LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 7/14 ful. 4
  • Maaliifan Jiraadha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maaliifan Jiraadha?
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maaliifan Qaama Koo Mura?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • “Namni Qajeelaan Waaqayyotti in Gammada”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dammaqaa!—2014
g 7/14 ful. 4
Nama abdii kutatee waaʼee of ajjeesuu yaadaa jiru

MATADUREE FUULA JALQABAA

Maaliifan Jiraadha?

SHAMARREE Diyaanaaa jedhamtu tokkoo wajjin utuu wal bartee shamarree hubannaa gaarii qabdu, nama jaallattuufi namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabdu akka taate hubatta. Diyaanaan bakkeedhaa yeroo ilaalan nama gammachuu qabdu fakkaattus, guyyoota, torban ykn jiʼoota hedduudhaafillee gatii akka hin qabne yeroon isheetti dhagaʼamu jira. Shamarreen kun, “Guyyaa tokkollee waaʼee duʼuu utuun hin yaadin oolee hin beeku. Utuun ani jiraachuu baadhee addunyaan kun iddoo gaarii akka taatu natti dhagaʼama” jetteetti.

“Qorannaan tokko tokko akka argisiisutti, namoota of ajjeesuuf yaalan 200fi namoota waaʼee of ajjeesuu yaadan 400 keessaa kan of ajjeesu nama tokkodha.”—ZA GAZEET, MOONTIRIYAAL, KAANAADAA.

Diyaanaan matumaa akka of hin ajjeesne dubbatti. Taʼuyyuu lubbuudhaan jiraachuuf sababii tokkoyyuu akka hin qabne isheetti dhagaʼama. “Hawwiinkoo inni guddaan balaadhaan duʼuudha. Duʼa, akka diinaatti utuu hin taʼin akka michuutti ilaaluu jalqabeera” jetteetti.

Namoonni baayʼeen akkuma Diyaanaa kan isaanitti dhagaʼamu siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko waaʼee of ajjeesuu yaadaniiru ykn of ajjeesuuf yaalaniiru. Hayyoonni, namoota of ajjeesuuf yaalan keessaa hedduun, duʼuu barbaadanii utuu hin taʼin rakkinasaaniirraa obbaafachuu waan barbaadaniif akka taʼe dubbatu. Namoonni kun duʼuuf sababa quubsaa akka qaban, jiraachuuf garuu sababa akka hin qabne itti dhagaʼama.

Maaliifan jiraadha? Sababa itti jiraachuu qabdu sadii haa ilaallu.

ILAALCHA DOGOGGORAA: Waaʼee of ajjeesuu haasaʼuun ykn jechumasaattillee fayyadamuun namoonni of ajjeesuuf akka yaalan godha.

DHUGAA JIRU: Waaʼee mataduree kanaa ifatti mariʼachuun, namni waaʼee of ajjeesuu yaadu filannaa kan biraarratti akka yaadu isa gargaara.

a Maqaan jijjiirameera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi