiriyaan koo nama amantaa akka taʼetti waanan hin yaanneef nan kolfe. “Atimmoo waaʼee Kitaaba Qulqulluu maal beekta?” jedheen isa gaafadhe. Dafee naaf hin deebisne. Dhumarrattis, haati isaa Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taatee fi wantoota tokko tokko ishiirraa akka barate natti hime. Anis beekuu waanan barbaadeef wanta dabalataa akka natti himun isa gaafadhe.
Mariin keenya hamma halkaniitti itti fufe. Hiriyaan koo Kitaabni Qulqulluun Seexanni bulchaa addunyaa taʼuu isaa akka dubbatu natti hime. (Yoh. 14:30) Tarii isin kana ijoollummaa keessanii kaastanii beektu taʼa; anaaf garuu yaanni kun haaraa waan taʼeef xiyyeeffannaa koo harkise. Yeroo hundumaa addunyaa kana kan bulchu Waaqa gaarii fi haqa qabeessa akka taʼe yeroo dubbatamu nan dhagaʼan ture. Haa taʼu malee, wantootan jireenya koo keessatti argeen kan kaʼe yaanni kun naaf hin liqimfamne. Yeroo sanatti umuriin koo waggaa 26 qofa taʼus wantoota na jeeqan baayʼee argeera.
Abbaan koo Humna Qilleensaa Yuunaayitid Isteetis keessatti paayileetii taʼee hojjeta ture. Kanaafuu, ijoollummaa kootti raayyaan waraanaa yeroo kamittiyyuu boombii niwukilariitti fayyadamuuf qophaaʼaa waan taʼeef waraanni niwukilarii kaʼuu akka dandaʼu beekan ture. Yeroon Kaalifoorniyaa keessatti koollejjiitti barachaa turetti waraanni Veetinaam geggeeffamaa ture. Anis fincila barattoonni geggeessanittan makame. Poolisoonni ulee qabatanii nu ariʼu turan, nutis aara imimmaanessuun kan kaʼe hudhamnee fi arguu dadhabnee fiigna turre. Yeroon sun yeroo jeequmsaa fi fincilaa ture. Geggeessitoonni siyaasaa ni ajjeefamu, namoonnis mormii fi hookkara kaasu turan. Haala jiru ilaalchisee namoonni ilaalcha garaagaraa qabu turan. Haalli isaa nama burjaajessa ture.
Landanii gara Giddu Galeessa Afrikaa yeroon deemu
Bara 1970tti qarqara galaanaa Alaaskaatti hojii waanan jalqabeef maallaqa hedduu argachuun jalqabe. Achiis gara Landan deemee motarsaayikilii ergan bitadhee booda callisee gara kallattii kibbaatti oofuun jalqabe. Jiʼoota muraasa boodas Afrikaan gaʼe. Karaarratti namoota rakkoowwan isaanii hunda jalaa baqachuu barbaadan argeera.
Kanaafuu, wantootan argee fi dhagaʼeen kan kaʼe barumsi Kitaaba Qulqulluu uumamni hafuuraa hamaan tokko addunyaa kana toʼachaa akka jiru ibsu sirrii akka taʼen hubadhe. Waaqayyo addunyaa kana toʼachaa hin jiru erga taʼee maal hojjechaa jiraree? Waaʼee kanaa beekuun barbaade.
Jiʼoottan sana booda turanitti deebii isaa nan argadhe. Yeroo boodas namoonni haala hundumaa keessatti Waaqa dhugaa isa tokkichaaf amanamoo taʼan hedduun akka jiran nan hubadhe, isaan jaallachuus nan jalqabe.
KAABA AAYERLAANDI—“BIYYA BOOMBII FI RASAASAA”
Gara Landanitti yeroon deebiʼu haadha hiriyaa kootii wajjinan wal arge, ishiinis Kitaaba Qulqulluu naaf kennite. Gara Amistardaam Neezarlaandi ergan deemee booda gaaf tokko Dhugaa Baatuun tokko ibsaa daandii jalatti Kitaaba Qulqulluu yeroon dubbisu na argee caalaatti akkan hubadhu na gargaare. Sana booda gara Dabliin Aayerlaandi deemeen waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa argadhe. Achiis balbala fuulduraa nan rurukkute. Obboleessa ogeessa Aartar Maatiwu jedhamuu fi muuxannoo qabu wajjin kan wal barre yeroo kanatti ture. Kitaaba Qulqulluu akka na qoʼachiisu yeroon isa gaafadhu na qoʼachiisuuf walii gale.
Hawwii guddaadhaan qoʼachuun jalqabe; kitaabotaa fi barruulee Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan dubbisuus nan jaalladhan ture. Kitaaba Qulqulluus nan dubbisa. Baayʼee namatti tola ture. Walgaʼiiwwan gumiirratti yeroon argamu ijoollee xixinnoonillee deebii gaaffilee, ‘Hamminni kan jiraate maaliifi? Waaqayyo eenyu? Yeroo duunu maal taana?’ jedhanii fi namoonni guguddaan jaarraawwan hedduudhaaf gaafachaa turanii akka beekanin hubadhe. Dhugaa Baatota Yihowaa qofattan dhihaadha ture. Biyyattii keessatti nama tokkollee waanan hin beekneef akkas gochuun anaaf salphaa ture. Isaan Yihowaa akkan jaalladhuu fi fedhii isaa raawwachuu akkan barbaadu na gargaaraniiru.
Naayijel, Deenisii fi ana
Bara 1972tti nan cuuphame. Waggaa tokko boodammoo gumii xinnoo Niwurii ishii Kaaba Aayerlaanditti argamtu keessatti qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Mana dhagaa gaara tokko biratti argamun kireeffadhe. Dirreerra saawwan dheedan waan jiraniif haasaa koo isaan fuuldurattan shaakala ture. Alala yeroo guuran xiyyeeffannaadhaan waan dhaggeeffatan fakkaatu. Yaada kan naaf hin kennine taʼus yeroon haasaa dhiheessu gara dhaggeeffattootaa akkamitti ilaaluu akkan qabu barachuuf na gargaaraniiru. Bara 1974tti qajeelchaa addaa taʼee muudameen Naayijel Piit wajjin tajaajiluu jalqabne; innis hamma ammaatti michuu kooti.
Yeroo sanatti Kaaba Aayerlaandi keessa jeequmsa baayʼeetu jira ture. Namoonni tokko tokko Kaaba Aayerlaandi “biyya boombii fi rasaasaa” jedhanii waamu turan. Karaarratti namoonni wal lolu, wal ajjeesu, akkasumas konkolaataa ni gubu turan. Yeroo baayʼee jeequmsi siyaasaa fi amantaa wajjin wal qabate ni uumama ture. Haa taʼu malee, Pirootestaantonnis taʼan Kaatolikoonni Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa akka hin seenne waan beekaniif, bilisummaa fi nagaadhaan lallabuu dandeenyeerra. Yeroo baayʼee namoonni haasofsiisnu jeequmsi yoomii fi eessatti akka kaʼu waan beekaniif balaarraa akka of eegnu nu akeekkachiisu turan.
Taʼus, haalawwan balaadhaaf nama saaxilan jiru turan. Gaaf tokko anii fi qajeelchaan Deenis Kaariigan jedhamu magaalaa Dhugaa Baatonni Yihowaa keessa hin jirre tokkotti lallabuu jalqabne; gara magaalaa sanaa deemnee kan beeknu yeroo tokko qofadha. Lamaan keenyayyuu loqoda Aayerlaandiin dubbachaa waan hin turreef taʼuu hin oolu, dubartiin takka loltoota Biritaaniyaa dhoksaadhaan hojjetan akka taanetti nu himatte. Himanni kunis nu sodaachise. Loltootatti gaarummaa xinnoo argisiisuuf yoo yaalte ajjeefamuu dandeessa ykn jilba keetti dhukaafamuu dandaʼa. Qorra keessa dhaabbannee kophaa keenya atoobisii utuu eegnuu konkolaataan tokko gara kaaffee dubartiin sun itti nu himattee yeroo dhufu argine. Dubartiin sunis gadi baatee quba nutti qabaa namoota lamaan konkolaataa sana keessa jiran haasofsiisuu jalqabde. Namoonni sunis suuta jedhanii gara keenya dhufanii waaʼee atoobisii eegaa jirru sanaa gaaffii tokko tokko nu gaafatan. Atoobisichi yeroo dhufummoo konkolaachisaa haasofsiisan. Wanta isaan dubbatan hin dhageenye. Imaltoonni kan biroon waan hin turreef magaalattiidhaa ala nu baasanii nu miidhuuf akka karoorfatan nutti dhagaʼamee ture. Garuu akkas hin goone. Atoobisicharraa yeroon buʼu, “Namoonni sun waaʼee keenya si gaafatanii?” jedheen konkolaachisaa sana gaafadhe. Innis, “Eenyu akka taatan beeka, isaanittis himeera. Hin yaaddaʼinaa. Homaa hin taatan” naan jedhe.
Guyyaa cidha keenyaatti, Bitootessa 1977
Bara 1976tti walgaʼii koonyaaa Dabliin keessatti geggeeffame tokkorratti qajeelchituu addaa Pooliin Loomaaksi jedhamtuu fi Ingilaandirraa dhufte wajjin wal barre. Pooliin nama hafuuraa, nama gad of qabduu fi obboleettii jaallatamtuu turte. Ishiinii fi obboleessi ishii Reeyi mana dhugaa keessatti guddatan. Waggaa tokko booda Anii fi Pooliin gaaʼela dhaabbannee Baalimiinaa ishii Kaaba Aayerlaanditti argamtu keessatti qajeelchitoota addaa taanee tajaajiluu keenya itti fufne.
Yeroo muraasaaf hojii aanaarratti hirmaachuudhaan obboloota keenya Beelfaasti Landandarii fi naannoowwan balaadhaaf nama saaxilan kan biroo keessa jiraatan tajaajiluu dandeenyeerra. Obbolootaa fi obboleettota keenya warra Yihowaa tajaajiluuf jecha wantoota cimsanii itti amanaa turanii fi jibba halaalaa dhiisan arguun keenya baayʼee nu jajjabeesseera. Yihowaan dhugumayyuu isaan eebbiseera, eegumsas isaaniif godheera.
Aayerlaandi keessa waggaa kudhaniif jiraadheera. Achiis bara 1981tti mana barumsaa Giiliyaad kutaa 72ffaarratti akka hirmaannu affeeramne. Erga eebbifamnee booda Seeraa Liyoon ishii Lixa Afrikaatti argamtutti ramadamne.
SEERAA LIYOON—HIYYUMMAAN JIRAATUS AMANTII ARGISIISUU
Namoota gaggaarii 11 wajjin mana misiyoonotaa keessa jiraanna turre. Kushinaa tokko, mana fincaanii sadi, mana shaaworii lama, bilbila tokko, maashinii uffata miiccu tokkoo fi maashinii uffata gogsu tokkotti waliin fayyadamna turre. Ibsaan yeroo baayʼee ni bada ture, yoom akka dhufus hin beekamu. Baaxiin manaa hantuutaan kan guutame ture, mana jalammoo marʼataatu jira ture.
Walgaʼii guddaa Giiniitti geggeeffamurratti argamuuf laga tokko yeroo ceenu
Haalli jireenyaa mijataa taʼuu baatus tajaajilli gammachiisaa ture. Namoonni Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja waan qabaniif xiyyeeffannaadhaan nu dhaggeeffatu. Namoonni baayʼeen Kitaaba Qulqulluu qoʼatanii dhugaa fudhataniiru. Namoonni naannichaa, “Obbo Roobarti” jedhanii na waamu turan. Pooliiniin immoo, “Aadde Roobarti” jedhanii waamu turan. Yeroo muraasa booda garuu waajjira damee keessatti hojjechuudhaan saʼaatii dheeraa waanan dabarsuuf akka duraanii tajaajilarratti yeroo dheeraa hin dabarsun ture. Kanaafuu, namoonni Pooliiniin, “Aadde Pooliin” jedhanii waamuu jalqaban. Anammoo, “Obbo Pooliin” jedhanii waamuu jalqaban. Pooliinis kanatti gammaddee turte!
Seeraa Liyoon keessatti duula lallabaatiif yeroo deemnu
Obboloonni hedduun hiyyeeyyiidha, taʼus Yihowaan yeroo hunda wanta isaan barbaachisu isaaniif guuta; yeroo tokko tokkommoo karaa baayʼee dinqisiisaa taʼeen kana godha. (Mat. 6:33) Obboleettiin takka maallaqa guyyuma sanaaf ofii ishiitii fi ijoollee ishiitiif nyaata ittiin bittu qofa qabdi turte; taʼus hunda isaa obboleessa maallaqa qoricha busaa ittiin bitatu hin qabne tokkoof kennite. Gaafuma sana dubartiin takka utuu hin eegamin obboleettii sana bira deemtee maallaqa kaffaltee rifeensa ishii hojjechiifatte. Haalli akkasii yeroo baayʼee ni uumama ture.
NAAYIJEERIYAATTI AADAA HAARAATTI BARUU
Waggaa sagaliif Seeraa Liyoon keessa jiraanne. Achiis gara Beetel isa Naayijeeriyaatti argamutti jijjiiramne. Waajjirri damee kun guddaadha. Ani hojii biiroo keessaa Seeraa Liyoonitti hojjechaa turen hojjedha, Pooliin garuu jijjiirama guddaa fi ulfaataatu ishii mudate. Jiʼa jiʼaan saʼaatii 130 tajaajilarratti dabarsiti turte; qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu gaggaariis qabdi turte. Amma garuu kutaa uffata itti hodhanitti waan ramadamteef guyyaa guutuu uffata tarsaʼe hodhaa oolti. Itti baruuf yeroo kan ishiitti fudhate taʼus, warri kaan wanta ishiin hojjechaa jirtu akka dinqisiifatan hubatteetti; akkasumas miseensota maatii Beetel kaan jajjabeessuurratti xiyyeeffatte.
Aadaan warra Naayijeeriyaa nuuf haaraa waan tureef wanti barachuu qabnu baayʼeen jira ture. Gaaf tokko obboleessi tokko obboleettii reefu Beetel galte wajjin wal na barsiisuuf gara biiroo koo ishii fidee dhufe. Anis nagaa ishii gaafachuuf harka koo yeroon diriirsu miila koorratti gadi goombifamte. Baayʼeen nahe. Yeruma sana Hojiin Ergamootaa 10:25, 26, akkasumas Mulʼanni 19:10 gara sammuu kootti dhufe. ‘Akkas akka hin goone ishiitti himuun qabaa laata?’ jedhee yaadeen ture. Garuummoo Beetel akka galtu waan ishiidhaaf heyyamameef barumsa Kitaaba Qulqulluu sirriitti beekti jedheen yaade.
Sana booda yeroo haasofnu qaanaʼeen ture, achiis qorannoo muraasan godhe. Obboleettiin sun aadaa yeroo sanatti kutaalee biyyattii muraasa keessatti namoonni hordofan hordofaa akka turten hubadhe. Dhiironnis akkasuma godhu turan. Karaa itti kabaja argisiisanidha malee waaqeffannaa hin turre. Kitaaba Qulqulluu keessattis namoonni akkas godhan jiru. (1 Sam. 24:8) Utuu hin beekin wanta obboleettii koo qaanessu dubbachuu dhiisuu kootti baayʼeen gammade.
Naayijeeriyaa keessatti obboloota waggoota hedduudhaaf karaa dinqisiisaa taʼeen amanamummaa isaanii argisiisan hedduu argineerra. Aayizaayaa Adaagboonaan isaan keessaa tokkodha.b Dhugaa kan barate dargaggummaa isaatti ture; booda garuu dhukkuba nadaayiitiin qabame. Achiis gara mandara namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman keessa jiraatanitti ergame; achi keessa Dhugaa Baatuun Yihowaa kan biraan hin jiru ture. Mormiin jiraatus namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman 30 ol dhugaa akka fudhatanii fi mandara sana keessatti gumiin tokko akka hundaaʼu gargaarsa godheera.
KEENIYAATTI OBBOLOONNI OBSA NATTI ARGISIISANIIRU
Keeniyaa keessatti bineensa riinoo jedhamu tokko wajjin
Bara 1996tti waajjira damee Keeniyaatti ramadamne. Isan seensarratti caqaseen alatti gara biyyattii kanan dhaqe yeroo kanattidha. Kan jiraannu Beetel keessa ture. Qamaleewwanis Beetel dhufanii daawwatu turan. Obboleettonni muduraa baatanii yeroo deeman isaan jalaa hatu turan. Gaaf tokko obboleettiin Beetel jiraattu foddaa ishii banaa dhiistee deemte. Gara kutaa ishiitti yeroo deebitu qamaleewwan nyaata kutaa ishii keessatti argatan yeroo nyaatan argite. Achiis iyyitee fiigdee baate. Qamaleewwan sunis iyyaa karaa foddaa utaalanii baʼan.
Anii fi Pooliin gumii Afaan Suwahilii tokkorratti hirmaachuu jalqabne. Yeroo muraasa boodas Qoʼannaa Kitaabaa Gumii (amma Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii jedhama) akkan geggeessun ramadame. Haa taʼu malee, afaanicha sirriitti dubbachuu hin dandaʼun ture. Barreeffamicha dursee waanan qoʼadhuuf gaaffilee jiran dubbisuu nan dandaʼan ture. Taʼus, yaanni obboloonni kennan wanta barreeffamerraa xinnumallee adda yoo taʼe hubachuu hin dandaʼun ture. Haalli isaa baayʼee ulfaataa ture. Obboloonnii fi obboleettonni na gaddisiisan. Naaf obsuun isaanii fi walgaʼicha akkan geggeessu gad of qabuudhaan naaf heyyamuun isaanii baayʼee na dinqisiise.
YUUNAAYITID ISTEETIS—BADHAADHINNI JIRAATUS AMANTII ARGISIISUU
Yeroon Keeniyaatti dabarsine waggaa tokko hin guutu. Bara 1997tti Beetel isa Biruukiliin Niwu Yoorkitti argamu keessa akka tajaajillu affeeramne. Amma biyya badhaate keessa kan jiraannu taʼus, kunis rakkina mataa isaa qaba ture. (Fak. 30:8, 9) Taʼus, biyya akkasii keessattillee obboloonni amantii guddaa argisiisaa jiru. Obboloonni keenya yeroo fi qabeenya isaanii jireenya qananii jiraachuuf utuu hin taʼin, hojii jaarmiyaan Yihowaa hojjetu deeggaruuf itti fayyadamu.
Waggoota hedduudhaaf amantii obboloonni haala garaagaraa keessatti argaman argisiisan arguu dandeenyeerra. Aayerlaandi keessatti jeequmsi jiraatus obboloonni amantii argisiisaa turan. Afrikaa keessatti obboloonni hiyyeeyyii fi warra kaanirraa fagaatanii kan jiraatan taʼanis amantii akka qaban argisiisaniiru. Yuunaayitid Isteetis keessatti badhaadhinni jiraatus obboloonni amantii argisiisaniiru. Yihowaan sabni isaa haala hundumaa keessatti jaalala akka argisiisan yeroo argu baayʼee akka gammadu beekamaadha.
Pooliin wajjin Beetel isa Waarwiikitti argamu keessatti
Waggoonni “kolloo nama wayyaa dhaʼuu caalaa ni ariifatu.” (Iyo. 7:6) Amma waajjira muummee Waarwiik Niwu Yoorkitti argamu keessa tajaajilaa jirra; namoota garaadhaa wal jaallatan wajjin tajaajiluu keenya itti fufuun mirga guddaadha. Mootii keenya Kiristoos Yesuus isa yeroo dhihootti tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan badhaasu deeggaruuf wanta dandeenyu hunda gochuun keenya baayʼee nu gammachiisa.—Mat. 25:34.
a Yeroo sanatti walgaʼiin naannoo walgaʼii koonyaa jedhamee waamama ture.
b Seenaan jireenyaa Aayizaayaa Adaagboonaa Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 1998 fuula 22-27 (Amaariffa) irratti argama. Bara 2010tti duʼe.