LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w23 Caamsaa ful. 26-31
  • Galmawwan Hafuuraa Baafatterra Gaʼuu ni Dandeessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Galmawwan Hafuuraa Baafatterra Gaʼuu ni Dandeessa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • KAKAʼUMSA QABAACHUUN BARBAACHISAADHA
  • YEROO KAKAʼUMSI KEENYA XIQQAATU
  • GUFUUN YEROO SI MUDATU ABDII HIN KUTATIN
  • Galma Hafuuraa Baafachuu fi Irra Gaʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuuf Galma Baafadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Galmawwan Hafuuraakee Bira Ga’uu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Uumaa Kee Jajachuuf Galmawwan Hafuuraa Baafadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2004
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
w23 Caamsaa ful. 26-31

MATA DUREE QOʼANNAA 24

Galmawwan Hafuuraa Baafatterra Gaʼuu ni Dandeessa

“Yoo abdii kutachuu baanne yommuu yeroon isaa gaʼu waan haammannuuf, wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.”—GAL. 6:9.

FAARFANNAA 84 Bakka Gargaarsi Barbaachisutti Tajaajiluu

QABIYYEEa

1. Baayʼee keenya haala rakkisaa akkamiitu nu mudata?

GALMA hafuuraa tokko kan baafatte taʼus irra gaʼuun sitti ulfaatee beekaa?b Taanaan, haalli akkasii kan mudate si qofa miti. Fakkeenyaaf, Filiippi qabiyyee kadhannaa isaa fooyyessuu fi irra deddeebiʼee kadhannaa dhiheessuu kan barbaadu taʼus yeroo argachuun isatti ulfaata. Eeriikaan yeroodhaan walgaʼii tajaajila dirreerratti argamuuf galma baafattee turte; taʼus yeroo hunda barfatti. Toomaash Kitaaba Qulqulluu dubbisee xumuruuf yeroo baayʼee yaaleera. Akkana jedheera: “Kitaaba Qulqulluu dubbisuun na hin gammachiisu. Siʼa sadii yaaleera, siʼa sadanuu Leewwota bira gaʼeen dhiise.”

2. Galma baafanne tokkorra ammayyuu hin geenye yoo taʼe abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

2 Galma baafatte tokkorra ammayyuu hin geenye taanaan abdii hin kutatin. Galma salphaa taʼerra gaʼuufillee yeroo fi carraaqqii hedduu gaafachuu dandaʼa. Ammayyuu galma keerra gaʼuuf fedhii qabaachuun kee michummaa Yihowaa wajjin qabduuf iddoo guddaa akka kennituu fi wanta hundarra caalu isaaf kennuu akka barbaaddu argisiisa. Yihowaan carraaqqii gootuuf iddoo guddaa kenna. Inni wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. (Far. 103:14; Mik. 6:8) Kanaafuu, galma tokko yeroo baafattu irra gaʼuu kan dandeessu taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Galma tokko erga baafattee booda irra gaʼuuf maal gochuu dandeessa? Mee yaadawwan si fayyadan tokko tokko haa ilaallu.

KAKAʼUMSA QABAACHUUN BARBAACHISAADHA

Namichi tokko bidiruu sharaan isaa diriirfameen deemaa jira.

Kakaʼumsa Dabalataa Qabaachuuf Kadhadhu (Keeyyata 3-4 ilaali)

3. Kakaʼumsa qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

3 Galma hafuuraa tokkorra gaʼuuf kakaʼumsa qabaachuun baayʼee barbaachisaadha. Galma baafatterra gaʼuuf fedhii guddaa yoo qabaatte carraaqqii cimaa goota. Kakaʼumsa qabaachuun bubbee bidiruu dhiibu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Bubbeen bidiruu sana dhiibuu isaa yeroo itti fufu bidiruun sun salphaatti iddoo yaadame gaʼuu dandaʼa. Bubbeen sun cimaa taanaanimmoo dafee gaʼuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, caalaatti kakaʼumsa yoo qabaanne galma keenyarra gaʼuun nuuf salphata. Obboleessi Deevid jedhamuu fi Eel Saalvaador keessa jiraatu akkana jedheera: “Yeroo kakaʼumsa qabaattu caalaatti carraaqqii goota. Wanti kamiyyuu galma keerra gaʼuu akka si dhoowwu hin heyyamtu.” Maarree, caalaatti kakaʼumsa qabaachuuf maal gochuu dandeessa?

4. Waaʼee maalii kadhachuu dandeenya? (Filiphisiyus 2:13) (Fakkichas ilaali.)

4 Caalaatti kakaʼumsa qabaachuuf kadhadhu. Yihowaan hafuura isaatti fayyadamee galma keerra gaʼuuf kakaʼumsa akka qabaattu si gargaaruu dandaʼa. (Filiphisiyus 2:13 dubbisi.) Yeroo tokko tokko galma kan baafannu baafachuu akka qabnu waan nutti dhagaʼamuufi; kun gaariidha. Taʼus, galma sanarra gaʼuuf fedhii qabaachuu dhiisuu dandeenya. Obboleettiin Ugaandaa keessa jiraattuu fi Noorinaa jedhamtu akkas ishiitti dhagaʼamee ture. Barsiisuuf gaʼumsa akka hin qabne waan ishiitti dhagaʼamuuf kakaʼumsa qabaachuu baattus, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu tokko argachuuf galma baafatte. Maarree, galma kanarra gaʼuuf maaltu ishii gargaare? Akkana jetteetti: “Fedhiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuuf qabu akka naaf guddisu guyyaa guyyaadhaan Yihowaa kadhachuun jalqabe. Tarkaanfii kadhannaa koo wajjin walsimu fudhachuudhaan dandeettii barsiisuu koo fooyyessuuf carraaqqiin godhe. Jiʼoota muraasa booda fedhiin koo akka dabalen hubadhe. Wagguma sanas qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu lama jalqabsiisuu dandaʼeera.”

5. Kakaʼumsa keenya dabaluuf maalirratti xiinxaluu dandeenya?

5 Wanta Yihowaan siif godherratti xiinxali. (Far. 143:5) Phaawulos ergamaan gaarummaa guddaa Yihowaan isatti argisiiserratti xiinxaluun isaa Yihowaadhaaf jabaatee hojjechuuf isa kakaaseera. (1 Qor. 15:9, 10; 1 Xim. 1:12-14) Haaluma wal fakkaatuun, wanta Yihowaan siif godherratti yeroo xiinxaltu galma keerra gaʼuuf caalaatti kakaʼumsa qabaatta. (Far. 116:12) Obboleettiin Honduraas keessa jiraattu takka galma qajeelchituu taʼuuf baafatterra gaʼuuf maaltu akka ishii gargaare haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Yihowaan hammam akka na jaallatun xiinxale. Saba isaa keessaa tokko akkan taʼu naaf heyyameera. Naaf yaada, akkasumas eegumsa naaf godha. Wantoota kanarratti xiinxaluun koo jaalallin isaaf qabu akka guddatuu fi kakaʼumsi koo akka dabalu godheera.”

6. Wanti kakaʼumsa keenya guddisuuf nu gargaaru kan biraan maalidha?

6 Eebbawwan galma baafatterra gaʼuun kee siif argamsiisurratti xiyyeeffadhu. Eeriikaan ishiin olitti ibsamte galma yeroodhaan walgaʼii tajaajila dirreerratti argamuuf baafatterra gaʼuuf wanta ishii gargaare hubadhu. Akkana jetteetti: “Walgaʼii tajaajila dirree barfadhee yeroon gaʼu wanti baayʼeen akka na darbu hubadheera. Dursee achi gaʼuun koo garuu, obboloota koo nagaa gaafachuu fi isaan wajjin yeroo dabarsuuf na gargaara. Yaadawwan tajaajila kootti gammaduu fi fooyyessuuf na gargaaranis nan dhagaʼa.” Eeriikaan faayidaa yeroodhaan gaʼuun qaburratti waan xiyyeeffatteef galma ishiirra gaʼuu dandeesseetti. Atoo eebbawwan akkamiirratti xiyyeeffachuu dandeessa? Dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee ykn kadhannaa keerratti fooyyaʼiinsa gochuuf galma baafatteetta taanaan galma kanarra gaʼuun michummaa Yihowaa wajjin qabdu kan siif cimsu akkamitti akka taʼe yaadi. (Far. 145:18, 19) Amala Kiristiyaanaa tokko horachuuf galma baafatteetta taanaanimmoo amala sana qabaachuun kee hariiroo warra kaan wajjin qabdu kan fooyyessu akkamitti akka taʼe yaadi. (Qol. 3:14) Sababiiwwan galma kanarra gaʼuuf si kakaasan hundumaa maaliif hin barreessitu? Wanta barreessite yeroo yeroodhaan ilaali. Toomaash, “Galma tokkorra gaʼuuf sababii hedduu yeroon qabaadhu caalaattin carraaqqii godha” jedheera.

7. Huuliyoo fi haati manaa isaa galma isaaniirra akka gaʼan maaltu isaan jajjabeesse?

7 Namoota galma keerra akka geessu si jajjabeessan wajjin yeroo dabarsi. (Fak. 13:20) Huuliyoo fi haati manaa isaa galma tajaajila isaanii balʼifachuuf baafatanirra gaʼuuf wanta isaan gargaare hubadhu. Huuliyoon akkana jedheera: “Michoota galma keenyarra akka geenyu nu jajjabeessan filanne; waaʼee galma keenyaas isaan wajjin ni haasofna turre. Baayʼeen isaanii galmawwan nuti baafannerra waan gaʼaniif yaada nu fayyadu nuuf kennuu dandaʼu. Kana malees, waaʼee galmawwan keenyaa nu gaafatu, akkasumas yeroo barbaachisutti nu jajjabeessu.”

YEROO KAKAʼUMSI KEENYA XIQQAATU

Namichi fakkii oliirratti ibsame batoodhaan bishaan mooqaa jira.

Galma Keerra Gaʼuuf Carraaqqii Godhi (Keeyyata 8 ilaali)

8. Galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii kan goonu yeroo kakaʼumsa qabaannutti qofa yoo taʼe maaltu uumamuu dandaʼa? (Fakkichas ilaali.)

8 Dhugaa dubbachuuf hundi keenyayyuu yeroo tokko tokko kakaʼumsa dhabuu dandeenya. Kana jechuun galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii gochuu hin dandeenyu jechuudhaa? Lakki. Fakkeenyaaf, bidiruun tokko bakka yaadame akka gaʼu gochuuf bubbeen gaʼee guddaa qabaachuu dandaʼa. Taʼus humni bubbee garaagara taʼuu dandaʼa; guyyaa tokko tokkommoo jiraachuu dhiisuuyyuu dandaʼa. Kana jechuun bidiruun sun deemuu isaa itti fufuu hin dandaʼu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Fakkeenyaaf, bidiruun tokko tokko motara qaba, kaanimmoo batoo qaba. Namni bidiruu sana oofu wantoota kanatti fayyadamee gara bakka yaadee deemuu isaa itti fufuu dandaʼa. Kakaʼumsi keenya bubbee wajjin wal fakkaata; yeroo tokko tokko dabaluu, yeroo tokko tokkommoo xiqqaachuu dandaʼa. Yeroon galma keenyarra gaʼuuf kakaʼumsa itti dhabnus jira. Kanaafuu, galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii kan goonu yeroo kakaʼumsa qabnutti qofa yoo taʼe galma keenyarra gaʼuu dhiisuu dandeenya. Taʼus, akkuma namni bidiruu oofu tokko bakka yaade gaʼuuf karaa kan biraa argachuuf yaalu, yeroo kakaʼumsa hin qabaannettillee galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Akkas gochuun of toʼachuu kan gaafatu taʼus, buʼaan isaa nama kiisa. Wanta gochuu dandeenyurratti mariʼachuu keenya dura gaaffii kaʼuu dandaʼu tokko haa ilaallu.

9. Galma tokkorra gaʼuuf kakaʼumsa yeroo hin qabaannettillee galma sanarra gaʼuuf carraaqqii gochuun dogoggoraa? Ibsi.

9 Yihowaan gammachuu fi fedhiidhaan akka isa tajaajillu barbaada. (Far. 100:2; 2 Qor. 9:7) Maarree, akkas gochuun nu hin gammachiisu taanaan galma hafuuraa tokkorra gaʼuuf carraaqqii gochuu qabnaa? Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa haa ilaallu. “Qaama koo cimsee adabuudhaan akka garbichaatti akka naaf [ajajamun] godha” jedheera. (1 Qor. 9:25-27, milj.) Phaawulos wanta Yihowaan barbaadu gochuuf yeroo fedhii hin qabaannettillee of dirqisiisa ture. Maarree, Yihowaan tajaajila Phaawulos dhiheessetti gammadeeraa? Eeyyee gammadeera. Carraaqqii inni godheefis isa eebbiseera.—2 Xim. 4:7, 8.

10. Yeroo kakaʼumsa hin qabaannettillee galma tokkorra gaʼuuf carraaqqii gochuun faayidaa akkamii argamsiisa?

10 Nutis yeroo kakaʼumsa hin qabaannettillee galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii yeroo goonu Yihowaan baayʼee gammada. Wanta tokko kan raawwannu wanta sana jaallannee taʼuu baatus, jaalala isaaf qabnuun kakaanee akka taʼe waan beekuuf nutti gammada. Yihowaan akkuma Phaawulosiin eebbise carraaqqii goonuuf nu eebbisa. (Far. 126:5) Eebba Yihowaa argachuun keenyammoo kakaʼumsa qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Obboleettiin Poolaandi jiraattuu fi Luusiinaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko keessumaa yeroon dadhabu tajaajila baʼuuf fedhii hin qabaadhu. Gammachuun ergan tajaajila baʼee booda argadhu garuu kennaa ajaaʼibsiisaa taʼedha.” Kanaafuu, yeroo kakaʼumsi keenya xinnaatu maal gochuu akka dandeenyu haa ilaallu.

11. Yihowaan amala of toʼachuu akka horannu kan nu gargaaru akkamitti?

11 Of toʼachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Of toʼachuun yeroo baayʼee wanta dogoggora taʼe raawwachuurraa of qusachuu argisiisa. Haa taʼu malee, wanta gaarii taʼe keessumaa wanta nutti ulfaatu ykn wanta hin jaallanne tokko gochuufis of toʼachuun nu barbaachisa. Of toʼachuun kutaa firii hafuuraa akka taʼe yaadadhu; kanaafuu, amala barbaachisaa taʼe kana horachuu akka dandeessuuf hafuura qulqulluu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. (Luq. 11:13; Gal. 5:22, 23) Deevid inni olitti ibsame kadhannaan kan isa gargaare akkamitti akka taʼe dubbateera. Qoʼannaa dhuunfaatiif sagantaa dhaabbataa qabaachuu barbaadee ture. Akkana jedheera: “Amala of toʼachuu horachuuf Yihowaan akka na gargaarun kadhadhe. Gargaarsa isaatiin sagantaa qoʼannaa gaarii fi dhaabbataa taʼe qabaachuu dandaʼeera.”

12. Yaanni Lallaba 11:4 irra jiru galma keenyarra gaʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

12 Haala mijataa hin eeggatin. Addunyaa kana keessatti haala mijataa taʼe argachuu dhiisuu dandeenya. Hanga haalli keenya mijatutti kan eegnu yoo taʼe yoomiyyuu galma keenyarra gaʼuu dhiisuu dandeenya. (Lallaba 11:4 dubbisi.) Obboleessi Daaniʼel jedhamu akkana jedheera: “Haala mijataa taʼe argachuun rakkisaadha. Galma keenyarra gaʼuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachuu jalqabuudhaan haala keenya mijeessuuf yaaluu qabna.” Obboleessi Pool jedhamuu fi Ugaandaa keessa jiraatu sababii harʼa boru jechuu itti hin qabne kan biraa yeroo ibsu, “Haalli keenya mijataa taʼuu baatus, galma keenyarra gaʼuuf yeroo carraaqqii goonu Yihowaan nu eebbisa” jedheera.—Mil. 3:10.

13. Galma xixiqqaa baafachuudhaan jalqabuun faayidaa akkamii qaba?

13 Wanta xiqqoorraa jalqabi. Galma tokkorra gaʼuuf kakaʼumsa kan dhabnu, galma sanarra gaʼuun baayʼee ulfaataa akka taʼe waan nutti dhagaʼamuuf taʼuu dandaʼa. Atis akkas sitti dhagaʼama taanaan, galma kee iddoo xixiqqaatti hiruu dandeessaa? Amala tokko horachuuf galma baafatteetta taanaan, jalqaba amala sana karaa salphaa taʼeen argisiisuuf maaliif hin yaaltu? Galmi kee Kitaaba Qulqulluu guutummaatti dubbistee xumuruu yoo taʼemmoo, dubbisa keetiif yeroo gabaabaa qofa ramaduudhaan jalqabuu ni dandeessaa? Toomaash inni seensarratti ibsame galma Kitaaba Qulqulluu waggaatti dubbisee xumuruuf baafaterra gaʼuun isatti ulfaatee ture. Akkana jedheera: “Sagantaan baafadhe takkaatti dubbisa dheeraa dubbisuu kan gaafatu akka taʼen hubadhe. Kanaafuu, sagantaa koorratti sirreeffama gochuufan murteesse; yeroo kanatti guyyaa guyyaadhaan keeyyata muraasa dubbisee irratti xiinxaluufan karoora baafadhe. Kanaan kan kaʼes, dubbisa kootti gammaduu dandaʼeera.” Toomaash dubbisa isaatti gammaduun isaa yeroo dubbisaan dabarsu dheeressuuf isa kakaase. Yeroo booda, Kitaaba Qulqulluu dubbisee fixuu dandaʼeera.c

GUFUUN YEROO SI MUDATU ABDII HIN KUTATIN

14. Gufuuwwan akkamii nu mudachuu dandaʼu?

14 Kan nama gaddisiisu, kakaʼumsa kan qabnu ykn kan of toʼannu yoo taʼellee, gufuun nu mudachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, “wanti hin eegamne” yeroo galma keenyarra gaʼuuf nu barbaachisu nu jalaa fudhachuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Haalli rakkisaan abdii nu kutachiisuu fi humna nu dhabsiisu nu mudachuu dandaʼa. (Fak. 24:10) Mudaa waan qabnuuf dogoggora galma keenyarra gaʼuun akka nutti ulfaatu godhu raawwachuu dandeenya. (Rom. 7:23) Yookiinimmoo dadhabuu dandeenya. (Mat. 26:43) Maarree, gufuu nu mudatu moʼuuf maaltu nu gargaara?

15. Gufuun nu mudateera jechuun milkaaʼina argachuu hin dandeenyu jechuudhaa? Ibsi. (Faarfannaa 145:14)

15 Gufuun si mudateera jechuun milkaaʼina argachuu hin dandeessu jechuu akka hin taane yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun haalli rakkisaan yeroo baayʼee nu mudachuu akka dandaʼu dubbata. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaatiin galma keenyarra gaʼuu akka dandeenyus ni dubbata. (Faarfannaa 145:14 dubbisi.) Filiippi inni olitti ibsame waaʼee milkaaʼinaa yeroo dubbatu akkana jedheera: “Yeroon galma koorra utuun hin gaʼin haferratti hin xiyyeeffadhu. Kanaa mannaa, yeroon deebiʼee galma koorra gaʼuuf carraaqqii gochuu itti jalqaberrattan xiyyeeffadha.” Deevid inni olitti ibsames akkana jedheera: “Gufuu na mudatu akka gufuutti utuu hin taʼin, akka carraa jaalalan Yihowaadhaaf qabu argisiisuu itti dandaʼuttan ilaala.” Eeyyee, utuma gufuun si mudatuu galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuun kee Yihowaa gammachiisuu akka barbaaddu argisiisa. Galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuu kee yeroo itti fuftu Yihowaan hammam akka gammadu mee yaadi!

