BITOOTESSA 23-29, 2026
FAARFANNAA 18 Furichaaf Galateeffachuu
Furicha Akka Dinqisiifattu Argisiisuu Kan Dandeessu Akkamitti?
“Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisa.”—2 QOR. 5:14.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti hundi keenyayyuu furicha akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
1-2. Aarsaan furii Yesuus maal akka goonu nu dirqisiisa? Maaliif? (2 Qorontos 5:14, 15) (Fakkichas ilaali.)
NAMNI tokko gamoo jige keessaa yoo si baase, oolmaa guddaa akka siif oole sitti hin dhagaʼamuu? Namni kun kan oolche si qofa yoo taʼuu baatellee, wanta inni siif godhe akka hin irraanfanne argisiisuuf dinqisiifannaa qabdu ibsuu akka barbaaddu ifadha.
2 Mata duree darberratti akkuma ilaalle ofii keenyaan cubbuu dhaalle jalaa of oolchuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, aarsaan furii Yesuus (1) dhiifama cubbuu nuuf argamsiisuudhaan, (2) cubbuu keenyarraa nu fayyisuudhaan, akkasumas (3) Waaqayyotti nu araarsuudhaan nu oolchuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, addunyaa haaraa Yihowaan fidu keessa barabaraaf jiraachuuf abdii qabaachuu dandeenyeerra. Dhugumayyuu furichi jaalala Yesuus namootaaf qabu argisiisa; Yesuus gara lafaa dhufuusaa durayyuu namoota ni jaallata ture. (Fak. 8:30, 31) Phaawulos ergamaan “jaalalli Kiristoos nu dirqisiisa” jedhee barreesseera. (2 Qorontos 5:14, 15 dubbisi.) Kana jechuun jaalala Yesuus nutti argisiiseef dinqisiifannaa qabnu ibsuu qabna jechuudha; wanta inni nuuf godhe matumaa irraanfachuu hin qabnu.
Namni tokko lubbuu kee yoo siif oolche dinqisiifannaa qabdu argisiisuu qabda. Yihowaa fi Yesuusis cubbuu fi duʼa jalaa waan nu oolchaniif dinqisiifannaa keenya argisiisuu qabna (Keeyyata 1-2 ilaali)
3. Karaan namoonni dinqisiifannaa furichaaf qaban itti ibsan adda adda taʼuu kan dandaʼu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
3 Dinqisiifannaan furichaaf qabdu maal akka gootu si dirqisiisa? Deebiin kennitu kan warra kaaniirraa adda taʼuu dandaʼa. Akkas kan jennu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsuuf, namoonni sadi bakka wal fakkaatu deemuuf imala jalqaban haa jennu; imalasaanii kan jalqaban garuu magaalaa garaagaraa irraati. Bakka yaadan sana gaʼuuf daandiin isaan irra imalan garaagaradha. Atoo bakki gaʼuu barbaaddu ykn galmi kee maalidha? Dinqisiifannaa furichaaf qabdu argisiisuudha. Garuu karaan itti dinqisiifannaa kee ibsitu kan warra kaaniirraa adda taʼuu dandaʼa. Kana yaadatti qabachuudhaan mata duree kana keessatti (1) Barattoonni Kitaaba Qulqulluu, (2) Kiristiyaanonni cuuphamanii fi (3) namoonni gumiirraa fagaatan dinqisiifannaa furichaaf qaban argisiisuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.
BARATTOOTTA KITAABA QULQULLUU
4. Yihowaan barattoota Kitaaba Qulqulluutiif xiyyeeffannaa akka kennu kan argisiisu akkamitti?
4 Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa jirta yoo taʼe, akkas gochuun kee namoota Yihowaan isa wajjin hariiroo akka qabaataniif ofitti harkise keessaa tokko akka taate argisiisa. (Yoh. 6:44; HoE. 13:48) Yihowaan wanta garaa kee keessa jiru ni arga. Kana jechuun carraaqqii waaʼeesaa barachuuf gootu ni hubata jechuudha; jijjiirama isa gammachiisuuf jireenya keerratti goote yeroo argus ni gammada. (Fak. 17:3; 27:11) Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu kan dandeesse furichaan kan kaʼedha. (Rom. 5:10, 11) Kana matumaa salphistee hin ilaalin.
5. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu gorsa Filiphisiyus 3:16 irratti argamu hojiirra oolchuu kan dandaʼan akkamitti?
5 Barattoonni Kitaaba Qulqulluu furichaaf akka galateeffatan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandaʼan inni tokko gorsa Phaawulos, “Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu” jechuudhaan warra Filiphisiyusiif kenne hojiirra oolchuudha. (Filp. 3:16) Kitaabni Qulqulluun tokko caqasa kana, “Kallattii amma irra deemaa jirrurra deemuu keenya itti fufuu qabna” jedhee hiikeera. Kanaafuu, wanti kamiyyuu daandii jireenyaarra deemuu akka si dhoowwu hin heyyamin.—Mat. 7:14; Luq. 9:62.
6. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu jijjiirama gochuun yoo isaanitti ulfaate maal gochuu dandaʼu? (Keessa Deebii 30:11-14) (Fakkichas ilaali.)
6 Barumsa Kitaaba Qulqulluu dhiheenyatti baratte tokko fudhachuun yoo sitti ulfaate maal gochuu dandeessa? Qorannaa irratti godhi; akkasumas Yihowaan barumsicha sirriitti hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (Far. 86:11) Akkas gootee ammas barumsicha hubachuun yoo sitti ulfaate, yeroodhaaf irra darbi; garuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee hin dhaabin. Tarii yeroo booda barumsicha hubachuu dandeessa. Gocha Kitaabni Qulqulluun balaaleffatu tokko dhiisuun yoo sitti ulfaatehoo? Yihowaan namoonni cubbuu dhaalan wanta humna isaaniitii ol taʼe akka raawwatan akka isaan hin gaafanne yaadadhu. Ulaagaaleesaa eegdee jiraachuu ni dandeessa. (Keessa Deebii 30:11-14 dubbisi.) Yihowaan si gargaaruuf waadaa galeera. (Isa. 41:10, 13; 1 Qor. 10:13) Kanaafuu, abdii hin kutatin. Wanta sitti ulfaate sanarratti yaaduu mannaa, furicha dabalatee wantoota gaggaarii Yihowaan siif kennerratti xiyyeeffadhu. Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu guddachaa yeroo deemu “ajajawwan isaa . . . baʼaa ulfaatoo” akka hin taane ni hubatta.—1 Yoh. 5:3.a
Yihowaan matumaa wanta humna keenyaa ol taʼe nu hin gaafatu. Ulaagaaleesaa wajjin walsimtee akka jiraattu si gargaara (Keeyyata 6 ilaali)
7. Ijoolleen dhugaa keessatti guddatan maalirratti yaaduu dandaʼu?
7 Ijoollee dhugaa keessatti guddattan ilaalchiseehoo maal jechuu dandeenya? Isinis barattoota Kitaaba Qulqulluuti. Warra keessaniif barattoota Kitaaba Qulqulluu hundarra caaltanidha. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedha. (Yaq. 4:8; 1 Sen. 28:9) Yihowaatti dhihaachuuf yeroo dursa fudhattan, innis isinitti dhihaata. Yihowaan miseensuma garee tokkoo akka taatanitti isin hin ilaalu. Warra dhugaa keessatti guddatan dabalatee tokkoon tokkoon namaa dhuunfaatti ofitti harkisa. Yihowaan isa wajjin michummaa cimaa akka qabaattaniif furicha qopheesseera; kana matumaa salphistanii hin ilaalinaa. (Rom. 5:1, 2) Kanaafuu, Ayyaana Yaadannoo waggaa kanaarratti argamuu keessan dura wanta Yihowaa fi Yesuus isiniif godhanirratti xiinxalaa. Achiis dinqisiifannaa qabdan argisiisuuf galma akkamii baafachuu akka dandeessan yaadaa.b
KIRISTIYAANOTA CUUPHAMAN
8. Kiristiyaanonni cuuphaman furicharratti amantii akka qaban kan argisiisan akkamitti?
8 Kiristiyaana cuuphamte yoo taate furicharratti amantii akka qabdu karaa hedduudhaan argisiisteetta. Fakkeenyaaf, Yihowaatti dhihaachuu fi ulaagaaleesaa wajjin wal simtee jiraachuuf tarkaanfii fudhatteetta. Misiraachicha warra kaaniif lallabuudhaan ajaja Yesuus ‘Barattoota godhaa’ jechuudhaan kenne hojiirra oolchiteetta. Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamteetta. Tarii waaqeffannaa dhugaa deeggaruu keetiin kan kaʼe mormiin sirra gaʼeera taʼa. (2 Xim. 3:12) Amanamummaadhaan jabaattee dhaabbachuun kee Yihowaa akka jaallattuu fi furii inni karaa Ilmasaa qopheesseef dinqisiifannaa akka qabdu argisiisa.—Ibr. 12:2, 3.
9. Kiristiyaanonni cuuphaman balaa akkamiirraa of eeguu qabu?
9 Kiristiyaanota cuuphamne waan taaneef balaan irraa of eeguu qabnu tokko jira. Yeroon darbaa gaafa deemu dinqisiifannaan furichaaf qabnu hirʼachaa deemuu dandaʼa. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Mee Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti Efesoon keessa turan akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yesuus jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiif isaan galateeffateera. Haa taʼu malee, “Waanan itti si komadhu qaba, jaalala isa jalqaba irratti qabdu sana dhiisteetta” isaaniin jedheera. (Mul. 2:3, 4) Wanti Yesuus dubbate akka argisiisutti Kiristiyaanni tokko suutuma suuta jaalallisaa hirʼachuu fi waaqeffannaasaa barsiifatumaan raawwachuu dandaʼa. Namni akkasii kadhachuu, gumii deemuu fi tajaajila baʼuu dandaʼa; garuu akkas kan godhu jaalalaan kakaʼee utuu hin taʼin barsiifatuma waan isatti taʼeefi. Maarree, jaalalli Yihowaadhaaf qabdu akka durii cimaa akka hin taane yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa?
10. Gorsa Phaawulos Ximotewosiif kenne hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti? (1 Ximotewos 4:13, 15)
10 Phaawulos ergamaan Ximotewos waaqeffannaasaatiif ‘xiyyeeffannaa guddaa akka kennuu’ fi akka irratti ‘xiinxalu’ gorseera. (1 Ximotewos 4:13, 15 dubbisi.) Atis hinaaffaa waaqeffannaa keetiif qabdu eeggattee itti fufuuf maal gochuu akka dandeessu irratti yaaduu dandeessa. (Rom. 12:11) Fakkeenyaaf, gumiidhaaf sirriitti qophaaʼuuf yeroo dabalataa ramaduu dandeessa. Kunis walgaʼiirratti xiyyeeffannaadhaan hordofuuf si gargaara. Yookiinimmoo qoʼannaa dhuunfaa keerraa caalaatti fayyadamuuf bakka kophaa kee taatee xiinxaluuf si dandeessisutti qoʼachuu dandeessa. Akkuma ibiddi tokko akka hin dhaamneef qoraan itti dabaltu, wantoota kana gochuun kees furicha dabalatee wanta Yihowaan siif godhe hundaaf dinqisiifannaan qabdu akka hin badne si gargaara. Kana malees, tibba Ayyaana Yaadannootti eebbawwan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu keetiin argatterratti xiinxaluu dandeessa. Akkas gochuun kee dinqisiifannaa furicha isa Yihowaa wajjin hariiroo akka qabaattu si taasiseef qabdu siif guddisa.
11-12. Yeroo muraasaaf hinaaffaan keenya hirʼachuunsaa hafuura Waaqayyoo akka dhabne argisiisaa? Ibsi. (Fakkichas ilaali.)
11 Yeroo muraasaaf hinaaffaan waaqeffannaa dhugaatiif qabdu yoo hirʼate abdii hin kutatin, akkasumas hafuura Yihowaa akka dhabde sitti hin dhagaʼamin. Phaawulos tajaajilasaa ilaalchisee warra Qorontosiif maal jedhee akka barreesse yaadadhu. “Fedhii koo malee yoon hojjedhe illee, itti gaafatamummaan imaanaadhaan natti kennameera” jedheera. (1 Qor. 9:17) Phaawulos akkas yeroo jedhu maal jechuusaati?
12 Phaawulos yeroo tokko tokko lallabuuf fedhii hin qabaatu ture. Taʼus, utuma miirri akkasii isatti dhagaʼamuu tajaajilasaa itti fufuuf kutatee ture. Nutis kutannoo akkasii qabaachuu dandeenya. Kanaafuu, fedhii yoo dhabdellee wanta sirrii raawwachuuf kutadhu. Yihowaan “fedhii fi humna hojiidhaaf [si] barbaachisu” akka siif kennu kadhadhu. (Filp. 2:13) Sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuu kee itti fufi. Taanaan, yeroo booda jaalalli Yihowaadhaaf qabduu fi hinaaffaan kee deebiʼee akka cimu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.
Yeroo fedhii hin qabaannettillee sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuu kee itti fufi (Keeyyata 11-12 ilaali)
13. “Amantii keessa jiraachuu” keenya beekuuf of qoruu kan dandeenyu akkamitti?
13 Gorsa Phaawulos 2 Qorontos 13:5 irratti kenne wajjin haala wal simuun yeroo yerootti of qoruun keenya gaariidha. Phaawulos, “Amantii keessa jiraachuu keessan beekuuf yeroo hunda of qoraa; eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa” jedheera. Fakkeenyaaf, akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Jireenya koo keessatti Mootummichaaf dursa kennaan jiraa?’ (Mat. 6:33) ‘Bashannanni ani filadhu wanta hamaa akkan jibbu argisiisaa?’ (Far. 97:10) ‘Obboloota gidduutti nagaa fi tokkummaan akka jiraatu gumaacha nan godhaa?’ (Efe. 4:2, 3) Wantoota kanarratti yaaduuf tibbi Ayyaana Yaadannoo yeroo gaariidha. Wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhanirratti yeroo yaannu dinqisiifannaa qabnu ibsuuf kakaana; akkasumas ofii keenyaaf utuu hin taʼin Kiristoosiif jiraachuuf fedhii qabaanna.
NAMOOTA GUMIIRRAA FAGAATAN
14. Kiristiyaanonni tokko tokko wanti gumiirraa akka fagaatan isaan taasise maal taʼuu dandaʼa?
14 Kiristiyaanonni tokko tokko yeroo muraasaaf ykn waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa erga turanii booda gumii deemuu dhiisaniiru. Maaliif? Tokko tokko ‘yaaddoon jireenyaa’ waan isaanitti ulfaateefi. (Luq. 21:34) Kaanimmoo wanta obboloonni dubbataniin ykn raawwataniin waan gufataniif taʼuu dandaʼa. (Yaq. 3:2) Cubbuu cimaa hojjetanii gargaarsa gaafachuuf kan qaanaʼanis jiru. Sababiinsaa maaliyyuu yoo taʼe gumiirraa fagaatteetta taanaan maal gochuu dandeessa? Furichi maal akka gootu si dirqisiisa?
15. Yihowaan namoota gumiirraa fagaataniif akka yaadu kan argisiisu akkamitti? (Hisqiʼel 34:11, 12, 16)
15 Mee namoota gumiirraa fagaatan ilaalchisee wanta Yihowaatti dhagaʼamu yaadi. Inni isaan hin irraanfatu. Kanaa mannaa, hoolotasaa warra badan ni barbaada. Isaan ni soora, gara isaatti akka deebiʼanis isaan gargaara. (Hisqiʼel 34:11, 12, 16 dubbisi.) Yihowaan siifis akkas gochaa akka jiru sitti dhagaʼamaa? Mata duree kana dubbisuun keeyyuu ammas isa gammachiisuu akka barbaaddu argisiisa. Yihowaan wanta gaarii si keessatti argee akka isa beektuu fi miseensa maatiisaa akka taatu si gargaareera. Ammas wanta gaarii keessa kee jiru ni arga, gara maatiisaatti akka deebitus ni barbaada.
16. Namoonni gumiirraa fagaatan gara Yihowaatti deebiʼuuf maal gochuu dandaʼu? (Fakkichas ilaali.)
16 Birooshurri Gara Yihowaatti Deebiʼi jedhu yaada akkana jedhu qabateera: “Ati gara Yihowaatti yoo deebite inni akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼi. Yihowaan dhiphina sirra gaʼu akka dandamattu, miirri kee inni miidhame akka fayyu, akkasumas nagaa sammuu fi garaa isa qalbii qulqulluu qabaachuu irraa argamu akka argattu si gargaara. Achiis namoota akkuma kee Yihowaa waaqeffatanii wajjin deebitee isa tajaajiluuf kakaʼuu dandeessa.” Jaarsoliin si gargaaruu akka barbaadan yaadadhu. Isaan “bakka bubbee jalaa itti dhokatan, bakka bokkaa yandoo jalaa dahoo itti argatan” siif taʼuu dandaʼu. (Isa. 32:2) Furicha akka dinqisiifattuu fi kanas argisiisuu akka barbaaddu beekamaadha. Kanaafuu, ‘Gara Yihowaatti deebiʼuuf amma maal gochuun dandaʼa?’ jedhii of gaafadhu. (Isa. 1:18; 1 Phe. 2:25) Fakkeenyaaf, Galma Walgaʼii deemtee gumiirratti argamuu ni dandeessa. Jaarsi gumii tokko karaa hafuuraa gargaarsa akka siif godhu gaafachuu dandeessa. Tarii namni tokko yeroo muraasaaf Kitaaba Qulqulluu akka si qoʼachiisu qophii siif gochuu dandaʼa. Yihowaan carraaqqii dinqisiifannaa furii Ilmasaatiif qabdu argisiisuuf gootu akka siif eebbisu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.
‘Gara Yihowaatti deebiʼuuf amma maal gochuun dandaʼa?’ jedhii of gaafadhu (Keeyyata 16 ilaali)
MAAL GOCHUU DANDEESSA?
17-18. Ayyaanni Yaadannoo gaʼuusaa dura yeroo keenyatti ogummaadhaan fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Yesuus furichi kan qophaaʼe “isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef” akka taʼe dubbateera. (Yoh. 3:16) Furichi qophii Yihowaan cubbuu fi duʼarraa nu oolchuuf godhedha. Kana salphisnee ilaaluu hin qabnu. (Rom. 3:23, 24; 2 Qor. 6:1) Guyyoonni Ayyaana Yaadannoo dura jiran jaalala Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisanirratti xiinxaluuf carraa nuu banu; jaalalli kun dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf nu kakaasuu qaba.
18 Maarree, dinqisiifannaa qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Deebiin kee kan warra kaaniirraa adda taʼuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan carraaqqii ofii keetiif utuu hin taʼin, Yesuus isa siif jedhee duʼeef jiraachuuf gootu akka siif eebbisu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—2 Qor. 5:15.
FAARFANNAA 14 Mootii Lafaa Isa Haaraa Jajadhaa
a Wanta Kitaaba Qulqulluurraa baratte hojiirra oolchuuf akka si gargaaruuf, saanduqa “Galma” jedhuu fi xumura tokkoon tokkoon barumsa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuurratti argamu fayyadami.
b Galma akkamii baafachuu akka dandeessu beekuuf, Masaraa Eegumsaa Muddee 2017 irraa mata duree “Dargaggootaa, ‘Fayyina Keessan Mirkaneessuuf Carraaqqii Cimaa Gochuu Keessan Itti Fufaa’” jedhu ilaali.