LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 60
  • Sodaa Duʼaa—Akkamitti Injifachuu Dandeessa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sodaa Duʼaa—Akkamitti Injifachuu Dandeessa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 60

Sodaa Duʼaa—Akkamitti Injifachuu Dandeessa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Duʼa akka diina keenyaatti sodaachuu fi jireenya keenya eeguuf tarkaanfii sirrii fudhachuun keenya barbaachisaa dha. (1 Qorontos 15:26) Haa taʼu malee sodaan duʼaa sirrii hin taanee fi soba irratti hundaaʼe namoonni ‘jireenya isaanii guutuu garbummaa jala’ akka galan godha. (Ibroota 2:15) Dhugaa isaa beekuun kee duʼa garmalee sodaachuu isa jireenyatti akka hin gammanne si gochuu dandaʼu jalaa bilisa si baasa.—Yohaannis 8:32.

Waaʼee duʼaa dhugaa jiru

  • Namoonni duʼan homaa hin beekan. (Faarfannaa 146:4) Kitaabni Qulqulluun duʼa hirribaa wajjin waan wal fakkeessuuf, yommuun duʼu dhukkubbiin natti dhagaʼama ykn nan dhiphadha jettee sodaachuu hin qabdu.—Faarfannaa 13:3; Yohaannis 11:11-14.

  • Namoonni duʼan nu miidhuu hin dandaʼan. Diinonni warri hamoo turan illee ‘duʼaan ni moʼamu.’ (Fakkeenya 21:16) Kitaabni Qulqulluun “jibbii fi hinaaffaan isaanii badeera” jedha.—Lallaba 9:6.

  • Duʼuu jechuun sana booda deebinee hin jiraannu jechuu miti. Waaqayyo namoota duʼan karaa duʼaa kaʼuutiin gara jireenyaatti ni deebisa.—Yohaannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15.

  • Waaqayyo yeroon ‘duuti hin jiraanne’ akka dhufu waadaa nuuf galeera. (Mulʼata 21:4) Guyyaa sana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu” jedha. Kanaafuu sodaa duʼaa irraa guutummaatti bilisa taana.—Faarfannaa 37:29.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi