LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 7/13 ful. 6-9
  • Yakki Mana Keessatti Raawwatamu Ni Dhaabata

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yakki Mana Keessatti Raawwatamu Ni Dhaabata
  • Dammaqaa!—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YAKKA MANA KEESSATTI RAAWWATAMU HAMBISUU
  • Rakkoowwan Maatii Balaarra Buusan Mo’uu Ni Dandeessu
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Raajii 4. Jaalala Dhabuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Abbootiin Manaa Haadha Manaa Keessan Kabajaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dammaqaa!—2013
g 7/13 ful. 6-9

MATADUREE FUULA JALQABAA

Yakki Mana Keessatti Raawwatamu Ni Dhaabata

Haala 1: Warri Isaabeel,a isaan gaafachuu dhufaniiru. Intalasaaniifi abbaa manaashee wajjin taphachaa galgala gaarii waliin dabarsaa jiru. Warri kamiyyuu soddaa gaarii akkasii qabaachuusaaniitti akka boonan beekamaadha. Abbaan manaashee gaarummaa guddaa isheetti argisiisa.

Haala 2: Firaanki aaree bobaʼeera. Ammas akkuma amalasaa ishee kabaluu, dhiituu, rifeensashee harkisuu ykn mataashee keenyanitti rukutuudhaan aariisaa isheetti baʼuu jalqabe.

HAALLI kun lamaanuu kan raawwatame hiriyoota gaaʼelaa tokko gidduutti taʼuusaa beekuunkee si ajaaʼibsiisa taʼa.

Namoonni mana keessatti yakka raawwatan yeroo baayʼee amala bifa lama qabu argisiisu

Namoonni mana keessatti yakka raawwatan yeroo baayʼee amala bifa lama qabu argisiisu

Akkuma abbootii manaa haadhotii manaasaanii reeban kaanii, Firaanki namoota duratti ykn bakka warrishee jiranitti “nama gaarii” fakkaatee mulʼachuu itti beeka. Yeroo haadha manaasaa wajjin qofa taʼu garuu, baayʼee hamaadha.

Akkuma Firaanki dhiironni hedduun kan guddatan maatii yakki keessatti raawwatamu keessatti waan taʼeef, amallisaanii kun fudhatama kan qabuufi baramaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Haataʼu malee, yakki mana keessatti raawwatamu matumaa baramaa taʼuu hin dandaʼu. Namoonni hedduun namni tokko haadha manaasaa akka miidhu yommuu dhagaʼan kan naʼan kanaafidha.

Yakki mana keessatti raawwatamu baayʼachuunsaa nama gaddisiisa. Fakkeenyaaf qorannaan Yunaayitid Isteetisitti godhame tokko, giddu galeessaan guyyaatti daqiiqaa tokko keessatti namoonni yakki mana keessaa irratti raawwatameefi 16 ol taʼan bilbilaan gargaarsa akka gaafatan ibseera. Yakki mana keessatti raawwatamu aadaa, haala dinagdee ykn hawaasa kamiyyuu utuu addaan hin baasin, rakkina addunyaa maratti babalʼachaa jiru taʼeera. Yakkawwan tokko tokko waan hin gabaafamneef, haallisaa isa gabaasni ifa godhu caalaayyuu cimaa akka taʼe beekamaadha.b

Namoonni, gabaasawwan yakka mana keessatti raawwatamu ilaalchisee dubbatamu yeroo dhagaʼan gaaffiiwwan akkas jedhan kaasu: Namni tokko haadha manaasaa dhiisiitii nama kan biraayyuu gara jabinaan akkamitti reeba? Namoonni haadhotii manaasaanii miidhan gargaarsa argachuu ni dandaʼuu?

Qopheessitoota barruu kanaa kan taʼan Dhugaa Baatonni Yihowaa, gorsi gaariin Macaafa Qulqulluu keessatti argamu, hiriyoonni gaaʼelaa hammina raawwatan, amalasaanii jijjiirrachuuf akka isaan gargaaru ni amanu. Jijjiirama akkasii gochuun salphaadhaa? Matumaa! Garuu ni dandaʼamaa? Eeyyee! Barumsi Macaafa Qulqulluu, namoonni hedduun amala hamminaa dhiisuudhaan amala gaarummaafi kabaja akka argisiisan isaan gargaareera. (Qolosaayis 3:8-10) Mee muuxannoo Tirooyifi Vaalarii ilaali.

Jalqabarratti walitti dhufeenyi keessan maal fakkaata ture?

Vaalarii: Galgala wal kaadhimnetti Tirooy garmalee waan na kabaleef, torban tokkoof fuullikoo dirmammaaʼee ture. Achiis kufee kaʼee dhiifama kan na gaafate taʼuusaarrayyuu, lammata akka itti hin deebine waadaa naa gale. Haataʼu malee, waggoota sana booda turaniif, jechoota kana yeroo baayʼee isarraa dhagaʼaa tureera.

Tirooy: Waanuma xinnoottan aara ture; nyaanni dafee naaf hin dhihaanne taanaanillee nan aara. Yeroo tokko sadafii shugguxiitiin Vaalarii rukuteera. Yeroo kan biraattis garmalee waanan ishee rukkuteef kanan ishee ajjeese natti fakkaate. Achii morma mucaa keenyaarratti halbee qabuudhaan akkan isa ajjeesu ishee sossodaachisuufan yaale.

Vaalarii: Yeroo hunda sodaadhaanan jiraadha ture. Al tokko tokko hamma Tirooy tasgabbaaʼutti manaa baqachuun narra jira ture. Arrabsoosaarra miidhaa qaamaa inni narra geessisu dandaʼuu naa wayya.

Tirooy, yeroo hunda hamaa turtee?

Tirooy: Eeyyee, ijoollummaa kootii kaasee hamaan ture. Maatii hamminni itti raawwatamu keessattan guddadhe. Abbaankoo yeroo hunda anaafi obbolootakoo biratti haadhakoo reeba ture. Erga inni nu dhiisee deemee booda, haatikoo nama kan biraa wajjin jiraachuu kan jalqabde siʼa taʼu, innis ishee reeba ture. Namni kun anaafi obboleettiikoo gudeedeera. Kanaan kan kaʼes mana hidhaa gale. Haataʼu malee, haalawwan kun wantin raawwadhe akka salphaatti akka ilaalamu godhu jechuu miti.

Vaalarii, gaaʼelakee kan hin diigne maaliifi?

Vaalarii: Nan sodaadhe. ‘Na argatee yoo na ajjeese ykn warrakoo yoo ajjeesehoo? Dhimmasaa yoon gabaase haallisaa caalaatti natti hammaataa laata?’ jedheen yaada ture.

Haalli keessan kan jijjiirame yoomi?

Tirooy: Haati manaakoo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde. Jalqabarratti michootashee haaraa taʼan kanatti kanan hinaafe siʼa taʼu, ‘tuuta amantii’ haaraa taʼe kanarraa ishee fageessuu akkan qabun yaade. Kanaafuu, Vaalariitti qofa utuu hin taʼin Dhugaa Baatota kanattis caalaatti hammaachuun jalqabe. Gaaf tokko garuu, mucaan keenya Daaniʼel inni umriinsaa waggaa afurii, dhibee Giraandi Maal jedhamuun qabamee gara torban sadiitiif hospitaala ciise. Yeroo kanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa intala keenya ishee waggaa jaʼaa Deziree jedhamtu kunuunsuudhaan gargaarsa guddaa nuu godhaniiru. Dhugaa Baatuun tokkommoo halkan hojii erga bulee booda, Vaalireen xinnoo akka raftu ishee gargaaruuf guyyaa guutuu Daaniʼeliin kunuunsaa ooleera. Gaarummaan namoonni ani itti hammaadhee ture kun argisiisan baayʼee na tuqe. Kiristiyaanummaa dhugaa hojiidhaan waanan argeef, Dhugaa Baatonni kun Macaafa Qulqulluu akka na qayyabsiisanan isaan gaafadhe. Macaafa Qulqulluu yeroon baradhu, abbaan manaa tokko haadha manaasaa akkamitti qabuu akka qabuufi akkamitti qabuun akka isarra hin jirren baradhe. Yakka raawwachuufi nama arrabsuukoo guutummaattan dhiise. Yeroo boodas Dhugaa Baatuu Yihowaan taʼe.

Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kamfaatu jijjiirama gochuuf si gargaare?

Tirooy: Seera buʼuuraa hedduutu na gargaare. Macaafni Qulqulluun 1 Phexros 3:7⁠rratti, haadha manaa kootiif ‘ulfina kennuu’ akkan qabu dubbata. Galaatiyaa 5:23, “gaarummaa” argisiisuufi “of dhowwuu” jajjabeessa. Efesoon 4:31 (hiika bara 1899) ‘arrabsoo’ balaaleffata. Ibroonni 4:13, Waaqayyo duratti “wanti hundinuu saaqamaa” akka taʼe dubbata. Kanaafuu, ollaawwankoo arguu baatanillee, Waaqayyo amalakoo ni arga. Kana malees, ‘Hiriyaan gadheen amala gaarii waan mancaasuuf,’ hiriyootakoo jijjiiruu akkan qabun baradhe. (1 Qorontos 15:33) Hiriyoonnikoo durii, gocha hamminaa ani raawwadhu kan jajjabeessanidha. Dubartii “toʼannaa” jala galchuuf reebuun sirrii akka taʼe godhanii yaadu.

Amma waaʼee gaaʼela keessanii maaltu isinitti dhagaʼama?

Vaalarii: Tirooy Dhugaa Baatuu erga taʼe waggaa 25 taʼeera. Yeroo sanaa kaasee, jaalalaafi gaarummaa dhugaa natti argisiisa; akkasumas baayʼee naa yaada.

Tirooy: Miidhaan maatiikoorra geessise jijjiiruu hin dandaʼu; haati manaakoos matumaa haala kanaan qabamuun kan isheedhaaf malu hin turre. Haataʼu malee, yeroo Isaayaas 65:17 raawwiisaa itti argatuufi seenaan keenya inni gadheen itti irraanfatamu hawwiidhaanan eeggadha.

Maatiiwwan yakka mana keessatti raawwatamuun dhiphachaa jiraniif gorsa akkamii kennitu?

Tirooy: Reebichaanis taʼe arrabsoodhaan maatii keessanirra miidhaa geessisaa kan jirtan yoo taʼe, gargaarsi akka isin barbaachisu amanaa; gargaarsa argachuufis carraaqaa. Gargaarsi hedduun jira. Ani Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuuniifi isaanitti dhihaachuunkoo amala hamminaakoo moʼuuf na gargaareera.

Vaalarii: Haala keessan haala warra kaanii wajjin walbira qabdanii ilaaluuf ykn gorsa namoonni wanta isiniif gaarii taʼe akka beekan yaadan isinii kennan fudhachuuf hin jarjarinaa. Buʼaansaa nama hundaaf tokko taʼuu baatus, yeroo ammaatti walitti dhufeenya gaarii waan qabnuuf, gaaʼelakoo diiguu dhiisuukootti baayʼeen gammada.

YAKKA MANA KEESSATTI RAAWWATAMU HAMBISUU

Dhiironni hedduun Macaafa Qulqulluu qayyabachuunsaanii jijjiirama barbaachisu gochuuf isaan gargaareera

Dhiironni hedduun Macaafa Qulqulluu qayyabachuunsaanii jijjiirama barbaachisu gochuuf isaan gargaareera

Macaafni Qulqulluun, “Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf . . . dhimma in baasa” jedha. (2 Ximotewos 3:16) Akkuma Tirooy isa seenaansaa olitti caqasamee, hiriyoonni gaaʼelaa yakka raawwachaa turan hedduun gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan ilaalchaafi amalasaanii jijjiiruu dandaʼaniiru.

Macaafni Qulqulluun gaaʼelakee keessatti akkamitti si gargaaruu akka dandaʼu caalaatti beekuu ni barbaaddaa? Odeeffannoo dabalataa argachuuf Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argaman haasofsiisi ykn Weeb saayitii www.jw.org jedhamu ilaali.

a Maqaawwan mataduree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

b Dubartoonni tokko tokko dhiirota kan miidhan taʼuunsaanii hin haalamu. Haataʼu malee, yakkawwan gabaafaman keessaa hedduunsaanii, miidhaa kan geessisan dhiirota taʼuusaanii argisiisu.

DHIISANII KAN HIN DEEMNE MAALIIFI?

Haadhotiin manaa tokko tokko hiriyaan gaaʼelaasaanii utuu hammina isaanirratti raawwatuu walumaan jiraachuu kan filatan maaliifi? Sababiin inni guddaan, dhiisanii yoo deeman hamminnisaa itti caala jedhanii waan sodaataniifidha. Abbootiin manaa tokko tokko, haadhotiin manaasaanii jalaa miliquuf yoo yaalan akka isaan miidhan ykn ajjeesan isaan sossodaachisu. Isaan keessaa tokko tokkommoo haadhotii manaasaanii ajjeesaniiru.

Kaanimmoo, michoonnisaaniifi firoonnisaanii haallisaa hamma kana gadhee akka hin taane yaaduudhaan akka isaan morman waan isaanitti dhagaʼamuuf, hiriyaa gaaʼelaasaanii dhiisanii deemuu hin barbaadan. Fakkeenyaaf, Isaabeel isheen jalqaba mataduree kanaarratti ibsamte abbaa manaashee dhiistee deemteetti. “Obboleettiinkoo baayʼee dheekkamuudhaan manatti akkan deebiʼu na dirqisiisuuf yaalte; namni ‘gaariin’ akkasaa hammana hamaa akka taʼe amanuun isheetti ulfaatee ture. Ollaawwankoo hundi waan ofirraa na fageessaniif ijoolleekoo wajjin naannicha dhiisee deemuufan dirqame” jetteetti.

Sababa kan biraa haadhotiin manaa tokko tokko walumaan jiraachuu itti filatan:

  • Ijoolleensaanii lamaansaanii biratti akka guddatan barbaadu.

  • Ofis taʼe ijoollee keenya qarshiidhaan deggeruu dandeenyaa laata jedhanii yaaddaʼu.

  • Balleessaan kanumasaanii akka taʼe godhanii dogoggoraan yaadu.

  • Hamminni isaanirratti raawwatamaa akka jiru amananii fudhachuun isaan qaanessa.

  • Haallisaanii akka fooyyaʼu abdatu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa ulaagaa Macaafa Qulqulluu, gaaʼelli kan diigamu ejji yoo raawwatame qofa akka taʼe ibsu hordofu. (Maatewos 5:32) Haataʼu malee, miidhaa qamaa cimaa hiriyaan gaaʼelaa tokko geessisu dabalatee, haalawwan ulfaataan namni tokko hiriyaa gaaʼelaasaarraa gargar akka baʼu isa godhan jiraachuu dandaʼu.

SEERAWWAN BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU ABBOOTII MANAA GARGAARAN

  • Haadha manaakee ulfinaan qabi. —1 Phexros 3:7.

  • Haadha manaakee akkuma ofiikee jaallattutti jaalladhu.—Efesoon 5:28, 29.

  • Jaalalli isheedhaaf qabdu akka guddatu godhi.—Efesoon 5:25.

  • Dubbii nama miidhurraa fagaadhu. —Efesoon 4:29, 31.

  • Of qabuu baradhu.—Fakkeenya 29:11.

  • Ofiif kabaja qabaachuu kan dandeessu, warra kaan toʼachuudhaan utuu hin taʼin of toʼachuudhaan akka taʼe beeki. —Fakkeenya 16:32.

  • Wanta gochikee geessisuu dandaʼu yaadi.—Galaatiyaa 6:7.

  • Of qabuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼame, bakka sanaa deemuunkee gaarii taʼuu dandaʼa.—Fakkeenya 17:14, hiika bara 1899.

  • Amala hamminaa jibbuu baradhu.—Faarfannaa 11:5.

  • Haati manaakee sii gad utuu hin taʼin, hiriyaa dandeettii qabdu akka taate godhii ilaali.—Uumama 1:31; 2:18.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi