LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwex mataduree 30
  • Xalayaawwan Ishiitiif Bakka Guddaa Kennaniiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaawwan Ishiitiif Bakka Guddaa Kennaniiru
  • Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barumsi Yoo na Jibbisiise Maal Gochuun Dandaʼa?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Buʼaan Isaa Baayʼee Ishii Dinqisiiseera
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Yeroo Weerara Dhibeetti Lallabuu Isaanii Itti Fufaniiru
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Utuma Fira Dhukkubsate Kunuunsanii Karaa Hafuuraa Jabaachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
ijwex mataduree 30
Namichi tokko saanduqa poostaa bira xalayaa harkaan isaaf barreeffamee fi karaa poostaa isaaf ergame qabatee.

Xalayaawwan Ishiitiif Bakka Guddaa Kennaniiru

Biruuk Dhugaa Baatota Yihowaa Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatan keessaa tokkodha. Yeroo weerarri dhibee KOOVIID-19 turetti xalayaa barreessuudhaan lallabdi turte. Biruuk torban torbaniin xalayaawwan hedduu barreessiti turte. Haa taʼu malee, waggaa tokkoo fi walakkaa booda abdii kutatte. Hamma yeroo sanaatti, deebii kan ishiidhaaf kenne nama tokko qofa ture; namni kunis lammata akka isaaf hin barreessine ishiitti hime. Xalayaadhaan lallabuuf carraaqqii gochuun ishii jijjiirama akka hin fidne ishiitti dhagaʼamee ture.

Yeroo booda garuu, Dhugaa Baatuun Yihowaa Kiim jedhamtuu fi baankii keessa hojjettu, maree maamila baankichaa tokkoo wajjin goote itti himte. Namni sun waaʼee xalayaa harkaan barreeffamee fi Dhugaa Baatuu Yihowaa tokko irraa isa dhaqqabee Kiimitti hime. Yeroo booda Kiim namichi kun waaʼee xalayaa Biruuk irraa isa dhaqqabee dubbachaa akka ture hubatte! Torban itti aanu namichi sun gara baankichaa deebiʼee dhufe. Yeroo Kiimii wajjin haasaʼanitti, walgaʼiiwwan gumii keenya viidiyoo konfiransiidhaan godhamaa turan irratti argamuu akka dandaʼu gaafate.

Yeroo gabaabaa boodammoo, Dhugaa Baatuun Yihowaa kan biraan Deevid jedhamu namni isaa wajjin hojjetu tokko Biruuk irraa xalayaan akka isa dhaqqabe ishiitti hime. Namni kun xalayaan kun harkaan barreeffamuu isaa baayʼee isa dinqisiise. Akkana jedhe: “Namoonni kaanis akkuma kana warra kaaniif xiyyeeffannaa kennuu qabu.” Deevid carraa kanatti fayyadamee caalaatti dhugaa isaaf baʼuudhaan barreeffama akka isaaf fidu waadaa isaaf gale; namichis gammachuudhaan fudhateera.

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sanyiin isaan tajaajila irratti facaasan itti guddatu kan beekan yeroo hunda taʼuu dhiisuu dandaʼa. (Lallaba 11:5, 6) Haa taʼu malee, muuxannoon Biruuk dinqisiifannaa gaʼee tajaajila Kiristiyaanaa irratti qabdu ishiidhaaf haaresseera.—1 Qorontos 3:6.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi