LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 4/13 ful. 10-11
  • Macaafni Qulqulluun Poornoogiraafii Ni Balaaleffataa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Macaafni Qulqulluun Poornoogiraafii Ni Balaaleffataa?
  • Dammaqaa!—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Macaafni Qulqulluun poornoogiraafii ni balaaleffataa?
  • Saalqunnamtii raawwachuu baatanis poornoogiraafii ilaaluun rakkina qabaa?
  • Poornoogiraafiirraa fagaachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?
  • Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?
    Masaraa Eegumsaa: Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?
  • Poornoogiraafiirraa Fagaachuu Kanan Qabu Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Kiyyoo Seexanaa Irraa Eegumsa Amansiisaa Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2013
g 4/13 ful. 10-11
[Fakkii fuula 10⁠rra jiru]

Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?

Poornoogiraafii

Macaafni Qulqulluun poornoogiraafii ni balaaleffataa?

“Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.”—Maatewos 5:28.

WAAʼEE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE?

Yeroo harʼaa poornoogiraafiina beekamaafi yeroo kamiyyuu caalaa salphaatti kan argamudha. Waaqayyoon gammachiisuufi ofiis jireenya gammachiisaa tjiraachuu barbaannaan, ilaalcha inni poornoogiraafiidhaaf qabu beekuu qabda.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun waaʼee poornoogiraafii kallattiidhaan hin ibsu. Taʼus, poornoogiraafiin kallattiidhaan seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessa.

Fakkeenyaaf, namni tokko hiriyaa gaaʼelaasaatiin ala ‘ija hawwaatiin dubartii ilaaluudhaan’ saalqunnamtii raawwachuuf hawwii guddaan keessasaatti akka uumamu gochuunsaa, ejja raawwachuutti akka isa geessu Macaafni Qulqulluun ni akeekkachiisa. Namni gaaʼela qabus taʼe qeentee taʼe poornoogiraafii ‘ilaaluunsaa’ fedhiin ejja raawwachuu keessasaatti akka uumamu waan godhuuf, akeekkachiisni Macaafa Qulqulluu kun isarratti raawwatama. Amalli akkasii Waaqayyoon akka hin gammachiisne ifadha.

Saalqunnamtii raawwachuu baatanis poornoogiraafii ilaaluun rakkina qabaa?

‘Egaa yaada halalummaafi xuraaʼummaa, kajeellaafi hawwa hamaa of keessaa ajjeesaa.’—Qolosaayis 3:5.

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Hayyoonni tokko tokko poornoogiraafii ilaaluufi saalqunnamtii raawwachuun walitti dhufeenya akka hin qabne dubbatu. Haataʼu malee, poornoogiraafii ilaaluun dogoggoradhaa?

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun “qoosaan hin taane” amala gadhee akka taʼe ibsa. (Efesoon 5:3, 4) Maarree Poornoogiraafiin kanaa gad taʼuu dandaʼaa? Yeroo harʼaa, poornoogiraafiin ejja namoonni saala wal fakkaataa qabaniifi warri kaan raawwatan ifatti agarsiisa. Waaqayyo, poornoogiraafii akkasii ilaaluun dubbii gurra namaatti hin tolle dhagaʼuu caalaa akka jibbu beekamaadha.

Hayyoonni, namoonni poornoogiraafii ilaaluunsaanii saalqunnamtii raawwachuutti isaan geessa yaada jedhurratti falmuusaanii itti fufaniiru. Macaafni Qulqulluun garuu, poornoogiraafii ilaaluun karaa hafuuraa kan nama mancaasuufi Waaqayyo birattis ciiggaasisaa taʼuusaa sirriitti deggera. Macaafni Qulqulluun gorsa, ‘Egaa yaada halalummaafi hawwa hamaa of keessaa ajjeesaa’ jechuudhaan gorsa. (Qolosaayis 3:5) Gorsa kanarraa haala faallaa taʼeen, namoonni poornoogiraafii ilaalan fedhii akkasii ajjeesuu mannaa keessasaaniitti akka dagaagu godhu.

Poornoogiraafiirraa fagaachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

‘Wanta gaarii barbaadaa malee, wanta hamaa gochuu hin barbaadinaa! Wanta hamaa jibbaa, wanta gaariis jaalladhaa!’—Amos 5:14, 15.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun namoonni halalee turan, machaaʼaniifi hatan, amala akkasiirraa deebiʼanii akka turan ibsa. (1 Qorontos 6:9-11) Akkamitti? Ogummaa Waaqayyoo isa Macaafa Qulqulluu keessa jiru baratanii hojiirra oolchuudhaan wanta hamaa taʼe jibbuu dandaʼaniiru.

Balaa poornoogiraafii ilaaluun geessisurratti akka gaariitti yaaduudhaan gocha kana jibbuu barachuun ni dandaʼama. Gabaasni qorannoo dhiheenyatti Yuutaa Isteet Yunivarsiitiitti godhamerraa argame, namoonni poornoogiraafii ilaalan tokko tokko, ‘akka dhiphatan, warra kaanirraa adda akka of baasan, hariiroon isaan namootaa wajjin qaban akka mancaʼuufi’ miidhaa gaddisiisaa garabiraan akka isaanirra gaʼu ibseera. Hunda caalaammoo akkuma olitti ibsame poornoogiraafii ilaaluun gocha Waaqayyo ciiggaʼu waan taʼeef miidhaa cimaa geessisa. Akkasumas, namoonni Uumaasaaniirraa akka fagaatan godha.

Macaafni Qulqulluun wanta gaarii jaallachuu akka barannu nu gargaaruu dandaʼa. Macaafa kana caalaatti dubbisaa yeroo deemnu jaalalli ulaagaa seera amalaa inni qabatee jiruuf qabnu dabalaa deema. Jaalalli akkasiimmoo, poornoogiraafii jibbuufi akkuma faarfatichaa “wanta gadhee ija koo dura kaaʼee hin taaʼu” jechuuf nu kakaasa.—Faarfannaa 101:3.

[Miiljalee]

a Jechi Ingiliffaa poornoogiraafii jedhamu, fakkiiwwan, fiilmiiwwaniifi barreeffamoota fedhii saalqunnamtii nama wanta sana ilaaluu ykn dubbisuu kakaasuuf jecha qophaaʼan kan argisiisudha. Wantoota sagaleedhaan darbanis dabalachuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi