LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 128
  • Ibiddaan Qulqulleeffamuun Kitaaba Qulqulluu Keessatti Caqasameeraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ibiddaan Qulqulleeffamuun Kitaaba Qulqulluu Keessatti Caqasameeraa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 128
Fakkii ibiddaan qulqullaaʼuu argisiisu

Ibiddaan Qulqulleeffamuun Kitaaba Qulqulluu Keessatti Caqasameeraa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Lakki hin caqasamne. Jechi ‘ibiddaan qulqulleeffamuu’ jedhu Kitaabni Qulqulluu keessatti hin argamu ykn lubbuun namoota duʼanii bakka ibiddaan qulqulleeffamtu keessatti akka qulqullooftu hin barsiisu.a Barumsa ibiddaan qulqulleeffamuu jedhu irraa haala faallaa taʼeen, wanta Kitaabni Qulqulluun cubbuu fi duʼa ilaalchisee barsiisu qalbeeffadhu.

  • Nama tokko cubbuu isaa irraa kan qulqulleessu yeroo ibiddaan qulqulleeffamuu jedhamu utuu hin taʼin, dhiiga Yesuus irratti amantii qabaachuu dha. Kitaabni Qulqulluun “Dhiigni Ilma [Waaqayyoo], dhiigni Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa,” akkasumas “dhiiga ofii isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase” jedha. (1 Yohaannis 1:7; Mulʼata 1:5) Yesuus, cubbuu isaaniitiif aarsaa kaffaluuf, “lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee” kenneera.—Maatewos 20:28.

  • Namoonni duʼan homaa hin beekan. “Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan.” (Lallaba 9:5) Namni duʼe miira tokko illee hin qabu, kanaafuu ibidda akkamiitiin iyyuu qulqulleeffamuu hin dandaʼu.

  • Namni tokko erga duʼee booda cubbuu isaatiif hin adabamu. Kitaabni Qulqulluun “Mindaan cubbuu duʼa dha,” akkasumas “namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera” jedha. (Roomaa 6:7, 23) Duuti adaba guutuu cubbuudhaaf kennamu dha.

Barumsi ibiddaan qulqulleeffamuu maali dha?

Amantii Kaatolikii keessatti, barumsi ibiddaan qulqulleeffamuu haala ykn bakka lubbuuwwan warra duʼanii cubbuu dhiifama hin qabne raawwataniif dhiifama itti argatanii fi itti qulqullaaʼan ibsu dha.b Akka kitaabni Kaateekizim oof ze Kaatolik Charchi jedhamu ibsutti sirni qulqulleeffamuu kun, “qulqullummaa gammachuu samii keessatti argamutti seenuuf” barbaachisaa dha. Kitaabni kun itti dabaluudhaan, “aadaan waldaa kanaa inni waaʼee ibiddaan qulqulleeffamuu ibsu kun” fakkii mata duree kana keessatti argamu keessatti ibsameera jedheera. Haa taʼu malee, kun barumsa Kitaaba Qulqulluu miti.

Barumsi ibiddaan qulqulleeffamuu jedhu eessaa dhufe?

Giriikonni bara durii turan bakki Jannataa fi Gahaannam gidduutti argamu, akkasumas ibiddaan qulqulleeffamuutti amanu turan. Klimeent inni biyya Aleksaandariyaa dhiibbaa falaasama Giriikiitiin warri duʼan ibiddaan qulqulleeffamuudhaan cubbuu isaanii irraa qulqullaaʼuu akka dandaʼan dubbateera. Haa taʼu malee, akka kitaabni Za Histirii oof Kiristiyaan Histirii jedhamu ibsetti, barumsi ibiddaan qulqullaaʼuu gaaffii tokko malee fudhatamuu akka qabu cimsee kan ibse Poop Girigoorii Guddicha ture. Kitaabni kun itti dabalee Girigooriin inni Dh.K.B. bara 590 hanga bara 604⁠tti qeesii ture, ‘yeroo baayʼee nama barumsa ibiddaan qulqulleeffamuu jedhamu kana jalqabe’ akka taʼe ibseera. Waldaan Kaatolikii barumsa beekamaa ibiddaan qulqulleeffamuu jedhamu kana kan ibsite, walgaʼii (1274) Liyoonitti godhame irrattii fi (1439) Filoreensitti yeroo taʼu, achiis walgaʼii Tireentitti (1547) godhame irratti irra deebitee mirkaneessiteetti.

a Barumsa ibiddaan qulqulleeffamuu ilaalchisee kitaabni Oorfiyas jedhamu: Kitaabni Ee Janaraal Histirii oof Riliijinis jedhamu, “Wangeelota keessatti waaʼee kanaa wanti jedhame tokko illee hin jiru” jedheera. Haaluma wal fakkaatuun, Niiwu Kaatolik Insaayikiloppeediyaan akkana jedheera: “Qorannaa dhuma irratti godhameen ibiddaan qulqulleeffamuu ilaalchisee barumsi Kaatolikiin barsiistu, duudhaa irratti kan hundaaʼe malee Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe akka hin taane argisiisa.”—Maxxansa Lammaffaa, Jildii 11, fuula 825.

b Niiwu Kaatolik Insaayikilooppiidiyaa, Maxxansa Lammaffaa, Jildii 11, fuula 824 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi