LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 28
  • Cilinfuu Kiiyuuviyar Biikdi Weel

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Cilinfuu Kiiyuuviyar Biikdi Weel
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gogaa Qurxummii Paayilat Weel Jedhamuu fi Ofiin Of Qulqulleessu
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Oksijiinii Geejjibsiisuu
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 28
Kiiyuuviyar biikdi weel.

BluePlanetArchive/Whale Watch Azores

Cilinfuu Qurxummii Kiiyuuviyar Biikdi Weel

Gosi qurxummii Kiiyuuviyar Biikdi Weel jedhamu meetira 2,992 cilinfuu seenuu dandaʼa; bakka kana dhiibbaan bishaanii gara kiiloopaaskaali 30,300 (4,390 psi) taʼa. Qurxummiin kun bishaan keessa gad fagaatee yeroo dheeraadhaaf turu dandaʼa. Yeroo tokko bishaan keessaa gad fagaatee utuu ol hin baʼin saʼaatii 3 fi daqiiqaa 42 akka ture galmeeffamee ture. Qurxummiin hoosiftuu taʼee fi hafuura baafatu kun dhiibbaa cimaa keessatti oksijiinii xinnoodhaan yeroo dheeraaf turuu kan dandaʼu akkamitti?

Ibsa fakkii hoosiftoota bishaan keessaa afur hangam cilinfuu akka seenan tilmaamaan argisiisu. 1. Kaalifoorniyaa sii laayin: meetira 270. 2. Ispeermi weel: meetira 2,250. 3. Norzarni bootlilnoz weel: meetira 2,340. 4. Kiiyuuviyar biikdi weel: meetira 2,990.

Akkuma hoosiftoota bishaan keessa jiraatan kaanii, lafeen cinaachaa qurxummii kanaas ni dachaʼa, sombi isaas ni shuntuura. Qorattoonni akka jedhanitti, hoosiftoonni bishaan keessaa yommuu rukuttaan onnee isaanii gad buʼu oksijiinii muraasa fayyadamu, akkasumas dhiigni isaanii kallattii faallaadhaan, jechuunis kutaawwan qaamaa kan akka qochoo fi eegee jiran irraa gara sammuu, onnee fi maashaaleetti yaaʼuu jalqaba.

Dabalataanimmoo, hoosiftoonni bishaan keessa jiraatan pirootiinii maayoogloobiin jedhamutti fayyadamuudhaan maashaalee isaanii keessaati oksijiinii kuufatu. Maayoogloobiiniin kunis yeroo bishaan keessa gad fagaatanii cilinfuu seenanitti oksijiiniin isaan barbaachisu hojiirra akka oolu godha. Kuufamni maayoogloobiinii maashaalee isaanii keessatti argamu kan namootaa fi bineeldota dachee keessatti argamu irra baayʼee caala.

Qorataan tokko Kiiyuuviyar Biikdi Weel ilaalchisee akkana jedhaniiru: “Baayʼee gad fagaatanii cilinfuu seenuu dandaʼu. Akkaataa qaamni bineeldotaa itti hojjetu ilaalchisee beekumsa qabnu irratti hundoofnee, qurxummiileen kun isa nuti tilmaamnu caalaa baayʼee gad fagaatanii cilinfuu seenuu fi bishaan keessa saʼaatii dheeraadhaaf turuu akka dandaʼan hubanneerra.” Saayintistoonni akkaataa qurxummiileen kun itti cilinfuu seenan caalaatti beekuun isaanii, yaaliiwwan fayyaa kanneen akka somba shuntuuree hafe walʼaanuu jiran irratti fooyyaʼiinsa gochuuf doktaroota akka gargaaru abdatu.

Maal sitti fakkaata? Dandeettiin Kiiyuuviyar Biikdi Weel bishaan keessa gad fagaatee cilinfuu seenuu fi saʼaatii dheeraadhaaf turuuf qabu jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi