LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 3 ful. 6
  • 3. Matumaa Abdii hin Kutatin

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 3. Matumaa Abdii hin Kutatin
  • Dammaqaa!—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Galmawwan Hafuuraa Baafatterra Gaʼuu ni Dandeessa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Barsiifata Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2016
  • Galma Koorra Gaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • 1 Dhugaa Jiru Amanii Fudhadhu
    Dammaqaa!—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 3 ful. 6
Dubartiin tokko kaalaandarii irratti yommuu mallattoo gootu

MATADUREE FUULA JALQABAA | BARSIIFATA KEE TOʼACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

3 Matumaa Abdii hin Kutatin

Kaalaandarii mallattoon itti godhame

Yaanni beekamaan tokko barsiifata haaraa horachuun guyyaa 21 qofa akka gaafatu ibsa. Qorannoon akka argisiisutti garuu, jijjiirama guddaa gochuun namoota tokko tokkoof yeroo kana irra xinnaatu, namoota kaaniif immoo yeroo kana irra caalu fudhachuu dandaʼa. Kun abdii si kutachiisuu qabaa?

Mee haala kana irratti yaadi: Torbanitti al sadii sochii qaamaa gochuu barsiifata godhachuu barbaadde haa jennu.

  • Torban isa jalqabaatti galma kee irra geesse.

  • Torban isa lammaffaatti guyyaa tokko utuu hin hojjetin hafte.

  • Torban isa sadaffaatti ammas galma kee irra geesse.

  • Torban isa arfaffaatti immoo sochii tokko illee hin goone.

  • Torban isa shanaffaatti, ammas galma kee irra geesse; yeroo sanaa jalqabee torban torbaniin galma kee irra geesse.

Barsiifata haaraa kana kan ofii godhachuun torban shan sitti fudhate. Kun yeroo dheeraa fakkaachuu dandaʼa; haa taʼu malee, takkaa erga galma kee irra geessee booda, barsiifata haaraa gaarii taʼe tokko qabaachuu keetti ni gammadda.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni qajeelaan siʼa torba utuma kufee iyyuu, deebiʼee in kaʼa.”—Fakkeenya 24:16.

Kitaabni Qulqulluun abdii akka hin kutanne nu jajjabeessa. Wanti dhuma irratti bakka guddaa qabu, siʼa meeqa kufuu keenya utuu hin taʼin, siʼa meeqa deebinee kaʼuu keenya dha.

Wanti dhuma irratti bakka guddaa qabu, siʼa meeqa kufuu keenya utuu hin taʼin, siʼa meeqa deebinee kaʼuu keenya dha

WANTA GOCHUU DANDEESSU

  • Barsiifata gadhee tokkotti deebiʼuun yeroo hundumaatiif milkaaʼina dhabuu akka taʼe gootee hin yaadin. Galma kee irra gaʼuuf yommuu carraaqxu, gufuuwwan tokko tokko akka si mudatan eegi.

  • Yeroo wanta sirrii taʼe itti raawwatte irratti xiyyeeffadhu. Fakkeenyaaf, akkaataa ijoollee kee itti haasofsiistu irratti fooyyaʼiinsa gochuuf yaalaa jirta yoo taʼe, ‘Yeroo dhumaatiif ijoollee kootti iyyuu barbaadee kanan dhiisee yoomi? Yeroo sanatti iyyuu mannaa maalan godhe? Ammas akkana gochuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Gaaffiiwwan akkanaa, dadhabina kee irratti xiinxaluu mannaa milkaaʼina argatte akka cimsattu si gargaaruu dandaʼu.

Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu jireenya kee kaan irratti, jechuunis yaaddoo moʼuu, jireenya maatii gammachiisaa taʼe qabaachuu fi gammachuu dhugaa argachuu irratti akkamitti si gargaaruu akka dandaʼan beekuu ni barbaaddaa? Taanaan, Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko haasofsiisi ykn weeb saayitii keenya jw.org/om ilaali.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLLUU DABALATAA

“Wanta ija kee dura jiru duwwaa ilaali!”—Fakkeenya 4:25.

“Wantoota na duuba jiran irraanfadhee, wantoota fuula koo dura jiranitti nan hiixadha; . . . galma sana irra gaʼuuf carraaqaan jira.”—Filiphisiyus 3:13, 14.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi