LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 33
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantii Pirootestaantii Hordofuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantii Pirootestaantii Hordofuu?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ijoolleen Maal Barachuu Qabu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 33
Dhugaa Baatuu Yihowaa nama ollaasaa taʼe tokkotti Macaafa Qulqulluurraa waaʼee amantiisaa itti himaa jiru

Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantii Pirootestaantii Hordofuu?

Lakki. Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanotadha; haataʼu malee amantii Pirootestaantii hin hordofnu. Maaliif?

Pirootestaantii jechuun, “Warraaqsa amantii dhaabbata amantii Kaatolikii mormu” jechuudha. Dhugaa Baatonni Yihowaa barumsa amantii Kaatolikii kan hin deggerre taʼus, sababiiwwan armaan gadiirratti hundoofnee amantii Pirootestaantii hin hordofnu jennee dubbachuu dandeenya:

  1. Barumsi amantii Pirootestaantii hedduunsaa barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin tokko miti. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo Sillaasee ykn sadan Waaqa tokkoo utuu hin taʼin, “tokkicha” akka taʼe dubbata. (1 Ximotewos 2:5; Yohannis 14:28) Akkasumas Macaafni Qulqulluun Waaqayyo hamoota ibidda qilillee keessatti akka gubu utuu hin taʼin barabaraaf akka isaan balleessu dubbata.​—Faarfannaa 37:9; 2 Tasaloniiqee 1:9.

  2. Amantii Kaatolikii ykn dhaabbata amantii kamirrattiyyuu mormii hin kaasnu ykn barumsa isaaniirratti sirreeffama gochuuf yaalii hin goonu. Kanaa mannaa, namoonni kaan misiraachoo Mootummaa Waaqayyoorratti amantii akka qabaatan gargaaruudhaan misiraachicha qofa labsina. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Carraaqqiin keenya dhaabbata amantii tokkorratti fooyyaʼiinsa gochuu utuu hin taʼin, namoonni garaa qajeelaa qaban waaʼee Waaqayyoofi waaʼee Macaafa Qulqulluu akka baran gargaaruudha.​—Qolosaayis 1:​9, 10; 2 Ximotewos 2:​24, 25.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi