Konkolaataa Oofuu Dhaabuun Qabaa?
WAGGOOTA hedduudhaaf oofaa turteetta. Konkolaataa kee oofaa yeroo barbaaddetti bakka barbaadde deemuu dandaʼuun kee si gammachiisa. Haa taʼu malee, miseensonni maatii kee fi michoonni kee nageenyi kee waan isaan yaaddesseef oofuu akka dhaabdu barbaadu. Ati garuu wanti isaan yaaddesse siif hin galle.
Haalli akkasii si mudachaa jiraa? Taanaan, konkolaachisuu kee itti fufuuf ykn dhiisuuf akka murteessitu maaltu si gargaara?
Biyyoota tokko tokkotti namni tokko umurii taʼerra yeroo gaʼu heyyama konkolaachisummaa isaa haareffachuuf ogeessa fayyaatiin qoratamee heyyama argachuu qaba. Kiristiyaanonni biyyoota akkasii keessa jiraatan seera mootummaa hordofuu fi murtoo qaamoleen mootummaarraa heyyama argatan dabarsan hojiirra oolchuu qabu. (Rom. 13:1) Taʼus, bakki jiraattu eessayyuu yoo taʼe, balaa utuu hin geessisin konkolaachisuuf wantoonni dandeettii oofuu kee gamaaggamuuf si gargaaran jiru.
DANDEETTII OOFUU KEE GAMAAGGAMI
Dhaabbanni tokko maanguddoon gaaffilee armaan gadii akka of gaafatan gorsa:
Mallattoowwan daandiirraa dubbisuun ykn galgala ilaaluun na rakkisaa?
Daawwitii duubaa fi bakka daawwitii duubaatiin hin mulʼanne dafee ilaaluun natti ulfaataa?
Dafee tarkaanfii fudhachuun natti ulfaataa? Fakkeenyaaf, miila koo peedaalii bobaʼaarraa kaasee fireeniirra dafee ejjechuu nan dandaʼaa?
Garmalee suuta jedhee oofuu kootiin kan kaʼe konkolaachistoota kaanitti gufuu taʼaan jiraa?
Balaa geessisuuf hamma xinnoof oolee beekaa? Yookiin konkolaataan koo wayitti buʼuusaatiin kan kaʼe dhommoqaa fi moccoramaa qabaa?
Akkaataan itti oofuun kan kaʼe poolisiin na dhaabsisee beekaa?
Utuun oofuu hirriibni na fudhatee beekaa?
Qoricha dandeettii oofuu koorratti dhiibbaa godhu nan fudhadhaa?
Miseensonni maatii koo ykn michoonni koo akkaataan itti oofu akka isaan yaaddesse natti himaniiruu?
Gaaffilee kana keessaa tokko ykn lama eeyyee jettee yoo deebiste sirreeffama tokko tokko gochuun si barbaachisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee oofuu dhiisuuf murteessuu dandeessa; keessumaammoo galgala galgala. Yeroo yerootti dandeettii oofuu kee gamaaggami. Miseensi maatii kee ykn michuun kee tokko akkaataa itti ooftu ilaalchisee yaada tokko tokko akka sii kennu gaafachuu dandeessa. Akkasumas leenjii caalaatti of eeggannoodhaan oofuuf si gargaaru fudhachuu dandeessa. Haa taʼu malee, gaaffilee olitti ibsaman keessaa baayʼeesaa eeyyee jettee yoo deebiste konkolaataa oofuu dhaabuun kee gaariidha.a
QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUUTIIN GEGGEEFFAMI
Dandeettiin oofuu keenya hirʼachaa akka jiru nutti beekamuu dhiisuu dandaʼa. Konkolaataa oofuu dhaabuu yaanni jedhus si aarsuu dandaʼa. Maarree, qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu haala keessa jirtu sirriitti gamaaggamuu fi murtoo gaarii gochuuf si gargaaran kamfaʼi? Mee qajeelfamoota lama haa ilaallu.
Humna kee beeki. (Fak. 11:2) Dulloomaa yeroo deemnu dandeettiin arguu, dandeettiin dhagaʼuu fi dandeettiin dafnee tarkaanfii fudhachuu keenya hirʼachaa deema; maashaaleen keenyas laafaa deemu. Fakkeenyaaf, namoonni baayʼeen dulloomaa yeroo deeman salphaatti miidhamuu akka dandaʼan waan hubataniif gosa ispoortii tokko tokkorratti hirmaachuu ni dhaabu. Konkolaataa oofuu wajjin haala walqabateenis kun ni hojjeta. Namni humnasaa beeku tokko yeroo taʼe tokkotti nageenya isaatiif jecha konkolaataa oofuu dhaabuuf murteessuu dandaʼa. (Fak. 22:3) Warri kaan akka isaan yaaddesse yeroo isatti himanis dhagaʼuuf fedhii qaba.—2 Saamuʼel 21:15-17 wajjin walbira qabii ilaali.
Dhiiga dhangalaasuudhaan akka itti hin gaafatamne of eeggadhu. (Kes. 22:8) Of eeggannoodhaan hin oofamu taanaan konkolaataan balaa geessisuu dandaʼa. Namni tokko dandeettiinsaa hirʼatee utuma jiruu oofuusaa kan itti fufu yoo taʼe, lubbuu isaas taʼe kan warra kaanii balaadhaaf saaxiluu dandaʼa. Balaa geessisee lubbuu namaa yoo balleessemmoo dhiiga dhangalaasuudhaan itti gaafatama.
Konkolaataa oofuu kee itti fufuuf ykn dhiisuuf murteessuun yoo si rakkise, ‘Kabajan warra kaan biratti qabu nan dhabaa laata?’ jettee hin yaaddaʼin. Yihowaan kan si jaallatu amaloota gaggaarii kanneen akka humna ofii beekuu, gad of qabuu fi nageenya warra kaaniitiif yaaduu waan qabduufi. Yihowaan si deeggaruu fi si jajjabeessuuf waadaa galeera. (Isa. 46:4) Inni matumaa si hin dhiisu. Kanaafuu, konkolaataa oofuu kee dhaabuuf ykn itti fufuuf yeroo murteessitu ogummaa fi hubannaa akka siif kennu kadhadhu.
a Odeeffannoo dabalataatiif maxxansa Dammaqaa! Onkoloolessa 8, 2002 (Amaariffa) irraa mata duree, “Konkolaataa Yeroo Ooftu Balaarraa Of Eegdaa?” jedhu ilaali.