Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Samii
Samiin ykn waaqni, mata duree yaadawwan buʼuura hin qabne irratti kennamanii fi baayʼee wal falmisiisu dha. Wanti Kitaabni Qulqulluun barsiisu garuu isa namoonni hedduun baratan irraa adda dha.
Samiin maali dha?
NAMOONNI MAAL JEDHU?
Samii fi kaayyoo isaa ilaalchisee amantii garaa garaatu jira. Fakkeenyaaf:
Namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan hedduun yaada kitaabni New Catholic Encyclopedia jedhamu, samiin “iddoo bara baraa namoonni eebbifamoon gooftaatti amananii duʼan keessa jiraatan” taʼuu isaa dubbatu irratti walii galu.
Barsiisaan Yihudii Beentizoon Kiraaviitis jedhaman amantiin Yihudii jireenya duʼa booda jiru irratti utuu hin taʼin, jireenya isa ammaa irratti caalaatti akka xiyyeeffatu dubbataniiru. Garuu akkana jedhaniiru: “Lubbuun samii keessatti gammachuu guddaa, jechuunis hubannaa guddaa fi walitti dhufeenya cimaa kanaan dura Waaqayyoo wajjin hin qabne argatti.” Haa taʼu malee, Kiraaviitis itti fufuudhaan, “Amantiin Yihudii samiitti kan amanu taʼus, Tooraan waaʼee samii baayʼee hin dubbatu” jedhaniiru.
Warri Hinduu fi Budiistonni samiin sadarkaa hafuuraa hedduu keessatti akka argamu amanu. Iddoo namni tokko deebiʼee lafa irratti dhalachuu isaa ykn gara iddoo samii irra caaluu fi Nirvaanaa jedhamuutti darbuu isaa dura yeroodhaaf keessa turu dha jedhanii amanu.
Tokko tokko immoo amantii samii ilaalchisee jiru hunda kan hin fudhanne siʼa taʼu, yaada gatii hin qabne dha jedhu.
Samiin, mata duree yaadawwan buʼuura hin qabne irratti kennamani dha
KITAABNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA?
Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “waaqa” ykn samii jedhu hiika garaa garaa qaba. Fakkeenyaaf:
Uumamni 1:20, simbirroonni ‘bantii waaqaa jala lafa irra balaliʼan’ akka uumaman dubbata. Iddoo kanatti maqaan “bantii waaqaa” jedhu qilleensa naannoo jechuunis samii isa ijaan mulʼatu argisiisa.
Isaayaas 13:10 (NW), waaʼee ‘urjoota samii fi tuuta urjootaa’ isa nuti hawaa jennee waamnuu dubbata.
Kitaabni Qulqulluun, ‘iddoon jireenyaa waaqayyoo waaqa irra’ akka taʼe, akkasumas ‘ergamoonni waaqa irra’ akka jiraatan dubbata. (1 Mootota 8:30; Maatewos 18:10) Jechi “waaqa” jedhu kun fakkeenya utuu hin taʼin, iddoo jireenyaa dhugumaan jiru kan argisiisu akka taʼe hubadhu.a
“Waaqa irraa gad ilaali, iddoo kee isa qulqullaaʼaa fi ulfina-qabeessa keessaas nu milʼadhu.”—Isaayaas 63:15.
Namoonni gaariin hundi yeroo duʼan gara samii deemuu?
Kitaabni Qulqulluun lafti iddoo jireenyaa yeroo gabaabaa, duʼaa fi jireenya duʼa booda samii irra jiru itti eeggannu akka taatetti hin barsiisu. Akkasumas, duuti kaayyoo jalqaba Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu akka hin taane ifatti dubbata. Mee haa ilaallu:
Waaqayyo hiriyoota gaaʼelaa jalqabaatiin, “Horaa, baayʼadhaas, lafa guutaa” jedhee ture. (Uumama 1:28) Lafti iddoo dhaabbataa namoonni bara baraaf keessa jiraatan akka taatuuf uumamte. Dhiiraa fi dubartiin jalqabaa kan duʼan yoo Waaqayyoof ajajamuu didan qofa ture. Kan nama gaddisiisu garuu, ajajamu diduu filatan.—Uumama 2:17; 3:6.
Namni jalqabaa ajajamuu diduun isaa, isaa fi haadha manaa isaa irratti qofa utuu hin taʼin, sanyii isaa irratti duʼa fideera. (Roomaa 5:12) Kana jechuun ilmaan namootaa abdii hin qaban jechuu dhaa?
Kitaabni Qulqulluun, ‘akka abdii Waaqayyo nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas akka eeggannu’ dubbata.b (2 Phexros 3:13) Waaqayyo karaa Mootummaa isaa kaayyoo lafti itti uumamte galmaan kan gaʼu siʼa taʼu, sana booda “duuni deebiʼee hin argamu.” (Mulʼata 21:3, 4) Caqasi kun waaʼee jireenya samii moo waaʼee jireenya lafa irraa dubbachaa jira? Wanti tokko “deebiʼee hin argamu” kan jedhamu jalqaba yoo iddoo sana ture dha. Duuti immoo samii keessa jiraatee hin beeku. Kanaafuu caqasni kun wanta lafa irratti taʼu dubbachaa jira; lafti iddoo akka irra jiraannuuf uumamtee fi namoota jaallannuu wajjin keessa jiraachuuf hawwinu dha. Akkasumas Kitaabni Qulqulluun namoonni duʼan kaʼanii namoota jaallatanii wajjin akka wal argan dubbata.—Yohannis 5:28, 29.
Namoonni hedduun wanta Kitaabni Qulqulluun samii ilaalchisee barsiisu yeroo beekan baayʼee gammadu. Fakkeenyaaf namichi duraan Kaatolikii turee fi Joorji jedhamu, “Barumsi Kitaabni Qulqulluun lafa irra bara baraaf jiraachuu ilaalchisee barsiisu kan nama jajjabeessu dha. Gara samii deemuu caalaa kan nama amansiisu kana dha” jedheera.c
“Bantiiwwan waaqaa kan Waaqayyoo ti, lafa garuu ilmaan namaatiif kenne.”—Faarfannaa 115:16.
a Dhugaa dha, Waaqayyo qaama hafuuraa ti malee qaama foonii miti. (Yohannis 4:24) Kanaafuu, iddoon jireenyaa isaa bakka hafuuraa iddoo jireenyaa keenya isa ijaan argamu irraa adda taʼe taʼuu qaba.
b Yaadni “lafa haaraa” jedhu pilaaneetii haaraa kan argisiisu miti; kanaa mannaa, ilmaan namootaa Waaqayyo biratti fudhatama argatanii fi lafa irra jiraatan kan argisiisu dha.—Faarfannaa 66:4.
c Kitaabni Qulqulluun bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, Yesusii wajjin samii irratti bulchuuf kan filataman namoota lakkoofsi isaanii murtaaʼe, jechuunis namoota 144,000 qofa akka taʼan barsiisa.—1 Phexros 1:3, 4; Mulʼata 14:1.