LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 19
  • Maaliifan Qaama Koo Mura?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maaliifan Qaama Koo Mura?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qaama ofii muruu yeroo jedhamu maal jechuu dha?
  • Namoonni kan of muran maaliifi?
  • Rakkina akkasii qabda taanaan, akkamitti dhaabuu dandeessa?
  • Maaliifan Jiraadha?
    Dammaqaa!—2014
  • Dhibee Fayyaa Akkan Qabu Yoon Beeke Maalan Godha? (Kutaa 3)
    Gaaffii Dargaggootaa
  • “Namni Qajeelaan Waaqayyotti in Gammada”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Miira Koo Toʼachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 19

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Maaliifan Qaama Koo Mura?

  • Qaama ofii muruu yeroo jedhamu maal jechuu dha?

  • Namoonni kan of muran maaliifi?

  • Rakkina akkasii qabda taanaan, akkamitti dhaabuu dandeessa?

  • Gaafannoo

  • Gaaffiiwwan irratti xiinxaltu

  • Yaadannoo Caqasoota itti barreeffadhu

Qaama ofii muruu yeroo jedhamu maal jechuu dha?

Of muruun barsiifata meeshaa qara qabuun qaama ofii miidhuu argisiisa. Kun karaa namoonni ittiin of miidhan keessaa tokko qofa dha. Barsiifatawwan kaan immoo of gubuu fi of rukutuu dabalatu. Mata dureen kun of muruu irratti xiyyeeffata, taʼus, seerri buʼuuraa as irratti ibsamu bifawwan of miidhuu hundaaf ni hojjeta.

Beekumsa kee qori: Dhugaa ykn Soba.

  1. Kan of muran shamarran qofa dha.

  2. Of muruun ajaja Kitaaba Qulqulluu Lewwoota 19:28 irratti, “dhagna keessan hin murmurinaa!” jedhu cabsuu dha.

Deebii sirrii:

  1. Soba. Rakkinni kun shamarran irratti balʼinaan kan mulʼatu fakkaatu illee, dhiironni tokko tokkos of muru akkasumas gochawwan ittiin of miidhan kan biroo ni raawwatu.

  2. Soba. Lewwoonni 19:28, sirna bara durii amantii sobaa keessatti raawwatamu argisiisa malee, barsiifata of miidhuu mata duree kana keessatti mariʼannu kana miti. Taʼus, Uumaan keenya inni jaalala qabu akka nuti of miinu hin barbaadu jedhanii yaaduun sirriidha.—1 Qorontos 6:12; 2 Qorontos 7:1; 1 Yohaannis 4:8.

Namoonni kan of muran maaliifi?

Beekumsa kee qori: Yaada isa kamtu caalaatti sirrii sitti fakkaata?

Namoonni kan of muran . . .

  1. dhiphina miiraa cimaa taʼee wajjin qabsoo gochaa waan jiraniifi.

  2. of ajjeesuuf yaalii gochaa waan jiraniifi.

Deebii sirrii: A. Namoonni of muran baayʼeen isaanii duʼuu hin barbaadan. Dhiphina miiraa isaanitti dhagaʼamu irraa boqonnaa argachuu qofa barbaadu.

Barsiifata of muruu isaanii ilaalchisee wanta dargaggoonni tokko tokko dubbatan ilaali.

Seeliyaa: “Akkas gochuun boqonnaa naaf argamsiisa.”

Taamaaraa: “Karaan itti dhiphina koo keessaa baʼu natti fakkaata. Dhiphina miiraa irra dhukkuba qaamaa wayya.”

Kaarii: “Gadda baayʼeen jibba. Of muruun gadda koo dhiisee, dhukkuba qaamaa koo irratti akkan xiyyeeffadhu na godha.”

Jeeriin: “Yeroon of muru hundatti, wanta naannoo koo jiruuf xiyyeeffannaa waanan hin kennineef, rakkina koo wajjin hin qabsaaʼu. Jijjiirama sana nan jaalladha.”

Rakkina akkasii qabda taanaan, akkamitti dhaabuu dandeessa?

Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun barsiifata kana moʼuuf tarkaanfii barbaachisaa dha. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

Yaada: Tarii, kadhannaa gabaabaa kan akka “gargaarsan barbaada” jedhu Yihowaatti himuudhaan jalqabuu dandeessa. Yeroo booda, wanta garaa kee keessa jiru hunda baastee miira kee, ‘Waaqa jajjabina hundaatti’ himuu dandeessa.—2 Qorontos 1:3, 4.

Kadhannaan miirri gaariin akka sitti dhagaʼamuuf qofa kan dhihaatu miti. Karaa Abbaa keenya isa samii wajjin dhugumaan walitti dubbannu dha; inni, ‘ani sin gargaara; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba’ jechuudhaan abdii kenneera.—Isaayaas 41:10.

Namoonni barsiifata of muruu wajjin qabsoo godhan hedduun warra isaanii ykn nama gaʼeessa amananitti himuudhaan jajjabina argataniiru. Mee yaada armaan gadii dargaggoonni akkas godhan sadan kennan haa ilaallu.

Gaafannoo

  • Diyaanaa, 21

  • Kaatii, 15

  • Loorenaa, 17

Yommuu of muruu jalqabde umuriin kee meeqa ture?

Loorenaa: Ani gara waggaa 14ttan jalqabe.

Diyaanaa: Yommuun waggaa 18 taʼutti darbee darbee of muruun jalqabe. Torban tokkoof ykn lamaaf guyyaa guyyaadhaan of nan mura; achiis jiʼa tokkoof matumaa of hin muru.

Kaatii: Ani waggaa 14ttan jalqabe. Amma iyyuu darbee darbee natti kaʼa.

Of miidhuu kan barbaaddu maaliifi?

Kaatii: Miira of jibbuu wajjinan qabsoo godha. Namni kam iyyuu michuu na godhachuu akka hin barbaanne natti dhagaʼama.

Diyaanaa: Yeroo tokko tokko gaddi koo gara abdii kutachuutti, kan jijjiiramu siʼa taʼu, abdii kutachuun koo immoo itti caalaa deema. Abdii kutachuun kun hanga jireenya koo toʼatutti itti fufa. Bineensi guddaan tokko akka na keessa jiruu fi bineensa kana baasuuf of muruu akkan qabu natti dhagaʼama.

Loorenaa: Nan dhiphadha ykn nan aara ykn of nan jibba. Akkan xuraaʼe waan natti dhagaʼamuuf, miira gadhee na dhiphisu hunda of irraa balleessuun barbaada. Siʼa tokko tokko dhukkubbiin qaamaa akka naaf malu natti dhagaʼama.

Of miidhuun kee miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu godhaa?

Diyaanaa: Eeyyee. Akkuma waan baʼaan na irraa fuudhametti sana booda natti salphata.

Kaatii: Karaan booʼicha koo itti ibsu akka taʼe natti dhagaʼama. Akkuma namoonni tokko tokko erga booʼanii booda miirri gaariin itti dhagaʼamu, anis ergan of muree booda miirri gaariin natti dhagaʼama.

Loorenaa: Miirri dogoggoraa keessa koo jiru akkuma afuuffaa bokokee akka taʼe natti dhagaʼama. Of miidhuun koo afuuffaa kanatti qaawwa xinnoo baasuuf na gargaara. Qaawwichi qilleensa achi keessa jiru takkaatti hin dhoosu; kanaa mannaa, miira dogoggoraa sana hunda suuta jedhee baasa.

Wanta goote nama kamitti iyyuu himuu sodaatee turtee?

Loorenaa: Eeyyee. Namoonni amala gaarii akkan hin qabne godhanii yaadu jedheen sodaadha. Akkasumas warri kaan waaʼee dhimma dhuunfaa kootti akka beekan hin barbaadu.

Diyaanaa: Namoonni cimtuu akkan taʼetti akka yaadan natti himu; anis akkasumatti yaaduu isaanii akka itti fufan nan barbaada. Gargaarsa gaafachuun moʼamuu akka taʼe natti dhagaʼama.

Kaatii: Caalaatti miirri gaariin akka natti hin dhagaʼame waan taasisuuf, namoonni miira tasgabbaaʼaa akkan hin qabne yaadu jedheen sodaadha. Kana malees, wanti ani of irratti raawwachaa jiru akka naaf malu natti dhagaʼama.

Of muruu akka dhaabdu maaltu si gargaare?

Loorenaa: Wantan gochaa ture haadha kootti nan hime. Doktara miira dogoggoraa koo akkan toʼadhu na gargaare irraas gargaarsa argadheera. Yeroo muraasaaf kanan itti deebiʼe taʼus, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa taʼe qabaachuu irratti fooyyaʼiinsa gochuun koo na gargaareera. Tajaajila irrattis yeroo hundumaa nan hirmaadha. Tarii darbee darbee miira gatii akkan hin qabne natti dhagaʼamu wajjin qabsoo gochuun na barbaachisa taʼa, taʼus, yommuu na mudatu akka na hin toʼanne gochuuf nan yaala.

Kaatii: Obboleettiin waggaa kudhan naa hangaftu tokko, rakkinni na mudate tokko akka jiru natti himte, anis iccitii koo ishiitti nan hime. Kan nama dinqisiisu, ishiinis yeroo taʼe tokkotti of murti turte. Ishiinis haala akkasii keessa waan darbiteef, ishiitti himuun na hin qaanessine. Doktara anis taʼe maatiin koo haala ani keessa jiru akka hubatan na gargaarte tokko irraas gargaarsa argadheera.

Diyaanaa: Galgala tokko mana hiriyoota gaaʼelaa ani amanu tokkoo dhaqeen ture; abbaan manaa sunis rakkina tokko akkan qabu hubatee ture. Achiis gaarummaadhaan wanta na mudate akkan dubbadhu na jajjabeesse. Haati manaa isaa akkuma haati koo yommuun mucaa ture gootutti, natti maramtee na hammatte. Anis booʼuu kanan jalqabe siʼa taʼu, ishiinis ni boosse. Wantan of irratti raawwachaa ture isaanitti himuun ulfaataa taʼus, isaanitti himuun koo na gammachiiseera.

Kitaabni Qulqulluun akkamitti si gargaare?

Diyaanaa: Kitaabni Qulqulluun barsiifata kana ofuma kootiin moʼuu akkan hin dandeenye akkan hubadhu na gargaareera. Gargaarsi Yihowaa na barbaachisa ture.—Fakkeenya 3:5, 6.

Kaatii: Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi ergaan isaa Waaqayyo biraa akka dhufe beekuun jajjabina guddaa naaf argamsiisa!—2 Ximotewos 3:16.

Loorenaa: Caqasoota na tuqan yommuun argadhu, booda akkan irratti xiinxaluuf yaadannoo koo irrattan barreeffadha.—1 Ximotewos 4:15.

Caqasni addaa si tuqe jiraa?

Diyaanaa: Fakkeenyi 18:1 akkas jedha: “Namni warra kaan irraa adda of baasu kam iyyuu fedhii ofittummaa isaa hordofa; Ogummaa hundumaas ni tuffata, NW.” Siʼa tokko tokko bakka namoonni jiranitti argamuun natti ulfaata, taʼus, caqasni kun namoota irraa adda of baasuun balaa akka qabu na hubachiiseera.

Kaatii: Caqasoonni ani jaalladhu, Maatewos 10:29 fi 31 siʼa taʼan, bakka kanatti Yesuus dimbiixonni illee utuu Waaqayyo hin beekin akka hin duune dubbateera. Itti dabalees akkas jedheera: “Egaa hin sodaatinaa; isin dimbiixota hedduu caalaa gatii guddaa qabdu” jedheera. Amma iyyuu jechoota kana dubbisuun koo Yihowaa biratti iddoo guddaa akkan qabu na yaadachiisa.

Loorenaa: Yaada Yihowaan Isaayaas 41: 9,10 irratti saba isaatiin, ‘ani si hin tuffanne. Ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani sin jabeessa’ jedhee dubbate baayʼeen jaalladha. Wanta jabaa tokko yommuun yaadu, wanta cabuu hin dandeenye, jechuunis ijaarsa girgiddaa dhagaa qabu tokkotu gara sammuu kootti dhufa. Yihowaan akka na jaallatuu fi yeroo hunda na cinaa akka jiru akkan beeku waan taasiseef, caqasni kun humna naaf kenneera.

Gaaffiiwwan irratti xiinxaltu

  • Gargaarsa yommuu barbaaddu, eenyuun gaafachuu dandeessa?

  • Waaʼee dhimma sanaa Yihowaatti maal jettee kadhannaa dhiheessuu dandeessa?

  • Dhiphinaa fi yaaddoo kee salphisuuf mala (of miidhuu hin dabalanne) si gargaaran lama ibsuu dandeessaa?

Yaadannoon Caqasoota itti barreeffadhu

Yaada: Kitaaba Qulqulluu irraa yaada jaalala Yihowaan siif qabu ykn ofii keetii fi hirʼina keetiif ilaalcha sirrii qabaachuuf si gargaaru yommuu argattu, yaadannoo kee irratti barreeffadhu. Yaadni sun kan si fayyadu maaliif akka taʼe hima ibsu tokko ykn lama biratti barreessi. Jalqabuuf akka si gargaaruuf, caqasoota armaan gadii Diyaanaa, Kaatii fi Loorenaa gargaaran kana ilaali.

  • Roomaa 8:38, 39

    “Caqasoonni kun yeroo ani wantoonni fooyyaʼuu akka hin dandeenye natti dhagaʼamu illee Yihowaan akka na jaallatu na hubachiisu.”—Diyaanaa.

  • Faarfannaa 73:23

    “Caqasoonni kophaa koo akkan hin taane naaf mirkaneessu. Yihowaan akkuma waan na bira jiruutti natti dhagaʼama.”—Kaatii

  • 1 Pheexiros 5:10

    “Yeruma sana boqonnaa hin argannu taʼa; ‘yeroo muraasaaf’ rakkachuu dandeenya. Dhuma irratti garuu, Yihowaan wanta kam iyyuu dandamachuuf cimina akka qabaannu nu taasisuu dandaʼa.”—Loorenaa.

Caqasoota gargaaruu dandaʼan dabalataa

  • Faarfannaa 34:18

  • Faarfannaa 54:4

  • Faarfannaa 55:22

  • Isaayaas 57:15

  • Maatewos 11:28, 29

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi