Gargaarsa Dubartoota Miidhaan Irra Gaʼeef Taʼu
“ ADDUNYAA maratti dubartoonnii fi shamarran miidhaan isaanirra gaʼa. Miidhaan akkasii sirra gaʼaa jiraa? Taanaan, nageenyi kee Waaqayyoon kan yaaddessu maaliif akka taʼee fi miidhaa dubartootarra gaʼu ilaalchisee tarkaanfii akkamii akka fudhatu baradhu.”
Mata dureen jw.org irratti baʼee fi “Nageenya Dubartootaa—Yaada Kitaaba Qulqulluu” jedhu yaada olitti argamuun jalqaba. Liinkiin dhuma mata duree kanaarratti argamu PDF isaa buufachuuf si gargaara; achiis maxxanfattee bakka afuritti yoo dadachaaste tiraaktii fuula afur qabu taʼa. Obboleettiin Isteesii jedhamtuu fi Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattu akkana jetteetti: “Mata duree kana maxxanseen obboleettii tokko wajjin giddu gala dubartoonni keessa jiraatanii fi naannoo tajaajilaa gumii keenyaa keessatti argamutti geessine.”
Dubartiin achi keessa hojjettu tokkos dubartoota achi keessa jiraatan kan birootiif kennuu akka dandeessuuf koppiin dabalataa akka ishiidhaaf kennamu gaafatte. Kanaan kan kaʼes, obboleettonni lama tiraaktii kana 40 fi kaardii teessoo jw.org 30 isaaniif kennaniiru. Yeroo biraa deebiʼanii yommuu deemanis, hooggantuun giddu gala kanaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe dubartoota achi keessa jiraatanitti akka argisiisan gaafatte.
Isteesii fi obboleettonni kan biroon lama giddu gala kan biraas dhaqanii tiraaktii kana shan kennaniiru; namoonni achi keessa hojjetanis tiraaktiin dabalataa akka isaaniif kennamu gaafataniiru. Dubartiin achi keessa hojjettu tokko, “Tiraaktiin kun dubartoota as jiran ni gargaara; kanaafuu, nu barbaachisa” jetteetti. Yeroo ittaanutti deebiʼanii yommuu dhaqan, dubartoonni hedduun giddu gala sana keessa jiraatan Kitaaba Qulqulluu kan qoʼachiisnu akkamitti akka taʼe ilaaluuf walitti qabamanii turan. Isaan keessaa dubartoonni lamammoo walgaʼii dhuma torbaniitti Galma Walgaʼiitti geggeeffamurratti argamuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.
Isteesiin akkana jetteetti: “Namoonni hedduun tiraaktii kana gammachuudhaan fudhachuunsaanii nu dinqisiiseera. Mata dureen kun maxxanfamee yeroo dadachaafamu ergaa Mootummichaa karaa nama hawwatuun dubartoota miidhaan irra gaʼe kanaaf hiruuf nama gargaara. Namoonni baayʼeen fedhii qabu turan, kana arguu keenyatti baayʼee gammanneerra; Yihowaan carraaqqii misiraachicha namoota kanaan gaʼuuf goone akkamitti akka eebbisu arguuf hawwineerra.”