LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 10
  • Jaarmiyaa Keessan Kan Hundeesse Eenyu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaarmiyaa Keessan Kan Hundeesse Eenyu?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootummaan Waaqayyoo Samiirratti Dhalate
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Amantii Hojiidhaan Deggerameefi Dhugaa Baatonni Yihowaa Argisiisan, Kutaa 1: Dukkana Keessaa Baʼuu
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 10
Yesus duuka buutotasaa yommuu barsiisu

Jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa Kan Hundeesse Eenyu?

Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa inni ammayyaa dhuma jaarraa 19ffaatti jalqabe. Yeroo sanatti, barattoonni Macaafa Qulqulluu muraasni naannoo Piitisbargi, Pensilvaaniyaa, Yuunaayitid Isteetisitti argaman Macaafa Qulqulluu qorachuu jalqaban. Akkasumas, wanta waldaaleen amantii Kiristiyaanaa kaan barsiisan yaada Macaafa Qulqulluu wajjin walbira qabanii ilaalan. Achiis, wanta hubatan kitaabotarratti, gaazexootarrattiifi barruu yeroo ammaa Masaraa Eegumsaa—Mootummaa Yihowaa Beeksisu jedhamurratti maxxansuu jalqaban.

Chaarlis Teez Raasil, barattoota Macaafa Qulqulluu garaa qajeelaa qaban sana keessaa tokko ture. Raasil hojii Macaafa Qulqulluu barsiisuu yeroo sana raawwatamaa ture geggeessaa kan tureefi gulaalaa jalqabaa Masaraa Eegumsaa taʼus, hundeessaa amantii haaraa hin turre. Kaayyoon Raasilis taʼe kaayyoon Barattoota Macaafa Qulqulluu kaanii, wanta Yesus barsiise beeksisuufi fakkeenya Kiristiyaanota gumii jaarraa jalqabaatti turanii hordofuu ture. Amantii Kiristiyaanaa kan hundeesse Yesus waan taʼeef, jaarmiyaa keenya kan hundeesse isa akka taʼetti ilaalla.—Qolosaayis 1:18-20.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi