Amantii Hojiidhaan Deggerameefi Dhugaa Baatonni Yihowaa Argisiisan, Kutaa 2: Ifichi Haa Ifu
Bara 1919 Obboleessi keenya Raazarfordiifi michoonnisaa mana hidhaatii erga gadhiifamanii booda, Barattoota Macaafa Qulqulluu hojii guddaatu eeggata ture. Akkuma viidiyoo Jehovaas Wiitinasis—Feez iin Aakshin, Paarti 2: Leet za Laayit Shaayin (Amantii Hojiidhaan Deggerameefi Dhugaa Baatonni Yihowaa Argisiisan, Kutaa 2: Ifichi Haa Ifu) jedhamurratti ibsame, namoonni hedduun hubanna Barattoota Macaafa Qulqulluu isa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼuudhaan guddachaa dhufeefi amantiisaanii isa qulqullaaʼaa dhufe ni mormu turan. (Fak. 4:18; Mil. 3:1-3; Yoh. 15:20) Viidiyoo kana erga ilaaltee booda gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuu ni dandeessaa?
(1) Barattoonni Macaafa Qulqulluu misiraachicha babalʼisuuf malawwan akkamitti fayyadamu turan? (2) Walgaʼiiwwan gurguddaa bara 1931fi 1935tti godhamanirratti beeksisawwan akkamiitu himamee ture? (3) Dhimmi barbaachisaan maxxansa Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 1939rratti ibsamee ture maalidha? (4) Obboleessi keenya Raazarfordi, bakka Maadsan Iskuweer Gaardan jedhamutti haasaa mataduree “Mootummaafi Nagaa” jedhu utuu dhiheessaa jiruu wanta raawwatame ibsi. (5) Keessumaa haasaan Obboleessi keenya Noor mataduree “Nagaan Itti Fufuu Dandaʼaa?” jedhuun dhiheesse adda ture kan jennu maaliifi? (6) Bara 1942tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii lallabaa babalʼisuuf karoora akkamii baafatan? (7) Injifannoowwan mana murtii wajjin walqabataniifi Yunaayitid Isteetis, Kaanaadaafi Giriikiitti argaman tokko tokko dubbadhu. (8) Manni barumsaa Giilʼaad guddina hojii lallabaarratti buʼaa akkamii argamsiiseera? (9) Bara 1946 hojii barbaachisaa akkamiitu jalqabame? Maaliif? (10) Dhugaa Baatonni Yihowaa amalaa wajjin haala walqabateen ulaagaalee Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun jiraachuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhatan? (11) Bara 1970mmanitti, akkaataa jaarmiyaan Yihowaa itti hojjetu caalaatti Macaafa Qulqulluu wajjin walsimsiisuuf sirreeffamawwan godhaman tokko tokko ibsi. (12) Viidiyoo kana ilaaluunkee, Yihowaan jaarmiyaasaa guutummaatti toʼachaa akka jiru caalaatti akka hubattu kan si gargaare akkamitti? (13) Viidiyoon kun, wantoonni gufuu sitti taʼan utuma jiranii, hinaaffaadhaan hojii lallabaarratti hirmaachuukee itti fufuuf murtoo goote kan sii cimse akkamitti? (14) Viidiyoo kanatti fayyadamnee firoota keenya, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuufi namoota kaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
Guyyaan tokko yeroo darbaa adeemutti seenaa Dhugaa Baatota Yihowaarratti seenaa haaraatu galmeeffama. Seenaan, carraaqqii tajaajilarratti goonu ilaalchisee gara fuulduraatti maal mirkaneessa laata? Akkuma obboloonni keenya nu dura jiraatan godhan, nuyis hinaaffaadhaan ‘ifni akka ifu’ gochuu keenya itti haa fufnu!—2 Qor. 4:6.