MAATIIDHAAF | GA’EE WARRAA
Akkaataa Ijoollee Xiiqii Qabatan Qabuun Itti Danda’amu
HAALA RAKKISAA
Mucaan keessan umrii waggaa lamaa yeroo aaru ni iyya; nama dhiita, akkasumas ni wixxifata. Yeroo kanatti, ‘Mucaankoo maal ta’e? Wanta isa aarsu tokko godheeraa laata? Yommuu guddatu amallisaa kun isa dhiisuu danda’aa?’ jettanii of gaafattu.
Mucaan keessan inni umrii waggaa lamaa amalasaa akka jijjiiru gargaaruu ni dandeessu. Jalqaba garuu, wanta amala kana akka inni argisiisu sababa ta’uu danda’u haa ilaallu.a
SABABIINSAA MAALIDHA?
Ijoolleen xixinnoon miirasaanii to’achuu hin danda’an. Yeroo tokko tokko akka isaan aaran qabatan kan godhu kana ta’uu danda’a. Haata’u malee, sababiiwwan garabiraanis jiru.
Mee jijjiirama mucaan tokko umrii waggaa lamaatti godhu yaadaa. Warrisaa guyyaa inni dhalatee kaasee wanta isa barbaachisu hunda isaaf dhiheessaa turaniiru. Fakkeenyaaf, yoo boo’e dafanii bira ga’u. Akkas jedhanii yaadu: ‘Mucaakoo ni dhukkubsatee laata? Ni beela’ee? Ururfamuu barbaademoo? Uffatasaatu gubeenii laata?’ Warri mucaasaanii kanaaf wanta isa barbaachisu hunda gochaafii turaniiru. Mucichi umrii kanatti gargaarsi warrasaa guutummaatti waan isa barbaachisuuf akkas gochuunsaanii sirriidha.
Haata’u malee umrii waggaa lamaa yeroo ta’utti, xiyyeeffannaan warrisaa isaaf kennan hir’achaa akka dhufe hubachuu jalqaba. Wanta isa barbaachisu dhiheessuufii mannaa akka isaan barbaadanitti akka jiraatu isarraa eeguu jalqabu. Jijjiiramni uumame waan isatti hin tolleef mucaan umrii waggaa lamaa kun haala kana fudhachuu akka hin barbaanne aariidhaan ibsa ta’a.
Yeroo booda garuu, mucaan kun warrisaa kan isa kunuunsan qofa utuu hin ta’in qajeelfama kan isaa kennan akka ta’anis hubachuu jalqaba. Akkasumas, ga’eensaa ‘abbaafi haadhasaatiif abboomamuu’ akka ta’e hubachaa deemuu danda’a! (Qolosaayis 3:20) Hanga sadarkaa kanarra ga’utti garuu mucaan sun xiiqii qabachuu itti fufuunsaa warrisaa obsa akka dhaban gochuu danda’a.
MAAL GOCHUU DANDEESSU?
Rakkinasaa hubadhaa. Mucaan keessan daa’ima ta’uusaa hin dagatinaa. Miirasaa to’achuu waan hin dandeenyeef, yommuu aaru tarkaanfii gara biraa fudhachuu danda’a. Iddoosaa ta’uudhaan haalasaa hubachuuf yaalaa.—Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu: 1 Qorontos 13:11.
Tasgabbaa’aa. Mucaan keessan yommuu aaru, obsa dhabuun keessan faayidaa hin qabu. Hanga isiniif danda’ame jeequmsa uumame danda’uudhaan irra darbuuf yaalaa. Sababa mucaan keessan xiiqii itti qabatu yaadachuun tasgabbaa’uuf isin gargaara.—Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 19:11.
Ejjennoo dhaabbataa ta’e qabaadhaa. Yeroo mucaan keessan aaru hundatti wanta inni barbaade yoo kennitaniif, yeroo kan biraattis amala kana argisiisuudhaan wanta fedhe argachuu akka danda’u itti dhaga’amuu danda’a. Wanta dubbattan hojiirra akka oolchitan tasgabbiidhaan argisiisaa.—Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu: Maatewos 5:37.
Sababa mucaan keessan xiiqii itti qabatu yaadachuun tasgabbaa’uuf isin gargaara
Obsa qabaadhaa. Mucaan keessan battaluma tokkotti amala kana dhiisa jettanii hin yaadinaa; keessumaa yeroo aaru hundatti wanta barbaadu argachuu akka danda’u itti dhaga’ama taanaan dafee hin jijjiiramu ta’a. Haala seera qabeessa ta’een deebii kan kennitaniifi ejjennoo keessan kan hin jijjiirre taanaan, amallisaa kun suutuma suuta hir’achaa deemuufi yeroo boodammoo guutummaatti baduu danda’a. Macaafni qulqulluun, “Jaalalli danda’aa dha” jedha.—1 Qorontos 13:4.
Qabxiiwwan ittaananis hojiirra oolchuuf yaalaa:
Mucaan keessan yommuu aaruu jalqabu (yoo dandeessan) haammadhaa; achiis utuu isa hin miidhin akka hin wixxifanne isa dhowwaa. Mucaa keessanitti hin iyyinaa. Aariinsaa hanga irraa galutti obsaa. Xiiqii qabachuunsaa faayidaa akka isaaf hin argamsiisne yeroo booda hubachuunsaa hin oolu.
Iddoo mucaan keessan yommuu aaru itti isa kaa’uu dandeessan murteessaa. Bakka sanaa ba’uu kan danda’u aariinsaa yoo irraa gale qofa akka ta’e itti himaatii biraa deemaa.
Mucaan keessan bakka namoonni baay’een jiranitti iyyuu yoo jalqabe, iddoo qoofnii ta’etti fudhaa deemaa. Wanta xiyyeeffannaa namaa harkisu waan godheef qofa iddoo sanaa fuutanii deemuurraa duubatti hin jedhinaa. Tarkaanfii fudhachuurraa duubatti jechuun keessan, mucaan keessan yommuu aaru wanta barbaade hunda argachuu akka danda’u akka itti dhaga’amu gochuu malee wanta fayyadu hin qabu.
a Mataduree kana keessatti dhiiraan kan ibsine ta’us, seerri bu’uuraa as keessatti caqasame saala lamaaniifuu ni hojjeta.