16. Gufuu nu mudaturraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

16 Gufuu si mudaterraa baradhu. Wanta gufuu sanaaf sababa taʼerratti yaadi; achiis, ‘Gufuu kan biraan akka na hin mudanne jijjiirama gochuu nan dandaʼaa?’ jedhii of gaafadhu. (Fak. 27:12) Yeroo tokko tokko, gufuun si mudatu galmi baafatte humna keetii ol akka taʼe kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Akkas yoo sitti dhagaʼame, galmi baafatte irra gaʼuu kan dandeessu taʼuu fi dhiisuu isaa gamaaggami.d Yihowaan galma humna keetii ol taʼe tokkorra gaʼuu waan dadhabdeef, milkaaʼina akka dhabdetti si hin ilaalu.—2 Qor. 8:12.

17. Milkaaʼina kanaan dura arganne yaadachuu kan qabnu maaliifi?

17 Galma kanaan dura irra geesse yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan . . . hin irraanfatu” jedha. (Ibr. 6:10) Kanaafuu, atis irraanfachuu hin qabdu. Galma kanaan dura irra geesserratti yaadi; galmi kunis Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu, waaʼee isaa warra kaanitti himuu ykn cuuphamuu taʼuu dandaʼa. Kanaan dura guddina gootee galmawwan hafuuraarra akkuma geesse, ammas guddina gochuu kee itti fufuudhaan galma baafatterra gaʼuu ni dandeessa.—Filp. 3:16.

Namichumti sun yeroo doolfiinonni bishaan keessaa utaalanii fi aduun lixxu bidiruu isaa keessa dhaabbatee ilaalaa jira.

Imala Keetti Gammadi (Keeyyata 18 ilaali)

18. Galma tokkorra gaʼuuf carraaqqii yeroo goonu maal yaadachuu qabna? (Fakkichas ilaali.)

18 Akkuma namni bidiruu oofu tokko bakka yaade yeroo gaʼu gammadu, atis gargaarsa Yihowaatiin galma keerra yeroo geessu gammaduu dandeessa. Garuu namoonni bidiruu oofan hedduun imala isaaniittis akka gammadan yaadadhu. Haaluma wal fakkaatuun, atis galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuu kee yeroo itti fuftu, Yihowaan carraaqqii keerratti si gargaaraa fi si eebbisaa kan jiru akkamitti akka taʼe hubachuu hin dagatin. (2 Qor. 4:7) Yoo abdii kutachuu baatte, eebbawwan kanarra caalanis ni argatta.—Gal. 6:9.

GALMA HAFUURAA TOKKORRA GAʼUUF CARRAAQQII YEROO GOONU, . . .

  • kakaʼumsa keenya guddifachuuf maal gochuu dandeenya?

  • kakaʼumsi keenya yoo xiqqaate maal gochuu dandeenya?

  • gufuu nu mudatuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

FAARFANNAA 126 Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!

a Galma hafuuraa akka baafannu yeroo hunda jajjabeeffamna. Haa taʼu malee, galma tokko baafannee yoo irra gaʼuu dadhabnehoo? Mata dureen kun gorsawwan galma baafannerra gaʼuuf nu gargaaran qabateera.

b IBSA JECHAA: Galmi hafuuraa caalaatti Yihowaa tajaajiluu fi isa gammachiisuu akka dandeenyuuf wanta fooyyessuuf ykn irra gaʼuuf carraaqqii goonu kamiyyuu kan dabalatudha. Fakkeenyaaf, amaloota Kiristiyaanaa horachuuf ykn Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi tajaajila dabalatee waaqeffannaa keerratti fooyyaʼiinsa gochuuf galma baafatteetta taʼa.

c Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu ful. 10-11, key. 4 ilaali.

d Odeeffannoo dabalataatiif, Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2008 irraa mata duree, “Humnakee Beekuudhaan Gammachuu Argadhu” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi