MATADUREE FUULA JALQABAA | MAALIIFAN JIRAADHAA?
1 Haalawwan Waan Jijjiiramaniif
“Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii hin kutannu.”—2 QORONTOS 4:8.
Of ajjeesuun yeroo baayʼee “furmaata yeroo dheeraa rakkina yeroo gabaabaadhaaf kennamu” jedhama. Wanta taʼuu hin dandeenye sitti fakkaatus, rakkina humnakeetii ol akka taʼe sitti dhagaʼmu dabalatee, rakkinni si dhiphisu kamiyyuu yeroo gabaabaadhaaf qofa kan turu taʼuu dandaʼa. Utuu ati hin yaadin, haalli ati keessa jirtu gara gaariitti jijjiiramuu dandaʼa.—Saanduqa “Haallisaanii Jijjiirameera” jedhu ilaali.
Haalli keessa jirtu jijjiiramuu baatullee, rakkina tokkoof furmaata kennuuf wanta harʼa gochuu dandeessu qofa godhi. Yesus, “Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaaddaʼatao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in gaʼa” jedheera.—Maatewos 6:34.
Haalli keessa jirtu kan jijjiiramuu hin dandeenye yoo taʼehoo? Fakkeenyaaf, dhukkuba fayyuu hin dandeenyeen qabamteetta haa jennu. Yookiin wanti akka dhiphattu si godhe wanta jijjiiramuu hin dandeenye, jechuunis kan akka hiriyaa gaaʼelaa wajjin wal hiikuu ykn nama jaallattu duʼaan dhabuu yoo taʼehoo?
Yeroo akkasiittis wanti ati jijjiiruu dandeessu jira: Ilaalcha haala keessa jirtuuf qabdu jijjiiruu ni dandeessa. Wanta jijjiiruu hin dandeenye amantee yoo fudhatte, yeroo baayʼee wanta si mudatuuf ilaalcha sirrii qabaachuu ni dandeessa. (Fakkeenya 15:15) Akkas yoo goote, rakkina keessaa baʼuuf of ajjeesuu akka furmaataatti ilaaluu mannaa, karaa itti rakkina sana moʼuu itti dandeessu barbaadda. Kun faayidaansaa maali? Haala toʼannaakeetii ol fakkaatu tokko toʼachuuf si dandeessisa.—Iyoob 2:10.
KANA YAADADHU: Siʼa tokko tarkaanfachuudhaan gaara baʼuu hin dandeessu; haataʼu malee yeroo yerootti tarkaanfii tokko tarkaanfachuudhaan gaara sana baʼuu ni dandeessa. Haaluma walfakkaatuun, rakkinni si mudatu hamma gaaraa kan gaʼu taʼullee, suutuma suuta tarkaanfii fudhachuudhaan moʼuu ni dandeessa.
WANTA HARʼA GOCHUU DANDEESSU: Haala keessa jirtu nama tokkotti, tarii michuukee ykn miseensa maatiikee tokkotti himuu ni dandeessa. Namni sun haala keessa jirtuuf ilaalcha madaalamaa akka qabaattu si gargaaruu ni dandaʼa taʼa.—Fakkeenya 11:14.