LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 7/14 ful. 3
  • Addunyaa Mararraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaa Mararraa
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yunaayitid Isteetis
  • Addunyaa
  • Odoola Miidweey
  • Afriikaa Kibbaa
  • Akkaataa Allaattiin Wandariingi Albaatroos Humna Qusachuudhaan Itti Balali’u
    Dammaqaa!—2013
Dammaqaa!—2014
g 7/14 ful. 3

ADDUNYAA MARARRAA

Yunaayitid Isteetis

Ibsaa tiraafikaa daandii magaalaarra jiruufi sochiin tiraafikaa akka hin dhaabanne gochuuf sirreeffame

Magaalaa Loos Anjalas, Kaalifoorniyaatti, ibsaan tiraafikaa 4,500 taʼuufi naannoo kiilomeetira iskuweerii 1,215 balʼatu keessatti argamu, sochiin tiraafikaa akka hin dhaabanne haala godhuun sirreeffameera. Gaazexaan Za Niiwu Yoork Taayims jedhamu, Loos Anjalas ‘mala kanatti fayyadamuudhaan magaalaa guddoo ishee jalqabaa akka taate’ ibseera.

Addunyaa

Qorannaan fayyaa addunyaa, bara 1990 hanga 2010 gidduutti lakkoofsi namoota garmalee furdatanii parsantii 82n guddachuusaa argisiisa. Nyaata gaʼaa argachuu dhiisuun biyyoota hedduutti rakkina taʼullee, lakkoofsi namoota garmalee furdachuudhaan duʼanii lakkoofsa namoota nyaata madaalamaa dhabuudhaan duʼaniirra dachaa sadiin caala. Qorattoota kana keessaa tokko kan taʼe Maajiid Ezaatiin akkas jedheera: “Addunyaa waggoota 20 dura tureefi namoonni nyaata gaʼaa itti hin argannerraa, gara addunyaa biyyoota guddachaa jiran keessattille nyaanni hedduufi fayyaadhaaf gaarii hin taane guutetti ceeneerra; kunis dhukkubaaf nu saaxilaa jira.”

Odoola Miidweey

Leeyisan Albaatroos

Simbirri Leeyisan Albaatroos jedhamtuufi “simbira daggalaa umrii dheeraa qabdu” akka taate gabaafamte, cuucii kan biraa yaasteetti. Umriin simbira haadhoo kanaa meeqadha? Yeroo jalqabaatiif mallattoon kan isheetti godhame bara 1956 yeroo umriinshee yoo xinnaate waggaa shan turetti siʼa taʼu, amma umriinshee waggaa 60 ol taʼeera. Simbirri Albaatroos jedhamtu kun umriishee guutuu kiilomeetira miliyoona 3 hanga 4 kan balaliite siʼa taʼu, kunimmoo adeemsa lafarraa gara addeessaatti dhaqaa gala godhamu afurii hanga jaʼaa wajjin kan wal qixxaatudha.

Afriikaa Kibbaa

Dubartiin Afriikaa Kibbaa tokko dibata gogaa addeessu fuulasheetti yeroo dibattu

Dubartoota Afriikaa Kibbaa sadii keessaa tokko biftisaanii akka diimatu gochuuf saamunaafi dibata gogaa addeessu akka fayyadaman qorannaan tokko gabaaseera. Wantoonni gogaa addeessan kun balaa waan geessisaniif, biyyoota hedduu keessatti dhorkamaniiru. Balaa isaan geessisan keessaa tokko tokko, dhukkuba kaansarii, dhukkuba kalee, dhiphina, cittoofi godaannisadha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi