LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 7/15 ful. 10-11
  • Ijoolleen Akka Ajajaman Barsiisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoolleen Akka Ajajaman Barsiisuu
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAALA RAKKISAA
  • Adaba Buʼaa Gaarii Argamsiisu
    Dammaqaa!—2015
  • Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Akkaataa Ijoollee Xiiqii Qabatan Qabuun Itti Danda’amu
    Dammaqaa!—2013
  • Hin Taʼu Jechuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2015
g 7/15 ful. 10-11
Mucaa xinnoo haadha isaatiif ajajamuu didaa jiru

MAATIIDHAAF | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen Akka Ajajaman Barsiisuu

HAALA RAKKISAA

Atii fi mucaan kee waggaa afurii yeroo hunda kan wal morkattan siʼa taʼu, yeroo hunda waan inni moʼu fakkaata.

  • Wanta inni gochuu hin barbaanne akka godhu yommuu itti himtu si hin dhagaʼu.a

  • Wanta inni gochuu barbaadu akka hin goone yommuu itti himtu of nyaachuu jalqaba.

‘Sadarkaa umurii isaa tii? Yeroo guddatu akka isa dhiisu abdiidhaan eeggachuun qabaa laata?’ jettee yaadda.

Mucaan kee akka ajajamu barsiisuu ni dandeessa. Haa taʼu malee, kana gochuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ilaaluu keenya dura, wanta amala gadhee argisiisuu isaatiif sababa taʼu tokko haa ilaallu.

SABABIIN ISAA MAALI DHA?

Mucaan keessan daaʼima reefuu dhalate yeroo turetti, hojiin keessan inni guddaan isa kunuunsuu ture. Yeroo hunda wanta inni barbaadu isaaf gochuuf qophaaʼoo turtan. Yeroo inni booʼu hundatti ariitiidhaan dhuftanii wanta isa barbaachisu hunda isaaf gootu. Dhugaa dha, akkas gochuun keessan sirrii fi barbaachisaa dha. Daaʼimni reefuu dhalate yeroo hunda xiyyeeffannaa warra isaa barbaada.

Kunuunsi kun jiʼoota hedduudhaaf erga isaaf godhamee booda garuu, mucaan kun inni akka gooftaa manichaa taʼetti, warri isaa immoo tajaajiltoota isaaf hojjetan akka taʼanitti ilaaluu jalqaba; kun immoo wanta uumamaan jiru dha. Achii, mucaan kun yeroo baayʼee umuriin isaa waggaa lama yeroo taʼu aangoon isaa akka jalaa fudhatame kan hubatu siʼa taʼu, haala kana amanee fudhachuun itti ulfaata. Kana booda warri isaa ajaja isaa hin fudhatan; kanaa mannaa akka inni ajaja isaanii fudhatu irraa eegu. Kun immoo, wanta ijoollee naasisu dha! Yeroo kanatti, ijoolleen tokko tokko ni aaru. Kaan immoo, ajajamuu diduudhaan aangoo warra isaanii akka hin fudhanne argisiisu.

Haala rakkisaa kana keessatti, warri itti gaafatamummaa haaraa qabaachuu qabu; kunis wanta mucicha irraa eegamu ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe isaaf kennuudhaan aangoo isaaniitti fayyadamuu dha. Haa taʼu malee, akkuma fakkeenya jalqaba mata duree kanaa irratti ibsame, mucaan kun qajeelfama isaaf kenname fudhachuu yoo dide hoo?

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Qajeelfama kennaa. Mucaan keessan qajeelfama yeroo kennitan yoo arge malee akka isin isa bulchaa jirtan amanee hin fudhatu. Kanaafuu, aangoo akka qabdan karaa sirrii taʼeen itti argisiisuu qabdu. Waggoota kudhaniin lakkaaʼamanii asitti namoonni beektota jedhaman tokko tokko, jechi “aangoo” jedhu akka waan nama miidhutti akka ilaalamu godhaniiru. Isaan keessaa inni tokko, aangoon warraa, “sirrii kan hin taanee” fi “fudhatama kan hin qabne” akka taʼe dubbateera. Haa taʼu malee, ijoolleedhaaf wanta barbaadan hunda heyyamuun akka burjaajaʼan, amalli isaanii akka baduu fi akka of tuulan gochuu dandaʼa. Kana malees, nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akka taʼaniif isaan hin qopheessu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 29:15.

Sirreeffama kennaa. Hiikni jechootaa tokko sirreeffama kennuu akkana jedhee hiikeera: “Leenjii of toʼachuu fi ajajamuu barsiisu, yeroo baayʼee akka seeraatti kan kennamuu fi yoo hojii irra oolfamuu baate immoo adaba geessisu dha.” Adabni madaallii isaa kan eegee fi miidhaa kan hin geessisne taʼuu akka qabu beekamaa dha. Gama biraatiin immoo, mucichi sababii itti adabamaa jiru, akkasumas balleessaan inni raawwate maal akka irraan gaʼu beekuu qaba; kun immoo jijjiirama gochuuf akka kakaʼu godha.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 23:13.

Yaadni keessan ifa haa taʼu. Warri tokko tokko ijoolleen isaanii akka isaaniif ajajaman gaafatu. (“Kutaa kee akka qulqulleessitun barbaada—Tolee?”) Tarii kun karaa amala gaarii itti argisiisan akka taʼe itti dhagaʼama taʼa. Malli kun garuu, warri bitamtoota akka taʼan godha; akkasumas, ijoolleen buʼaa fi miidhaa ajaja isaaniif kennamee irratti yaaduudhaan hojii irra oolchuuf ykn dhiisuuf akka murteessan mirga isaaniif kenna. Aangoo keessan gad lakkisuu mannaa qajeelfama ifa taʼe isaanii kennaa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: 1 Qorontos 14:9.

Yaada keessan hin jijijjiirinaa. Hin taʼu erga jettanii booda yaada keessan hin jijjiirinaa; akkasumas, hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin ilaalcha tokko qabaadhaa. Adaba ajajamuu diduun geessisu, yoo murteessitan, murtoo keessan kana eegaa. Murtoo tokko kan gootan maaliif akka taʼe isaaf ibsuuf maree dhuma hin qabne keessa hin seeninaa. Mucaa keessaniifis taʼe isiniif gaarii kan taʼu, “wanti ‘Eeyyee’ jettan eeyyee, . . .  wanti ‘Waawuu’ jettanis waawuu” akka taʼu yoo gootani dha.—Yaaqoob 5:12.

Jaalaala qabaadhaa. Maatii tokko keessa sirni dimookraasiis taʼe, sirni abbaa irree jiraachuu hin qabu. Maatiin, ijoolleen namoota itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼanii karaa jaalala qabeessa taʼeen akka guddataniif qophii Waaqayyo godhe dha. Sirreeffama kennuun, mucaan keessan ajajamuu akka baratu, akkasumas jaalala keessan jalatti eegumsa akka argatu akka itti dhagaʼamu godha.

a Mata duree kana keessatti dhiiraan kan ibsine taʼus, seerri buʼuuraa as keessatti caqasame ijoollee durbaatiifis ni hojjeta.

CAQASOOTA IJOO TAʼAN

  • “Mucaan gad-dhiisiitti guddatu garuu, haadha isaa yeellaasisa.”—Fakkeenya 29:15.

  • “Mararfattee mucaa adabuu hin dhiisin.”—Fakkeenya 23:13.

  • “Waan hin hubatamne yoo dubbattan, namni attamitti waan isin jettan beekuu dandaʼa ree?”—1 Qorontos 14:9.

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf

Qajeelfamni Macaafa Qulqulluu warra akkamitti akka gargaaru caalaatti beekuuf Weeb saayitii keenya jw.org/am jedhamu ilaali. Amaariffaan, kutaa የመጽሐፍ ቅዱስ ትምህርቶች > ባለትዳሮች እና ወላጆች jedhu jala ilaali. Achi jalatti mata dureewwan kan akka armaan gadii argatta:

  • ““Ijoollee Adabuu””

  • ““Ijoolleen Yeroo Xiiqii Qabatan Maal Gochuutu Dandaʼama?””

  • ““Hin Taʼu Jechuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?””

  • ““Ijoollee Keessan Seera Amalaa Barsiisaa””

  • ““Mucaan Keessan Yommuu Sobu””

  • ““Ijoollee Umurii Waggoota Kurnanii Keessatti Argaman Adabuu Kan Dandeessan Akkamitti?””

Akkasumas, mata duree fuula jalqabaa barruu kanaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi