Jehoovaas Wiitinasis—Orgaanaayizdi tuu Sheer za Gud Niiwus
Dhugaa Baatonni Yihowaa waggoota 100 ol taʼaniif misiraachoo lallabuudhaaf gurmaaʼanii hojjechaa turaniiru. Ergaa kana duula hamma yoonaatti addunyaa maratti godhamee hin beeknetti fayyadamuudhaan, afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniifi biyyoota 230 ol taʼanitti lallabaa jirra. (Mat. 24:14) Hojiin kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Addunyaa maratti raawwatamaa kan jiruhoo akkamitti? Viidiyoon Jehoovaas Wiitinasis—Orgaanaayizdi tuu Sheer za Gud Niiwus jedhamu, hojii hedduu addunyaa maratti raawwatamaa jiru kana fakkiidhaan ibsuudhaan gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna. Viidiyoo kana erga ilaaltanii booda, gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaalaa.
Viidiyoon kun, dinqisiifannaa (1) carraaqii jaarmiyaan Yihowaa misiraachoo lallabuuf godhuuf (2 Xim. 4:2), (2) maatiiwwan Betʼel addunyaa maraatiif, (3) leenjii misiyoonotaafi daawwattoota olaanaadhaaf kennamuuf (2 Xim. 2:2), (4) faayidaa guyyaa hunda caqasa Macaafa Qulqulluu tokkorratti qorannoo gochuudhaan jalqabuun, akkasumas torban torbaniin walgaʼii gumiitiif qophaaʼuun qabuuf (HoE. 17:11), (5) faayidaa walgaʼiiwwan keenyarratti hirmaachuun qabuuf (Ibr. 10:24, 25), (6) eebbawwan yommuu lafti deebitee jannata taatu argattaniif (Isa. 11:9), (7) mirga hojii makaraa sassaabamaa jirurratti hirmaachuuf qabdan kan isiniif guddise akkamitti?—Yohannis 4:35.
Viidiyoon kun, namoonni fedhii qaban hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti raawwachaa jiran akka hubatan gargaaruuf buʼa qabeessa taʼuunsaa mirkanaaʼeera. (8) Viidiyoo kana namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuuf, firoottan keenyaafi namoota kaanitti argisiisuun gaarii kan taʼu yoomidha? (9) Yommuu viidiyoo kana namootatti argisiistan wanta nama jajjabeessu akkamii argattaniittu?
Wanta Yihowaan gochaa jirurratti yommuu xiinxallu, nuyis akkuma faarfatichaa, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baayʼifteetta; tokko illee kan siin qixxaatu hin jiru” jechuuf kakaana. (Far. 40:5) Namoonni kaan Yihowaafi jaarmiyaasaatiif dinqisiifannaa akka qabaatan gargaaruuf viidiyoo kanatti haa fayyadamnu!