Sillaaseetti Amanuu Qabdaa?
Namoonni biliyoona lamaa ol ta’an Kiristiyaanota akka ta’an dubbatu. Isaan keessaa baay’eensaanii barumsa Sillaaseetti, jechuunis Abbaan, Ilmiifi hafuurri qulqulluun Waaqa tokko akka ta’an amanu. Barumsi Sillaasee fudhatama kan argate akkamitti? Barumsi kun Macaafa Qulqulluu wajjin walsimaa?
MACAAFNI QULQULLUUN barreeffamee kan xumurame, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ture. Barumsawwan Sillaaseedhaaf bu’uura ta’an garuu beekamummaa kan argatan Dh.K.B. walga’ii bara 325tti magaalaa Niiqiyaa ishee Asiyaa Xinnoo keessa turteefi yeroo ammaa biyya Turki, mandara Baha Haroo Iziniikitti argamtu keessattidha. Niiwu Kaatolik Insaaykilooppiidiyaan akka ibsetti, eenyummaa Waaqayyoofi Kiristos dabalatee ‘barumsa amantii saba Kristiyaanaarratti’ yeroo jalqabaatiif ibsi kan kenname Gumii Niiqiyaarrattidha. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun erga barreeffamee xumuramee jaarraa hedduu booda, Waaqayyoofi Kiristosirratti ibsa kennuun kan barbaachise maaliifi? Dhimma barbaachisaa ta’e kanarratti barumsi Macaafni Qulqulluun barsiisu ifa mitii?
YESUS WAAQA HUNDUMAA DANDA’UDHAA?
Yeroo Qosxanxinoos guutummaatti bulchaa Bulchiinsa Roomaa ta’etti, hariiroo Waaqayyoofi Yesus qaban ilaalchisee namoota Kiristiyaana ofiin jedhan gidduutti garaagarummaa guddaan uumamee ture. Yesus Waaqa hundumaa danda’udhaa? Moo Waaqayyotu isa uume? Qosxanxinoos rakkina uumame kana hiikuuf, geggeessitoota waldaa Niiqiyaatti walitti qabe. Kana kan godhe, waa’ee amantii dhugaa beekuu barbaadee utuu hin ta’in, amantiin bulchiinsasaa akka hin qoqqoodneef jedheeti.
“Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira; innis abbaa.”—1 Qorontos 8:6
Qosxanxinoos, phaaphaasonni tarii dhibbaan lakkaa’aman kun yaada tokkorra akka ga’an gaafatus yaannisaa milkaa’ina utuu hin argatin hafe. Achiis, namoonni walga’ii sanarratti argaman yaada ifa hin taaneefi Yesus Abbaa wajjin “tokko” (omoyusiyoos) akka ta’e ibsu akka fudhatan yaada dhiheesse. Falaasamni Giriikii Macaafa Qulqulluurra hin jirreefi barumsa Sillaaseetiif bu’uura ta’e kun, yeroo booda amantii saba Kiristiyaanaa keessatti barsiifamuu jalqabe. Dhuma jaarraa afuraffaatti, barumsi Sillaasee hafuura qulqulluu akka qaama waaqaa isa sadaffaatti fudhachuudhaan haala yeroo har’aa jiruun beekamuu jalqabe.
DHIMMI KUN SI YAADDESSUU KAN QABU MAALIIFI?
Yesus, “warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf [akka] sagadan” dubbateera. (Yohannis 4:23) Dhugaan kun Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameera. (Yohannis 17:17) Macaafni Qulqulluun, Abbaa, Ilmiifi hafuurri qulqulluun sadansaanii Waaqa tokko akka ta’an barsiisaa?
Tokkoffaa, jechi “Sillaasee” jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti hin argamu. Lammaffaa, Yesus Waaqayyoo wajjin qixxee akka ta’e dubbatee hin beeku. Kanaa mannaa, Yesus Waaqayyoon waaqeffateera. (Luqaas 22:41-44) Ragaan inni sadaffaanimmoo, hariiroo Yesus duuka buutotasaa wajjin qabu kan ilaallatudha. Yesus qaama hafuuraa ta’ee erga du’aa kaafamee boodallee, duuka buutotasaa “Obboloota koo” jedhee waameera. (Maatewos 28:10) Duuka buutonnisaa obbolaa Waaqa Hundumaa Danda’uu turanii? Akkas akka hin taane beekamaadha! Haata’u malee, Ilma Waaqayyoo isa tokkicha kan ta’e Kiristositti waan amananiif, isaanis ijoollee Abbaa isa tokkichaa ta’uu danda’aniiru. (Galaatiyaa 3:26) Mee murtoo Gumiin Niiqiyaa dabarse caqasoota armaan gadii wajjin walbira qabii ilaali.
Murtoon Gumiin Niiqiyaa dabarse maal jedha?
“Yesus Kiristos isa tokkicha ilma Waaqayyoo ta’etti . . . ni amanna . . . inni amala Abbaati, Waaqa Waaqa caalu, Ifa Ifa caalu, Waaqa Waaqotaati.”
Macaafni Qulqulluun maal jedha?
“Abbaan na [Yesusiin] caala.”—Yohannis 14:28.
“Ani [Yesus] gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba’a.”—Yohannis 20:17.
“Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira; innis abbaa.”—1 Qorontos 8:6.
“Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta’u!”—1 Phexros 1:3.
“Ergaa kana isa karaa isaa [Yesus] wanti hundinuu “Ameen” jedhamu, . . . isa wanti Waaqayyo uume hundinuu biraa ka’e [“jalqaba uumaa Waaqayyoo,” hiika bara 1899] sanatu erge.”—Mul’ata 3:14.a
a Kitaabni Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaruufi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu matadureewwan, “Waaqayyoon Ilaalchisee Barumsi Sirrii Ta’e Isa Kami?” akkasumas “Yesus Kiristos Eenyu?” jedhan qaba. Kitaaba kana Dhugaa Baatota Yihowaarraa argachuu ykn Weeb www.jw.org jedhamurraa dubbisuu dandeessa.