LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 6 ful. 7
  • Dandeettii Maariin Maasil Wanta Tokkotti Maxxanuuf Qabu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Maariin Maasil Wanta Tokkotti Maxxanuuf Qabu
  • Dammaqaa!—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ittiin Baafata
    Dammaqaa!—2016
  • Gogaa Qurxummii Paayilat Weel Jedhamuu fi Ofiin Of Qulqulleessu
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Haphee Barnaakilootaa
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Goraa Pooliyaa Halluu Cuquliisaa Qabu
    Dammaqaa!—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 6 ful. 7
Maariin maasil

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Maariin Maasil Wanta Tokkotti Maxxanuuf Qabu

MAARIIN MAASIL kataatti, mukatti ykn doonii jalatti of maxxansa. Haa taʼu malee, uumamawwan galaana keessaa wanta tokko irratti akka gaariitti of maxxansan irraa haala adda taʼeen, maariin maasil wantoota akka foʼaa qaqalloo baayisis jedhamaniin wanta tokko irratti rarraʼa. Malli kun maariin maasil nyaachuu fi godaanuuf isa gargaara; taʼus foʼaan isaa baayʼee qaqalloo waan taʼeef dhaʼaa galaanaa damdamachuu kan dandaʼu hin fakkaatu. Foʼaan qaqalloon maasil ittiin rarraʼu, akka inni galaanichaan hin fudhatamne kan isa gargaaru akkamitti?

Mee yaadi: Foʼaawwan baayisis gama tokkoon gogaa, gama kaaniin immoo laafaa fi harkifamuu kan dandaʼu dha. Qorattoonni reeshoo sirrii taʼe tokko argataniiru; innis foʼaan isaa dhibbeentaa 80 wanta jabaa irraa, dhibbeentaa 20 immoo wanta laafaa irraa kan hojjetame dha; kunis maasil sirriitti rarraʼuu akka dandaʼu isa gargaara. Kanaaf, baayisis humna bishaan galaanaa gama tokkoon dhufu dhiibuu fi harkisuu damdamachuuf isa gargaara.

Piroofeesarri Gaay Jeenan jedhaman buʼaa qorannaa kanaa “baayʼee dinqisiisaa” akka taʼe erga dubbatanii booda itti fufuudhaan, “Uumamni kun dandeettii dinqisiisaa kana qabaachuu kan dandaʼe, kutaan inni laafaan kutaa isa gogaa wajjin gurmaaʼina waan qabuufi dha” jedhaniiru. Saayintistoonni akkaataa foʼaan baayisis itti hojjetame, meeshaa gamoowwan ykn dooniiwwan bishaan keessa deeman irratti hojjechuuf, maashaalee lafee wajjin wal qabsiisuu fi yeroo baqaqsanii hodhuutti madaa isaa duuchuuf gargaaruu dandaʼa jedhanii amanu. Piroofeesarri Harbarti Weet jedhamanii fi Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa, Saantaa Baarbaaraa, Yunaayitid Isteetis keessatti argaman, “Uumama irraa akkaataa wantoota tokko tokko maxxansuun itti dandaʼamu ilaalchisee barumsa hedduu argannaa” jedhaniiru.

Maal sitti fakkaata? Dandeettii maariin maasil wanta tokkotti maxxanuuf qabu jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi