LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 4/15 ful. 5
  • Of T⁠o⁠ʼachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Of T⁠o⁠ʼachuu
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Of Toʼachuu—Yihowaa Biratti Fudhatama Argachuuf Amala Barbaachisu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Amala Of T⁠o⁠ʼachuu Horadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Miira Kee Toʼachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2015
  • Ittiin Baafata
    Dammaqaa!—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2015
g 4/15 ful. 5

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFNI QULQULLUUN YEROO HARʼAATTI NI FAYYADAA?

Seerawwan buʼuuraa Namoota Hundaaf Hojjetanii fi Yeroon Itti Hin Dabarre​—Of ToʼAchuu

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubbata, namni ogeessi garuu in obsa, of qabaas in dubbata.”—Fakkeenya 29:11.

“Akkan duʼaa kaafametti natti dhagaʼama!”

FAAYIDAA ISAA: Faayidaa of toʼachuun qabu hunda tarreessuu yoo barbaaddee, waraqaa hedduutu si barbaachisa! Faayidaan inni tokko, fayyaa keenya nuu eeguu isaa ti. Macaafni Qulqulluun, “Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya [ykn fayyaa] in kenna,” akkasumas “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna” jedha. (Fakkeenya 14:30; 17:22) Faallaa kanaatiin, namoonni dafanii aaranii fi jibba qaban dhibee fayyaatiif, keessumaa dhukkuba onneetiif akka of saaxilan qorannoowwan ni argisiisu. Of toʼachuun fayyaa qaamaa argamsiisuudhaan alattis faayidaa kan biraa qaba.

Kaasiyus inni umurii waggoota 30mmanii keessatti argamu amala isaa duraanii yaadachuudhaan akkas jedheera: “Namootaa wajjin walii hin galu, akkasumas dafeen aaran ture; yeroo baayʼee anatu lola kaasa ture. Ofii kootiif kabaja hin qabun ture. Seerawwan Buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojii irra oolchuu yeroon jalqabu garuu wanti kun hundi ni jijjiirame. Aarii koo toʼachuun baradhe; akkasumas amala gad of deebisuu fi dhiifama gochuu horachuu nan baradhe. Utuu kun taʼuu baatee garuu, mana hidhaa galuun koo hin oolu ture. Dhugaa dubbachuuf, akkan duʼaa kaafametti natti dhagaʼama!”

Kaasiyus seeraan mootora isaa utuu oofuu konkolaachisaan aare tokko isatti dheekkamaa jira

Kaasiyus aarii isaa toʼachuu fi dhiifama gochuu barateera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi