LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Guraandhala ful. 25-27
  • Ofittummaa Addunyaa Keessatti Babalʼaterraa Of Eegi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ofittummaa Addunyaa Keessatti Babalʼaterraa Of Eegi
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • OFITTUMMAARRAA FAGAACHUUF MAALTU NU GARGAARA?
  • Hamma Yaaduu Qabdan Caalaa Waaʼee Ofii Keessanii hin Yaadinaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Yihowaan Tajaajiltoota Isaa Warra Gad Of Qabaniif Iddoo Guddaa Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Yesus Gad Of Deebisuudhaan Fakkeenya Taʼeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • “Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Guraandhala ful. 25-27
Hoteela keessatti namichi aaree jiru tokko dubartii kutaa keessummaa keessaa hojjettutti karaa nama salphisuun dubbachaa jira. Maamiltoonni kan biroon isa duubaan hiriiranii jiru.

Ofittummaa Addunyaa Keessatti Babalʼaterraa Of Eegi

NAMOONNI addunyaa hedduun mirgii fi kunuunsi addaa akka isaaniif malu akka isaanitti dhagaʼamu hubatteettaa? Wantoota kana erga argatanii boodallee, mirga dabalataa argachuun akka isaaniif malu isaanitti dhagaʼama. Namoonni ilaalcha akkasii qaban ofittoo fi kan hin galateeffannedha. Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaatti namoonni hedduun ilaalcha akkasii akka qabaatan dubbata.—2 Xim. 3:2.

Dhugaadha, ofittummaan wanta amma jalqabe miti. Addaamii fi Hewaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofiin murteessuu filataniiru; kunis miidhaa guddaa geessiseera. Waggoota hedduu boodammoo, mootii Yihudaa kan taʼe Ooziyaan mana qulqullummaa keessatti ixaana aarsuuf mirga akka qabu isatti dhagaʼamee ture; kun garuu dogoggora guddaadha. (2 Sen. 26:18, 19) Haaluma wal fakkaatuun, Fariisonnii fi Saduuqonnis sanyii Abrahaam waan taʼaniif qofa Waaqayyoo biratti iddoo addaa qabaachuun akka isaaniif malu yaadu turan.—Mat. 3:9.

Nutis kan jiraannu namoota ofittoo taʼaniin marfamnee waan taʼeef, ilaalchisaanii dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼa. (Gal. 5:26) Tarii mirgi tokko tokko ykn kunuunsi addaa akka nuuf malu nutti dhagaʼamuu jalqabeera taʼa. Maarree, ilaalcha akkasii injifachuu kan dandeenyu akkamitti? Jalqaba, ilaalcha Yihowaan dhimmaa kanarratti qabu hubachuu qabna. Gama kanaan qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu lama nu gargaaru.

Wanta argachuun nuuf malu Yihowaatu murteessa. Mee fakkeenya tokko tokko haa ilaallu.

  • Maatii keessatti, abbaan manaa tokko kabaja haadha manaasaa argachuun isaaf mala, haati manaa tokkommoo jaalala abbaa manaa ishii argachuun ishiidhaaf mala. (Efe. 5:33) Namoonni gaaʼela godhatan hiriyaan gaaʼelaasaanii isaaniif qofa miira addaa akka qabaatu eeguuf mirga qabu. (1 Qor. 7:3) Warri ijoolleensaanii akka isaaniif ajajaman eeguunsaanii sirriidha, ijoolleenis jaalalaa fi deggersa warrasaanii argachuu qabu.—2 Qor. 12:14; Efe. 6:2.

  • Gumii keessatti jaarsoliin jabaatanii hojjetan kabaja warra kaanii argachuu qabu. (1 Tas. 5:12) Haa taʼu malee, obbolootasaanii toʼachuuf mirga hin qaban.—1 Phe. 5:2, 3.

  • Waaqayyo mootummoonni ilmaan namootaa namoota isaan jalatti bulanirraa qaraxaa fi kabaja akka argatan mirga isaaniif kenneera.—Rom. 13:1, 6, 7.

Yihowaan jaalalaan kakaʼee wanta nuuf malu caalaa nuuf kenna. Cubbuu waan dhaalleef duʼatu nuuf mala. (Rom. 6:23) Haa taʼu malee, Yihowaan jaalala amanamaadhaan kakaʼe wantoota hedduu nuuf godha. (Far. 103:10, 11) Mirga ykn eebba kamiyyuu argachuu kan dandeenye gaarummaasaa isa guddaadhaan kan kaʼedha.—Rom. 12:6-8; Efe. 2:8.

OFITTUMMAARRAA FAGAACHUUF MAALTU NU GARGAARA?

Ilaalcha addunyaarraa of eegi. Utuu nutti hin beekamin warra kaan caalaa wanti tokko akka nuuf malu nutti dhagaʼamu dandaʼa. Yesuus fakkeenya waaʼee hojjetoota diinaareen tokko isaaniif kaffalamee ibsutti fayyadamee namni tokko ilaalcha akkasii salphaatti horachuu akka dandaʼu ibseera. Hojjettoonni tokko tokko ganamaa kaasanii guyyaa guutuu aduu keessa hojjechaa oolan, kaanimmoo saʼaatii tokkoof qofa hojjetan. Namoonni ganamaa kaasanii hojjechaa turan hojiisaaniitiif kaffaltii warra kaanirra caalu akka argatan yaadanii turan. (Mat. 20:1-16) Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee duuka buutonnisaa wanta Waaqayyo isaaniif kennetti gammaduu akka qaban barsiiseera.

Hojjettoonni fakkeenya Yesuusirratti ibsaman tokko tokko gooftaa manichaa komachaa jiru.

Namoonni guyyaa guutuu hojjechaa oolan kaffaltiin warra kaanirra caalu akka isaaniif kaffalamu eeganii turan

Kan galateeffattu taʼi, warri kaan waa sii gochuu akka qaban hin eegin. (1 Tas. 5:18) Fakkeenya Phaawulos hordofi; inni utuma mirgasaa qabuu Kiristiyaanonni Qorontos deggersa maallaqaa akka isaaf godhan hin gaafanne. (1 Qor. 9:11-14) Eebba argannu kamiyyuu dinqisiifachuu qabna, akkasumas warri kaan waa nuuf gochuu akka qaban eeguu hin qabnu.

Phaawulos ergamaanii fi namoonni kan biroon lama waliin t⁠a⁠ʼanii dunkaana hodhaa jiru.

Phaawulos ergamaan deggersi maallaqaa akka isaaf godhamu hin eegne

Gad of qabi. Namni tokko iddoo guddaa kan ofiif kennu yoo taʼe wanta qabu caalaa argachuu akka qabu yaada. Gad of qabuun ilaalcha akkasiirraa fagaachuuf nu gargaara.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Daan⁠i⁠ʼel raajichi dulloomee. 2. Magaalaa Baabilon durii. 3. Daan⁠i⁠ʼelii fi hiriyoonnisaa sadan dargaggummaasaaniitti.

Daaniʼel raajichi kan gad of qabu taʼuunsaa Yihowaa biratti iddoo guddaa akka qabaatu godheera

Daaniʼel raajichi gad of qabuurratti fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Maatiisaa, bifasaa, dandeettiisaa fi ogummaa isaatiin kan kaʼe, kunuunsi addaa fi mirgi argate akka isaaf malu isatti dhagaʼamuu dandaʼa ture. (Dan. 1:3, 4, 19, 20) Haa taʼu malee, Daaniʼel yeroo hundumaa gad of qaba ture; kanaan kan kaʼes Yihowaan baayʼee isa jaallateera.—Dan. 2:30; 10:11, 12.

Akka namoota addunyaa hedduu ofittummaadhaan warra kaanirra akka caallutti yaaduurraa haa fagaannu. Kanaa mannaa, wanta Yihowaan gaarummaasaa isa guddaadhaan kakaʼee nuuf godhetti gammaduu keenya itti haa fufnu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi