Gaaffii Dubbistootaa
Kiristiyaanni tokko fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu yoo amaleeffate gumii Kiristiyaanaa keessaa baafamuu dandaʼaa?
▪ Eeyyee baafamuu dandaʼa. Kun fakkiiwwan kitaabota, barruulee, fiilmii, viidiyoofi Intarneetiirraa argaman ilaaluurraa fagaachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe argisiisa.
Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan addunyaa maratti argamu. Intarneetiin fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan haala kanaan dura taʼee hin beekneen akka babalʼatuufi namoonni hedduun wanta kana ilaaluudhaan akka miidhaman godheera. Dargaggoonniifi gaʼeessonni tokko tokko utuu itti hin yaadin Weeb saayitii fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan qabate isaanitti dhufa. Kaanimmoo dhoksaadhaan manatti ykn bakka waajjiraatti taʼe jedhanii Weeb saayitii akkasii dubbisu ykn ilaalu. Dhimmi kun Kiristiyaanota haalaan yaaddessuu kan qabu maaliifi?
Akeekkachiisa Yesus, “Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan kennerraa sababa barbaachisa taʼe arganna. (Mat. 5:28) Saalqunnamtiin hiriyoota gaaʼelaa qofa gidduutti godhamu sirriifi gammachuu akka argamsiisu beekamaadha. (Fak. 5:15-19; 1 Qor. 7:2-5) Kaayyoon fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasanii garuu kana miti. Kanaa mannaa, saalqunnamtii gadhiisii taʼeefi Yesus ejja raawwachuu wajjin tokko akka taʼe dubbachuudhaan balaaleffate kan argisiisanidha. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun ykn yaada akkasii dubbisuun qajeelfama Waaqayyo, “Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraaʼummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaaʼamus, of keessaa ajjeesaa” jechuudhaan kennee wajjin akka wal faallessu ifadha.—Qol. 3:5.
Kiristiyaanni tokko fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan al tokko ykn irra deddeebiʼee yoo ilaalehoo? Haalli inni keessa jiru haala gadhee Asaaf faarfatichi yeroo tokko keessa tureefi, “Waaʼee kootiif yoo taʼe garuu, miilli koo bitintiree kufuu gaʼeera, ejjennaan koos mucucaachuuf xinnootu hafe” jedhee wajjin wal fakkaata jechuun ni dandaʼama. Kiristiyaanni tokko fakkii dubartii ykn dhiira qullaa jiran ykn dhiiraafi dubartii saalqunnamtii raawwachaa jiran ilaalaa akkamitti yaada garaa qulqulluu qabaachuu dandaʼa? Akkuma Asaaf, “Guyyaa guyyaatti dhaʼichi anatti buʼeera, ganama ganamas adabamuun na eeggata ture” jedhee taʼuu dandaʼa.—Far. 73:2, 14.
Kiristiyaanni amala gadhee akkasiitiin qabame tokko dammaqee karaa hafuuraa gargaarsa gaafachuu qaba. Macaafni Qulqulluun, “Namni tokko utuu itti hin yaadin cubbuu kamitti illee yoo kufe, isin warri hafuuraan geggeeffamtanii jiraattan, hafuura garraamummaatiin akka isaa duriitti isa deebisaa!” waan jedhuuf gargaarsa akkasii gumii keessaa argachuun ni dandaʼama. (Gal. 6:1) Jaarsi gumii tokko ykn lama, wanta barbaachisu jechuunis ‘kadhannaa amantiidhaan godhamuufi nama dhukkubsate sana fayyisuudhaan cubbuu hojjeterraa dhiifama akka argatu’ isa gargaaru. (Yaq. 5:13-15) Akkuma Asaaf godhe, namoonni miidhaa fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun geessisurraa fayyuuf gargaarsa barbaadan, Waaqayyotti dhihaachuun gaarii akka isaaniif taʼe hubataniiru.—Far. 73:28.
Haataʼu malee, Phaawulos ergamaan namoonni tokko tokko, “xuraaʼummaa, halalummaa, jireenya gad-dhiisii isa itti jiraachaa turan irraa yaada garaa isaanii [akka hin geddaranne]” dubbateera.a (2 Qor. 12:21) Piroofeesarri Maarviin R. Viinsenti jedhaman, jechi afaan Giriikii “xuraaʼummaa” jedhamee hiikame, “qulqulluu taʼuu dadhabuu” jechuu akka taʼe barreessaniiru. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan tokko tokkommoo qullaa namaa ykn dhiiraafi dubartii ejja raawwachaa jiran argisiisuurra darbee miidhaa guddaa geessisu. Fakkiiwwan kun, gadhaaʼummaa (saalqunnamtii namoota saala wal fakkaataa qaban gidduutti raawwatamu), gareedhaan saalqunnamtii raawwachuu, horii wajjin ciisuu, qullaa ijoollee ilaaluudhaan fedhii saalqunnamtii baʼuu, gareedhaan dirqisiisanii gudeeduu, dubartoota dhiphisuu, hidhanii saalqunnamtii raawwachuu ykn gara jabinaan reebuu kan dabalatanidha. Namoonni bara Phaawulositti jiraataniifi “sammuunsaanii dukkaneeffame” tokko tokko, “of qabuu dadhabanii jireenya gad-dhiisiitti of kennaniiru; wanta nama xureessu hundumaa in hojjetu, in gaʼas hin jedhan” turan.—Efe. 4:18, 19.
Galaatiyaa 5:19rrattis Phaawulos waaʼee “xuraaʼummaa” caqaseera. Hayyuun Ingiliiz tokko jechi asirratti caqasame, “keessumaa saalqunnamtii uumamaan ala taʼan hunda [argisiisuu] dandaʼa” jedhaniiru. Kiristiyaanni, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan, ciiggaasisoo taʼaniifi armaan olitti caqasaman hundi ‘uumamaan ala,’ akkasumas xuraaʼoo taʼuusaanii haalu jiraa? Phaawulos Galaatiyaa 5:19-21rratti “warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu” ‘hin dandaʼan’ jedheera. Kanaaf, namni tokko tarii yeroo dheeraadhaaf fakkiiwwan ciiggaasisoo fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu yoo amaleeffate, kanaan kan kaʼes yaada garaasaa geddarachuufi fakkiiwwan kana ilaaluu yoo dhiisuudhaabaate gumiidhaa baafamu dandaʼa. Qulqullinaafi hafuura gumichaa eeguuf namni kun gumiidhaa baafamuu qaba.—1 Qor. 5:5, 11.
Namoonni fakkiiwwan ciiggaasisoo fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu amaleeffatan tokko tokko jaarsoliitti himuudhaan gargaarsa hafuuraa jijjiirama guddaa gochuuf isaan dandeessisu akka argatan beekuun nama gammachiisa. Yesus Kiristiyaanota Saardes durii keessa turaniin, “Wanta hafee duʼuuf jedhus jabeessi! . . . Ammas wanta sitti dabarfame akka itti fudhattee fi akka itti dhageesse yaadadhuu, eegi! Yaada garaa kees geddaradhu! Yoo dammaqaa taʼuu dhaabaatte garuu, ani akka hattuun dhuftutti nan dhufa, yeroo ani sitti dhufus matumaa hin beektu!” jedheera. (Mul. 3:2, 3) Yaada garaa geddarachuufi akka waan ibidda keessaa butamaniitti ooluun ni dandaʼama.—Yih. 22, 23.
Hundi keenyayyuu wanta balaa guddaa geessisuu dandaʼutti dhihaachuu dhiisuuf murtoo cimaa gochuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Eeyyee, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan kamirraayyuu of eeggachuuf murtoo cimaa gochuu qabna!
[Miiljalee]
a Garaagarummaa ‘xuraaʼummaa, halalummaafi gad-dhiisiitti jiraachuu’ gidduu jiru hubachuuf Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2006, fuula 29-31 ilaali. (Amaariffa)
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 30rra jiru]
Kiristiyaanni wanta gadheetiin qabame tokko dammaquufi karaa hafuuraa gargaarsi akka isaaf godhamu gaafachuu qaba