LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 4
  • Gogaa Qurxummii Paayilat Weel Jedhamuu fi Ofiin Of Qulqulleessu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gogaa Qurxummii Paayilat Weel Jedhamuu fi Ofiin Of Qulqulleessu
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Haphee Barnaakilootaa
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Cilinfuu Kiiyuuviyar Biikdi Weel
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 4
Qurxummii paayilat weel jedhamu

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Gogaa Qurxummii Paayilat Weel Jedhamuu fi Ofiin Of Qulqulleessu

Qurxummiiwwan galaanaa xixiqqoo taʼanii fi uumamawwan galaanaa kan biroon qaama doonii irratti wal horan, hojjettoota dooniitiif rakkina guddaa taʼu. Uumamawwan kun doonii irratti kuufamuun isaanii, deemsa isaa duubatti harkisuudhaan boba’aa dabalataa akka fayyadamu gochuu danda’a. Kun immoo dooniiwwan sun waggaa lama lamatti al tokko qulqulleeffamuu waan qabaniif yeroo muraasaaf hojii akka dhaaban godha. Saayintiistonni rakkina kanaaf furmaata argachuuf gara uumamaatti garagalaniiru.

Mee yaadi: Qurxummiin paayilat weel (Gilobasifala milas) jedhamu inni baallee dheeraa qabu gogaan isaa ofiin akka of qulqulleessu qorannaadhaan bira ga’ameera. Gogaan isaa sararoota qaqalloo naanoriijis jedhamuun kan uwwifame si’a ta’u, sararoonni kun baay’ee xixiqqoo waan ta’aniif hanqaaquuwwan qurxummii itti qabachuu hin danda’an. Iddoon sararawwan isaa gidduu jiru immoo waan akka furrii wal qabataa ta’ee fi farra algee fi baakteeriyaa ta’een kan guutame dha. Qurxummiin weel jedhamu kun gogaan isaa irraa qunca’ee yeroo baʼu waan akka furrii sana deebisee oomisha.

Saayintiistonni mala qurxummiin weel jedhamu ittiin of qulqulleessu dooniidhaaf itti fayyadamuu yaadaniiru. Kanaan dura, wanta uumamawwan xixiqqoon akka itti hin maxxanne dhoowwu itti dibu turan. Haa ta’u malee, wantoonni kaayyoo kanaaf baay’inaan hojii irra oolaa turan uummawwan galaana keessaatiif summii waan ta’aniif yeroo dhihoodhaa asitti dhorkamaniiru. Kanaafuu, sararoota keemikaala miidhaa hin geessisne coccobsan irraan qaama dooniitti gingilchaa sibiilaa maxxansuun mala gaarii akka ta’e qorattoonni bira ga’aniiru. Keemikaalli sun bishaan galaanichaatti yeroo makamu waan akka furrii furdaa ta’e uumuudhaan qaama doonichaatti gogaa uwwisa. Yeroo booda gogaan gara miilimeetira 0.7 furdatu kun dullomee lubbu qabeeyyii isatti maxxananii jiran hunda qabatee sokka. Malli kun wanti akka furrii wal harkisu sun irra deebi’ee akka oomishamuu fi qaamni doonichaa akka haguugamu godha.

Qurxummiiwwan xixiqqoo qaama dooniitti maxxanan

Qurxummiiwwan galaanaa xixiqqoo ta’an deemsa doonii duubatti harkisu, akkasumas qaama doonii irraa salphaatti hin gadhiisan

Qorannaan laaboraatorii akka argisiisutti, malli kun lubbu qabeeyyiin galaana keessaa qaama dooniitti akka hin maxxanne dachaa 100n hir’isuu danda’a. Doonii qulqulleessuuf gara lafa goggogaatti baasuun qarshii hedduu waan gaafatuuf, malli kun dhaabbilee hojii doonii wajjin wal qabate hojjetaniif faayidaa guddaa argamsiiseera.

Maal sitti fakkaata? Gogaa qurxummii paayilat weel jedhamuu fi ofiin of qulqulleessu jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi