BOQONNAA 26
Miira koo Toʼachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
IBIDDI faayidaa kan qabumoo miidhaa kan geessisu sitti fakkaata? ‘Kun haala isaarratti hundaaʼa’ jettee akka deebistu hin shakkisiisu. Ganna keessa galgala yeroo qorrutti ibidda bobeessuun keenya hoʼa nuuf argamsiisa. Kunimmoo faayidaa qaba. Haa taʼu malee, ibiddicha hin toʼannu taanaan yeruma sana guutummaa manichaa barbadeessuu dandaʼa. Kunimmoo miidhaa geessisa.
Miira sitti dhagaʼamu wajjin haala wal qabateenis akkasuma. Miira sitti dhagaʼamu kan toʼattu taanaan faayidaa qaba; warra kaan wajjin michummaa cimaa horachuuf si gargaara. Miira kee hin toʼattu taanaan garuu sirratti qofa utuu hin taʼin, namoota naannoo kee jiran irrattis miidhaa geessisuu dandaʼa.
Umurii saal-lammeessoo keessa yeroo jirtu kanatti, darbee darbee aarii ykn gadda sitti dhagaʼamu toʼachuun si rakkisa taʼa. Miira akkasii toʼachuu kan dandeessu akkamitti? Mee tokko tokkoon haa ilaallu.
Aarii Toʼachuu
Yeroo jalʼinni sirratti raawwatamu miira sitti dhagaʼamu toʼachuun salphaa miti. Namoonni haalli akkasii isaan mudate tokko tokko of toʼachuun isaanitti ulfaatee ture. Kitaabni Qulqulluun waaʼee “nama dafee [aaruu]” fi waaʼee “nama dheekkamsa jaallatuu” ni dubbata. (Fakkeenya 22:24; 29:22) Kun wanta salphaa miti. Aarii kee toʼachuu dhiisuun kee wanta booda itti gaabbitu raawwachuutti si geessuu dandaʼa. Maarree, yeroo jalʼinni sirratti raawwatamu miira kee toʼachuu kan dandeessu akkamitti?
Jalqaba, haala isaa haqaan gamaaggami; achiis dhimmicha garaa keetti yaaddee dhiisuuf yaali.a (Faarfannaa 4:4) “Hamaa hamaadhaan” deebisuun haalli isaa akka hammaatu akka godhu yaadadhu. (1 Tasalonqee 5:15) Dhimmicharratti erga yaaddee fi dhimmicha ilaalchisee kadhannaa erga dhiheessitee booda, aarii kee dhiisuu akka dandeesse hubatta taʼa. Sana booda dhiibbaa miirri kee sirratti godhu hirʼisuu dandeessa.—Faarfannaa 37:8.
Garuu ammayyuu miirri kee akkuma miidhametti jira yoo taʼehoo? Kitaabni Qulqulluun, “Calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedha. (Lallaba 3:7) Nama si miidhe sana haasofsiisuu dandeessaa? Akkas gochuun kee gaarii miti taanaan, wanta sitti dhagaʼamu warra keetti ykn nama bilchina qabu kan biraatti himuu dandeessa. Namni tokko taʼe jedhee si aarsuuf kan yaalu yoo taʼe, gaarummaa isatti argisiisuuf carraaqqii addaa godhi. Chaartiin fuula 221 irratti argamu haalawwan hanga ammaatti utuu itti hin yaadin deebii kennite ilaalchisee deebii dabalataa kennuu dandeessurratti yaaduuf si gargaara.
Yihowaan nama si miidhe sanarratti haaloo akka hin qabanne akka si gargaaru kadhadhu. Kana yaadadhu: Wanta uumame jijjiiruu kan hin dandeenye taʼus, deebii kennitu garuu jijjiiruu ni dandeessa. Haaloo yoo qabatte akkuma qurxummii manxaqqoodhaan qabamtee taata. Wanta yaadduu fi miira kee namni biraan akka toʼatu heyyamteetta jechuudha. Garuu wanta yaadduu fi miira kee toʼachuu kan qabu suma mitii?—Roomaa 12:19.
Gadda Dandamachuu
Shamarreen waggaa 16 Looraa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo dhihoodhaa asitti miirri koo baayʼee jijijjiirama, akkasumas garmaleen of ceephaʼa. Jireenya kootti hin gammadu. Utuman booʼuun rafa.” Dargaggoonni hedduun akkuma Looraa dhiphinni jireenya isaanii keessatti isaan mudatu humnaa ol akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Wanti warri kee, hiriyoonni kee fi barsiisonni kee sirraa eegan, jijjiiramni qaamaa fi miiraa umurii saal-lammeessoorratti si mudatu ykn miirri abdii kutannaa dogoggora xinnoo raawwatteen kan kaʼe sitti dhagaʼamu gatii akka hin qabnetti akka yaaddu godheera taʼa.
Dargaggoonni tokko tokko dhiphina isaanitti dhagaʼamurraa obbaafachuuf qaama isaanirratti miidhaa geessisu.b Atis barsiifata akkasii qabda taanaan sababii isaa hubachuuf yaali. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee namoonni kan of miidhan dhiphina taʼe tokko wajjin yeroo waldhaansoo godhanittidha. Haalli tarii maatii ykn hiriyoota kee wajjin wal qabatuu fi si dhiphisu jiraa laata?
Karaa gaariin miira akkasii dandamachuuf si gargaaru tokko warra kee ykn miseensa gumii bilchina qabuu fi “obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate” siif taʼuu dandaʼu haasofsiisuudha. (Fakkeenya 17:17) Shamarreen waggaa 16 Liliyaanaa jedhamtu miira ishiitti dhagaʼamu obboleettota bilchina qaban muraasatti himtee turte. “Umuriidhaan waan na caalaniif, gorsa gaarii naaf kennaniiru. Hiriyoota koo taʼaniiru” jetteetti.c Shamarreen waggaa 15 Daanaa jedhamtu tajaajilarratti caalaatti hirmaachuun ishii boqonnaa akka ishiidhaaf argamsiise dubbatteetti. “Hojii kanarra caalu hojjechuu hin dandaʼu. Yoomiyyuu caalaa tajaajilarratti yeroon hirmaadhun gammada!” jetteetti.
Hunda caalaammoo, yeroo gaddii fi dhiphinni sitti dhagaʼamu kadhachuu hin dagatin. Daawit faarfatichi inni rakkina hedduu dabarse, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 55:22) Yihowaan dhiphina sitti dhagaʼamaa jiru ni arga. Kana malees, ‘inni siif yaada.’ (1 Pheexiros 5:7) Garaan kee kan si ceephaʼu yoo taʼe, ‘Waaqayyo garaa kee irra akka caalu, wanta hundumaas akka beeku’ yaadadhu. (1 Yohaannis 3:20) Dhiphachaa kan jirtu maaliif akka taʼe si caalaa ni hubata; miira baʼaa sitti taʼerraas boqonnaa siif argamsiisuu dandaʼa.
Gaddi sitti dhagaʼamu yoo itti fufe, tarii rakkina fayyaa kan akka dhiphina sammuu wajjin wal qabachuu dandaʼa.d Akkas taanaan gargaarsa yaalii fayyaa argachuun kee gaariidha. Haala akkasii calluma jedhanii bira darbuun sagaleen motorri konkolaataa rakkina qabaachuu isaa argisiisu akka hin dhagaʼamne gochuuf sagalee raadiyoo konkolaataa dabaluu wajjin tokkodha. Yeroo akkasiitti rakkinichaaf furmaata kennuun gaariidha. Dhugaa dubbachuuf, haala keetti sababa itti qaanoftu hin qabdu. Dargaggoonni dhiphina sammuu fi rakkina miiraa akkasiitiin dararamaa turan hedduun gargaarsa yaalii fayyaa waan argataniif dhiphina isaaniirraa bayyanachuu dandaʼaniiru.
Miirri sitti dhagaʼamu akkuma ibiddaa akka taʼe yaadadhu. Miira kee yoo toʼatte faayidaa argamsiisa, yoo toʼachuu baatte garuu miidhaa geessisa. Miira kee toʼachuuf wanta dandeessu hunda godhi. Darbee darbee wanta booda itti gaabbitu dubbachuu ykn gochuun kee hin oolu. Garuu obsa qabaadhu. Yeroo booda, miirri kee akka si hin toʼanneef ati miira kee toʼachuu barachuun kee hin oolu.
Dogoggora tokkollee akka hin raawwanne ofirraa eegdaa? Taanaan, miira kee kana dandamachuu kan dandeessu akkamitti?
[Miiljaleewwan]
a Ijoolleen abbaa humnaa taʼan miidhaa sirraan gaʼaa jiru taanaan, gorsa haala isaa dandamachuuf si gargaaru argachuuf Boqonnaa 14ffaa kitaaba kanaa ilaali. Hiriyaan kee tokko si aarseera taanaanimmoo, yaanni Boqonnaa 10ffaarratti argamu si gargaaruu dandaʼa.
b Namoonni qaama isaaniirratti miidhaa geessisan gogaa isaanii muruudhaan, gubuudhaan, dirmammeessuudhaan ykn luqqisuudhaan akkas godhu.
c Fuulaa fuulatti haasaʼuu hin dandeessu taanaan, xalayaa barreessuuf ykn bilbilaan haasaʼuuf yaali. Yeroo baayʼee tarkaanfiin dhiphina keerraa boqonnaa siif argamsiisu inni jalqabaa nama amantu tokko haasofsiisuudha.
d Dhiphina sammuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Jildii 1ffaarraa boqonnaa 13 ilaali.
CAQASA IJOO
“Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi malee, hamaadhaan hin moʼamin.”—Roomaa 12:21.
GORSA GAARII
Guyyaa guyyaadhaan wanta xinnoo yoo taʼellee, wanta gaarii si mudate warra keetti himi. Akkas gochuun kee yeroo rakkinni si mudatu isaan haasofsiisuun akka sitti salphatu godha. Isaanis si dhaggeeffachuun isaanitti salphata.
KANA BEEKTAA?
Qaamni kee boqonnaa gaʼaa fi nyaata madaalamaa yeroo dhabu miira kee toʼachuun caalaatti si rakkisuu dandaʼa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Miirri dogoggoraa toʼachuun caalaatti natti ulfaatu ․․․․․
Miira dogoggoraa kana toʼachuuf akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Aariin toʼannaadhaa ala taʼe Waaqayyoon kan gaddisiisu maaliifi?
● Aarii kee toʼachuu dhiisuun kee kan si miidhu karaawwan kamiini?
● Karaawwan gadda sitti dhagaʼamu dandamachuuf si gargaaran tokko tokko maalfaʼi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 223rra jiru]
“Wanti baayʼee barbaachisaa taʼe namni naaf yaaduu fi yeroon dhiphadhu haasofsiisuu dandaʼu akka jiru beekuu kooti.”—Jeniifar
[Chaartii/Fakkii fuula 221rra jiru]
Gilgaala
Aarii Kee Toʼadhu
Chaartii kana guuti
Haala
Mucaan daree kootii natti qoosa
Tarkaanfii yeruma sana fudhattu
Deebisee isa arrabsuu
Deebii gaarii
Calluma jedhee bira darbuudhaan, akka na hin aarsine isatti argisiisuu
Haala
Obboleettiin koo utuu na hin heyyamsiisin kophee koo fudhatte
Tarkaanfii yeruma sana fudhattu
Utuun ishii hin heyyamsiisin wanta kan ishii taʼe fudhachuu
Deebii gaarii
․․․․․
Haala
Warri koo bilisummaa koo akka daangessan natti himan
Tarkaanfii yeruma sana fudhattu
․․․․․
Deebii gaarii
․․․․․
[Fakkii fuula 220rra jiru]
Namni haaloo qabatu akkuma qurxummii manxaqqoodhaan qabamteeti—lamaan isaaniiyyuu kan toʼatu nama biraadha