GAALEE KITAABA QULQULLUU
“Kennaa Hafuuraa” Keetti Fayyadami
Jajjabina yommuu obboloota keenyaa wajjin yeroo waliin dabarsinutti argannuuf bakka guddaa kennina. Haataʼu malee, akka gaariitti wal jajjabeessuuf yeroo waliin dabarsuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Kitaabni Qulqulluun dandeettii amantii walii keenyaa cimsuuf qabnu, “kennaa hafuuraa” jedhee ibsa. (Rom. 1:11, 12) Kennaa kana guutummaatti itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
Wanta dubbattuun warra kaan jajjabeessi. Fakkeenyaaf, walgaʼii gumii keenyarratti ofii keenyarratti utuu hin taʼin, Yihowaa, Dubbiisaa fi sabasaarratti xiyyeeffannee yaada kennuu dandeenya. Walii keenyaa wajjin yeroo haasofnu wantoota nama jajjabeessan dubbachuu dandeenya.
Murtoo fi gocha keetiin warra kaan jajjabeessi. Fakkeenyaaf, tokko tokko utuma rakkinni dhuunfaa isaan mudatuu tajaajila yeroo guutuu keessatti itti fufuuf filataniiru. Kaanimmoo hojiin waan isaanitti baayʼatuuf kan dadhaban taʼus, ykn dhibee fayyaa cimaa kan qaban taʼus, walgaʼii torban gidduurratti dhaabbataadhaan ni argamu.
Wanti amantii kee ibsuuf dubbattuu fi gootu obbolootaa fi obboleettota kee ni jajjabeessaa? Atoo jajjabina akkasii dammaqinaan warra kaanirraa argachuuf ni yaaltaa?