Amantii Hojiidhaan Deggerameefi Dhugaa Baatonni Yihowaa Argisiisan, Kutaa 1: Dukkana Keessaa Baʼuu
Macaafa Qulqulluu keessatti, ifni dhugaa wajjin dukkannimmoo sobaa wajjin wal fakkeeffameera. (Far. 43:3; Isa. 5:20) Seexanni, dukkanni akka uumamu kan godhe yeroo Hewwaaniin gowwoomsetti siʼa taʼu, yeroo boodas guutummaan biyya lafaa dukkana limixiidhaan akka guutamu godheera. (Mul. 12:9) Viidiyoon “Jehoovaas Wiitinasis—Feez iin Aakshin, Paarti 1: Aawut oov Daarkinas” (Amantii Hojiidhaan Deggerameefi Dhugaa Baatonni Yihowaa Argisiisan, Kutaa 1: Dukkana Keessaa Baʼuu) jedhamu, ifni hafuuraa dukkana keessaa akkamitti suutuma suuta ifuu akka jalqabe ibsa. (Isa. 60:1, 2) Viidiyoo kana erga ilaaltee booda, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kennuu dandeessaa?
(1) Ergamoonni Yesus erga duʼanii booda dukkanni limixiin babalʼachaa kan dhufe akkamitti? (2) Jalqaba jaarraa 11ffaatti, waldaaleen Kiristiyaanaa dhugaa barsiisaa akka hin jirre namoonni akka hubatan wantoonni gargaaran maalfaʼi? (3) Henarii Giriiwuufi Joorji Istoorziin ilaalchisee wanti beeknu maalidha? (4) Haalawwan Chaarlis Raasiliin mudataniifi jireenyasaarratti jijjiirama fidan maalfaʼi? (5) Obboleessi keenya Raasil, abbaansaafi namoonni isaa wajjin wal beekan muraasni kutaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkamitti geggeessu turan? Dhumarrattihoo Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼuudhaan xumura akkamiirra gaʼan? (6) Gareen qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kun, garee Neelsan Baarbarii wajjin kan walitti makame akkamitti? Haataʼu malee, Obboleessi keenya Raasil garee kana keessaa akka baʼu kan isa godhe maalidha? (7) Adoolessa bara 1879 ifni hafuuraa yommuu ifu maaltu raawwatamuu jalqabe? (8) Yeroo sanaa eegalee Bartoonni Macaafa Qulqulluu lakkoofsisaanii dabalaa deemu misraachicha babalʼisuuf maal godhaniiru? (9) Barri 1914 gaʼuusaa waggoota dheeraa dura, Bartoonni Macaafa Qulqulluu bara kanatti maaltu raawwatama jedhanii eegaa turan? (10) Obboleessi keenya Raasil erga duʼee booda rakkinni Bartoota Macaafa Qulqulluu mudatee ture maalidha? (11) Obboleessi keenya Raazarfordiifi namoonni isaa wajjin hidhamanii turan erga gadhiifamanii booda, Bartoonni Macaafa Qulqulluu maal godhan? (12) Viidiyoo kana ilaaluunkee dinqisiifannaa jaarmiyaa Yihowaatiif qabdu kan sii guddise akkamitti? (13) Viidiyoon kun, rakkinni jiraatuyyuu hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuukee akka itti fuftu murtoo goote kan siif cimse akkamitti? (14) Firoota, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuufi namoota kaan gargaaruuf viidiyoo kanatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
Bartoonni Macaafa Qulqulluu durii kun dhaala hafuuraa guddaa nu dhaalchisaniiru! Obboloonni kun biyya lafaa dukkana hafuuraatiin qabame keessatti, ija jabinaafi hinaaffaadhaan ifa hafuuraa ibsaniiru. Nuyis ‘akka ijoollee ifaatti jiraachuudhaan’ fakkeenyasaanii haa hordofnu.—Efe. 5:8.