MATADUREE FUULA JALQABAA
Abbaa Gaarii Ta’uun Kan Danda’amu Akkamitti?
“Maalan dogoggore laata?” Gaaffiin kun Mikaaʼela isa Afriikaa Kibbaa jiraatu ni dhiphisa ture. Abbaa gaarii taʼuuf carraaqqii cimaa kan godhu taʼus, yeroo baayʼee amala gadhee ilmisaa inni umrii waggaa 19 argisiisu yommuu yaadu, ‘maalan balleesse laata?’ jedhee dhiphata ture.
Faallaa kanaatiin Teerii inni Ispeen jiraatu, abbaa gaarii taʼuurratti milkaaʼina akka argate isatti dhagaʼama. Ilmisaa Andiruun akkas jedheera: “Yommuun ijoollee turetti abbaankoo naa dubbisa, naa wajjin taphata, akkasumas bakka qoofniitti na geessee yeroo naa wajjin dabarsa ture. Karaa na gammachiisuun na barsiisa ture.”
Abbaa gaarii taʼuun salphaa akka hin taane beekamaadha. Haataʼu malee, seerawwan buʼuuraa gama kanaan gargaarsa gochuu dandaʼan jiru. Abbootii hedduuniifi maatiinsaanii ogummaa Macaafa Qulqulluu keessa jiru hordofuun faayidaa akka isaanii argamsiise hubataniiru. Mee gorsawwan Macaafa Qulqulluu abbootii gargaaruu dandaʼan tokko tokko haa qorru.
1. Maatii Keessanii Wajjin Taʼuuf Yeroo Ramadaa
Akka abbaa tokkootti, ijoollee keessaniif iddoo guddaa akka kennitan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Nyaataafi mana jireenyaa mijaaʼaa taʼe isaanii dhiheessuu dabalatee ijoollee keessaniif waan hedduu gootu. Ijoollee keessaniif bakka guddaa hin kennitan utuu taʼee, kana akka hin goone beekamaadha. Haataʼu malee, ijoollee keessanii wajjin yeroo balʼaa hin dabarsitan taanaan, isaaniif utuu hin taʼin, hojii, michoota ykn wanta hojjechuu jaallatan tokkoof iddoo guddaa akka laattan yaaduu dandaʼu.
Abbaan tokko yoomii jalqabee mucaasaa wajjin yeroo dabarsuu qaba? Haati tokko yeroo inni gadameessa keessa jiruu kaastee mucaashee wajjin jaalala uumuu jalqabdi. Mucaan tokko gadameessa keessatti erga uumamee gara torban 16 booda dhagaʼuu dandaʼa. Abbaanis yeroo kanaa kaasee mucaasaa gadameessa keessa jiruu wajjin walitti dhufeenya addaa uumuu dandaʼa. Yommuu onneensaa rukutuufi yommuu inni dhidhiittatu dhaggeeffachuu, akkasumas itti dubbachuufi faarfachuufii dandaʼa.
Seera Buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Bara durii, dhiironni ijoolleesaanii ofumasaaniitii barsiisu turan. Keessa Deebii 6:6, 7rratti abbootiin ijoolleesaanii wajjin yeroo balʼaa dabarsuu akka qaban gorfamaniiru. Caqasichi akkas jedha: “Dubbiin ani har’a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taaʼu! Isas keessa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waaʼee isaa dubbadhu!”
2. Abbaa Gaariin Akka Gaariitti Dhaggeeffata
Utuu hin dheekkamin tasgabbiidhaan dhaggeeffadhaa
Ijoollee keessanii wajjin akka gaariitti wal hubachuuf, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu qabdu. Amala utuu hin dheekkamin tasgabbiidhaan dhaggeeffachuuf isin gargaaru horachuun keessan barbaachisaadha.
Ijoolleen keessan akka isin daftanii aartaniifi namatti dheekkamtan yoo hubatan, miirasaanii isinii ibsuuf hin kakaʼan. Tasgabbiidhaan yoo isaan dhaggeeffattan garuu, dhugumaan akka isaanii yaaddan argisiisuu dandeessu. Isaanis gamasaaniitiin yaadaafi miirasaanii caalaatti isinii ibsuu dandaʼu.
Seera Buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Gorsi Macaafa Qulqulluu inni ogummaarratti hundaaʼe yeroo hundumaa jireenya keenya keessatti karaa hedduu kan nu fayyadudha. Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun, “Namni adduma addaan dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa” haataʼu jedha. (Yaaqoob 1:19) Abbootiin seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kana hojiirra oolchan, ijoolleesaanii wajjin akka gaariitti wal hubachuu dandaʼu.
3. Jaalalaan Adabaa, Akkasumas Galateeffadhaa
Yeroo aartanittillee, adabni isin ijoollee keessaniif kennitan nageenyasaanii isa gara fuulduraatiif garaadhaa akka yaaddan kan argisiisu taʼuu qaba. Kana gochuun gorsuu, sirreessuu, barsiisuufi barbaachisaa taanaanimmoo arcummeedhaan rukutuu kan dabalatudha.
Hunda caalaammoo, adabni abbaan tokko kennu buʼa qabeessa kan taʼu, wanta gaarii mucaansaa godhuuf yeroo hunda kan galateeffatu yoo taʼedha. Fakkeenyi bara durii tokko, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii ti” jedha. (Fakkeenya 25:11) Galateeffachuun, ijoolleen amala gaarii akka horatan gargaara. Ijoolleen warrisaanii akka isaan hubataniifi bakka guddaa akka isaanii kennan yommuu baran ofitti amanannaa qabaatu. Abbaan carraa argate hundatti fayyadamee ijoolleesaa kan galateeffatu taanaan, ijoolleensaa akka ofitti amanamaniifi waan gaarii hojjechuuf yaaluusaanii akka itti fufan isaan kakaasuu dandaʼa.
Seera Buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: “Isin immoo abboota nana! Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!”—Qolosaayis 3:21.
4. Haadha Manaa Keessan Jaalladhaa, Kabajaas
Akkaataa abbaan manaa haadha manaasaa itti qabu ijoolleerratti dhiibbaa godha. Hayyoonni guddina ijoolleerratti qorannoo godhan, “Wanti hunda caaluufi abbaan ijoolleesaatiif gochuu qabu haadhasaanii kabajuudha. . . . Abbaafi haati kan wal kabajan taanaan, ijoolleensaanii gammadoo taʼu, akka jaallatamanis isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa” jedhaniiru.—Za Impoortansi oov Faazars iin za Helzi Develoopmanti oov Chiildiran.b
Seera Buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: “Abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu! . . . Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu.”—Efesoon 5:25, 33.
5. Ogummaa Waaqayyoo Hojiirra Oolchaa
Abbootiin Waaqayyoof jaalala garaarraa madde qaban, ijoolleensaanii Abbaasaanii isa samii wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan gargaaruudhaan, dhaala gati jabeessa isaanii kennuu dandaʼu.
Antooniyoo inni Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe, waggoota hedduudhaaf ijoollee jaʼa carraaqqii cimaa gochuudhaan erga guddisee booda, intallisaa tokko xalayaa akkas jedhu isaa ergitee turte: “Abbayyee, Yihowaa, ofiikoofi namoota akkan jaalladhu, akkasumas nama madaalliisaa eeggatu akkan taʼu gootee waan na guddisteef sin galateeffadha. Yihowaa akka jaallattus taʼe, dhuunfaatti akka naa yaaddu na barsiifteetta. Jireenyakee keessatti Yihowaa waan dursteefi ijoolleenkee kennaa Waaqayyoo akka taʼanitti ilaalaa waan turteef sin galateeffadha!”
Seera Buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: “Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu! Dubbiin ani har’a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taaʼu!”—Keessa Deebii 6:5, 6.
Abbaa taʼuun qabxii shanan olitti ibsaman raawwachuu caalaa waan dabalatu akka qabu beekamaadha. Kana malees, abbaa gaarii taʼuuf carraaqqii cimaa yoo gootanillee, mudaa kan hin qabne taʼuu hin dandeessan. Taʼus, seerawwan buʼuuraa kana karaa jaalalarratti hundaaʼeefi madaalliisaa eegeen hojiirra kan oolchitan taanaan abbaa gaarii taʼuu akka dandeessan hin shakkisiisu.c
a Maqaawwan mataduree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.
b Abbaan tokko haadha manaasaa wajjin kan wal hiike yoo taʼellee, akka ishee kabaju argisiisuunsaa, ijoolleen haadhasaanii wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan godha.
c Maatii ilaalchisee qajeelfama dabalataa argachuuf, kitaaba Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti? jedhamu Weeb saayitii www.jw.org jedhamurraa ilaali.