Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuuf Galma Baafadhaa
1 ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan ammuma iyyuu bilchaatee, haamaan ga’eera.’ (Yoh. 4:35) Jechoonni Yesus Kiristosiin dubbataman kun haala Kiristiyaanonni yeroo har’aa keessa jiran sirriitti kan argisiisanidha.
2 Namoonni garaa qajeelaa qabaniifi karaa Yihowaa barachuu barbaadan ammayyuu argamaa jiru. Kanas lakkoofsa bartoota haaraa waggaa waggaadhaan cuuphamaniirraa ilaaluun ni danda’ama. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf garaadhaa kan barbaaddan yoo ta’e, maal gochuu dandeessu?
3 Galma Baafadhaa: Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufis ta’e walitti aansitanii geggeessuuf galma baafadhaa. Tajaajila dirreerratti yommuu hirmaattan galma keessan yaadatti qabadhaa. Hojiin Kiristiyaana ta’uu keenyaan nutti kenname, lallabuufi barsiisuu kan dabalatu waan ta’eef, hundi keenya hojii Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuurratti hirmaachuuf carraaqqii dabalataa gochuu qabna.—Mat. 24:14; 28:19, 20.
4 Wantoota Yaadatti Qabachuu Qabnu Kan Biraa: Babal’istoonni Mootummichaa kadhannaa garaadha madde dhiheessuu qabu. Yeroo tokko tokko namoota Macaafa Qulqulluu hubachuuf kadhannaa dhiheessan arganna. Namoota akkasii argachuufi barsiisuurratti Yihowaan nutti gargaaramuunsaa eebba akkamiiti!—Hag. 2:7; HoE. 10:1, 2.
5 Obboleettiin tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuuf kadhannaa erga dhiheessitee booda, koppii hedduu tiraaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? jedhamu bakka hojiishee keesse. Dubartiin tokko tiraaktota sana keessaa tokko fudhattee guutummaasaa erga dubbistee booda, bakka duwwaa dugdasaarra jirurratti guutuutti yeroo kaatetti, obboleettiin kun erga ishee hasofsiistee booda qayyabanna Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu dandeesseetti.
6 Babal’istoonni qayyabanna jalqabsiisuufi geggeessuurratti bu’a qabeeyyii ta’an, galma qayyabanna Macaafa Qulqulluu geggeessuuf baafattanirra ga’uuf isin gargaaruu danda’u. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuuf kadhadhaa. Galma keessanirra ga’uufis gargaarsa isinii godhame hundaatti fayyadamaa. Yoo akkas gootan gammachuu Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuudhaan argamu ammuma argachuu dandeessu.